Aqiidaa
Islaamummaan aqiidaafii seera bulmaataati, aqiidaan (amantaan) bu'ura diin irratti gadi dhaabbate. aqiidaan islaamaa beekamtuu, laaftuudha. sammuu (aqlii) fayyaa qabduufii uumaa nagayaatiin waliifgalti.
matadureewwan damee
Shahaadaa lameen
Jecha tawhiidaatiif laa ilaaha illallahuuf sadarkaa ol'aanaa kennite. isiin dura waajibaati muslimarratti. namni islaamummaa seenu dura isii jedha, itti amanasi, namni fuula Rabbii kajeelaa mirkaneessee isii jedhe sababaa ibiddarraa itti nagaya bahu taatiif. Nabiin s.a.w. akki jedhan "Rabbiin nama laa ilaaha illaalaahu jedhe isiin fuula Rabbii barbaadee ibiddarratti dhoowwaa isa godhe". bukhaarii 415.
imaana
ergaan anbiyoota hundaa tan ummata isaaniitti taate rabbiin tokkichoomsanii gabarurratti waliif galti. akkasuma waan Rabbi malee gabbaramu mormurrattis. kuni hiikkaa laa ilaaha illallaahu muhammadan rasuulullaahiiti, isiin jecha namni isiin islaamummaa seenu.
Gabbartii Rabbii.
Gabbartii jechuun ajajama guutuu jaalala kabajuufii ufgadiqabuun wajji taheedha. isiin haqa Rabbiin gabroottan isaarra qabu. isuma qofaafi taate. hojiifi jechoota Rabbiin jaalatu kan ummata itti ajaje hunda ufkeessaa qabdi. hoji mul'attuu akka salaataa zakaafii hajjii taatuu, yookaa hojii keessoo akka qalbiin Rabbi faarsuu, Rabbi sodaachuu, Rabbirratti irkachuu isuma gargaarsifachuuf kanneen birootis.