sababeeffannaa
islaamni diin toltuu ilma namaatiif qabu hunda ufkeessaa qaba. inni ergaa ilma namaa hundaaf bakkuma jiru hundaatiifii yeroo hunda keessatti. yeroo hundaafii biyya hundatti mijjaawaadha. kutaan kuni barnoota muslimtichi sababeeffannaa adda addaatti itti haajamu ufkeessaa qaba.
matadureewwan damee
seera yeroo gannaa
islaamummaan amantaa hunda qixxisuudha. kanaaf jiruu akka isiin Rabbiin wajji hariiroo gudhattutti qajeelcha. akka kaayoon isii toltu, tan ogummarratti jaaramte akka taatu, taasisa. mu'iminni yeroo hundaawu ibaadaa yeroon walsimattu qaba. yeroon gannaa ibaadaalee hedduun waan walqunnamu qaba. waayee xahaaraa, salaataa, uffataa, roobaa, fii kkf, boqannaa kana keessatti waayee kana laalla yoo Rabbi jedhe.
mata duree seera karaa deemsaa
ibsa islaamummaan amantii jireenyaati, jiruu namaa hundaan walqabata, deemsaafii teessuma isaa keessatti, sossohaafii calii isaa keessatti, dhugaafii qoosaa isaa keessatti, hundaan walqabata. karaa deemsi damee jiruu hawaasummaa tanarraa takka. isiin seera Rabbiin nurraa barbaadurraa qullaa hintaatu. tan yaadachuufii itti hojjachuun barbaachisu. akkasuma seera dhiisuufii irraa fagaachuu barbaachisu. boqannaa kana keessatti waayee seera karaa deemsaa kana baranna.
dukkubaafii dukkuba daddabraa.
dukkuba daddabruun nama mokkoruun karaa Rabbiiti. muslimaafii kaafirallee kanaan mokkora. garuu haalli muslimaa balaa keessatti akka warra kaaniitii miti. muslimtichi obsa Rabbiin itti isa ajaje qabaata. akkasuma osoo inni hinbuune sababaa deebisuu hayyamamaa tahe qabata. eegabu'es uf wal'aanee fayyaa barbaada.