barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Haqa jaarsaa fi jaartii

Barnoota kana keessatti haqa jaarsaafii jaartiin walirraa qaban baranna.

  • Bultii keessatti seera haqaafii dirqamaa beekuu.
  • Haqa jaarsi jaartirraa qabu ibsuu.
  • Haqa jaartiin jaarsarraa qabdu ibsuu.

Jiruu bultii mirgaafii dirqama.

islaamummaan jaarsaafii jaartiif mirga mataa isaanii kan dirqama isaaniitiin walmadaalu kenneef. hundi dirqama kanaan dhaabbatee haqa gama kaanii guutuun jiruun bultii gadi dhaabbatti. hariiroon isaanii tolti. kabajaan isaanii eegamti. maatii bu'ura jabduu hundeessuun dandayama, tan ergama Rabbiin aadamiifii shayyii isaa uumeef mirkaneessitu.

haqa jaarsi jaartirraa qabu.

١
maatirratti hoogganaa tahuu isaa mirkaneessuu.
٢
qabeenya isaa tiiysuu.
٣
yeroo inni fagaate isa tiiysuu.
٤
joollee isaa kunuunsuu.
٥
toltuufii gaarii hojjachurratti isa gargaaruu.
٦
haqa isaa haqa fira biraarra dursuu osoo haadhaafii abbaa taatees.
٧
tajaajila manaatiifii joolleetiin dhaabbachuu.

maatirratti hoogganummaa isaa mirkaneessuu.

Rabbiin oltahe nijedhe "dhiirti hoogganoodha dubartirratti, waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseef jecha, waan qabeenya isaanii kennaniif jecha". nisaa'i 34} kuni wanni beeysisu isarra dirqama hooggansaatu jira osoo abbaa irree hintaanetti, isiin ammoo isaan hoogganamuu qabdi, angoo isaa isatti falmuu hinqabdu.

qabeenya isaa tiiysuufii balleessuu dhabuu.

hayyama isaatiin malee baasuu dhabuu. hayyama ifa tahee yookaa aadaan beekamaa tahe. yoo inni baasii manaa kennuu dide osoo qabuu. hayyama isaatiin malee dhooysitee osoo hin israafnetti waan masruufa isiifii joollee isiitiif gayu fudhachuun hayyamamaadha.

Bakka inni hin jirretti isaa if tiiysuu

Bakka jaarai isii hin jirrett nama mahaarima isii hin tahiniif seenuu hayyamuu dhabuu, fira isii tahee ka isaa garaagarummaa hin qabu.

Ilmaan isaa keessatti isa tiiysuu

Itti gafatamummaa guddisa gaarii isaanii isaa wajjiin qooddatti, umrii isaanii keessaa waaggoota duraa tahus, ilmaan yeroo hedduu abbaa caalaa isii wajjiin turan waan taheef, abbaa caalaa isirraa baratan waan taheefi.

dhimma manaa fi daa'immaniitiin dhaabbachuu

Qindeessuu fi haala isaa tartiiba godhuun, tajaajila mana keessaa waan dandeessuun dhaabbachuu.

Mirga jaartiin jaarsarraa qabdu

١
Mahrii.
٢
Diin isirraa waan itti haajamtu barsiisuu.
٣
Isii fi warra manaa nafaquu.
٤
Gaaromminaan wajjiin jiraachuu.
٥
Jaalalaa fi gara laafina mullisuu, dadhabbii isii eeguu.
٦
Bakka jaartii heddummeesanitti wlqixxeessuu.

Mahrii

Inni haqa jaartiii, jaarsi akka kennatti isiif kafala; akka qalbii isii baruuf, jaalala isiif qabu agarsiisuuf, fedhii isiif qabus. Rabbiin oltahe ni ja'e: Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafii. [Annisaa'i: 4].

Jaartii fi warra manaa nafaquu

Suni waan isaan itti haajaman hunda keessatti; nyaatarraa, dhugaatirraa, uffataa fi bikka galanirraa, waan haalli gaafattuu fi daangaa dandeettii isaakeessatti, israafaa fi qorqodaan maletti, Rabbiin ol tahe ni ja'e: Abbaan dandeettii qabu dandeettii isaa irraa haa qallabu. Namni hireen isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu. Rabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisu. Rabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira. [Axxalaaq: 7].

Gaaromminaan wajjiin jiraachuu

Jachuun, amala gaarii kan qabu tahuu, jachaa fi gochaanis wajjiin jireenya keessatti isii wajjiin gaarii tahuu, ulfaataa fi jabataa kan hin tahin, jaartii isaatiif obsuu qaba, taatee hunda jala jibbaa fi fagaatuun deebisuu hin qabu, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama. [Annisaa'i: 19], Nabiin s.a.w ni ja'e: "Mu'uminni dubartii mu'uminaa hin jibbu, amala tokko yoo irraa jibbe tokko irraa jaalata" (Muslim 1469).

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi