barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota gurgurtaa

Barnoota kana keessatti heekkaa gurgurtaa (daldalaa) fii garii seera isaa baranna.

seera daldalaa baruu.ogummaa daldalli karaa godhamteef beekuu.ulaagaalee gurgurtaa beekuu.gurgutaa dhoowwamte beekanii irraa fagaachuu.

hiikaa gurgurtaa

gurgurtaan akka afaaniitti wahiin waa jirjiiruudha. akka seeraatti qabeenyaan qabeenya bituudha.

murtii gurgurtaa.

gurgurtaa hojii hayyamamaadha, qur'aana, hadiisaafii ijmaa'aan mirkanaayeedha. Rabbiin akki jedhe "Rabbiin gurgurtaa hayyameeti dhala nyaachuu dhoowwe". baqaraa 275

ogummaa gurgurtaan hayyamamteef.

1- namni waan namni biraa qabutti haajama; nyaataa fi dhugaatii fi uffata fi iddoo jireenyarraa, abbaan wantoota kanneenii ammoo waa malee hin kennu, gurgurtaa keessa karaa namuu waan barbaadutti gahuuntu jira; gurguraan gatiif, bitataan meeshaaf.

2- jireenyi namaa karaa irra caalaa irratti tahuu; namni waan haajamu bittaan malee argachuu dhabuu waan dandahuuf.

3- hannaa fi boortaa fi shawwaddii fi kana males waan hawaasa balleessu dhoorkuu; namni waan barbaadu bittaan argachuu waan dandahuuf.

utubaalee gurgurtaa:

١
gurguraa: innis abbaa meeshaati.
٢
bitataa: innis abbaa gatiiti.
٣
dubbii; isiinis gugurarraa kennuu fi bitatarraa qeebaluu fi, waan kanarratti nama qajeelchu kan namni gurgurtatti beeku.
٤
waan irratti walii galan; sunis gatiifi waan gurguramu.

ulaagaa warra walii galuu

١
sammuu: gurgurtaan maraataa fi sakraanaa hin taatuu.
٢
gahuu: gurgurtaan daa'ima addaan baafataa fi addaan baafataa hin tahinii waan xixiqqorratti ni taati, waan xixiqqoo hin tahin irratti ammoo gurgurtaan daa'ima addaan baafataa ni taati yoo maatiin hayyamteef, ka addaan baafataa hin tahin ammoo gurgurtaan isaa hin taatu.
٣
hayyama sochii: gurgutaan nama gowwummaa isaatiif sochii dhoorkanii hin taatu.
٤
jaalachuu fi filachuu: gurgurtaan dirqamaa haqaan malee hin taatu, gurgurtaan hanjamaatis, gurgurtaan dahootis; akka waliigaltoonni lamaan sodaa zaalimaatiif akka nama walirraa bituu fakkeessuu, dhugaan waliif gurguruuf kan tahin
٥
dandeettii gurguraan waan gurgurame dhiheessuu dandahuu; yoo kan hin dandeenye tahe gurgurtaan sirrii hin taatu.

ulaagaa waan irratti waliif galanii (gatii fi gurguramaa)

١
gatii murteessuu fi gurguramaa irraa adda baasuu: gurgurtaan meeshaa meeshaan tahuu dandaha, ykn meeshaa maallaqaan, ykn maallaqa maallaqaan, kanaaf adda baasuu fi waan murteessuu qaban murteessuun ulaagaa taha.
٢
gurguramaan argamuu: waan yeroo waliigaltee san hin jirre gurguruun hin tahu
٣
gurguramaan hayyamamaa tahuu: gurgurtaan farshoo ykn booyyee ykn meeshaalee muuziqaatii fi kana males waan haraam irraa hin tahu.
٤
gurguramaan xahaara tahuu: waan najisaa gurguruun hin tahu, waan najisarraa hin qulqullooynes.
٥
gurguramaan too'atamaa tahuu: allaattii samirraa gurguruun hin tahu, makiinaa hatamtes, fakkaataa kanaatis.
٦
gurguramaa qabaachuu: gurguraan waan hin qabne gurguruun hin tahu, yoo gurguruun isaaf hayyamame malee.

gurgutaa dhoorkamaa

١
gurgurtaa daguu if keessaa qabdu; innis gurgurtaa rakkina gama tokkorra gahu kan maallaqa isaa balleessu if keessaa qabdu; akka waan jiraatuu fi jiraatuu dhabuun isaa, heddumminaa fi xiqqeenyi isaa hin beekkaminii, ykn waan kennuu hin dandeenye gurguruu,
٢
gurgurtaa shawwaddii fi miidhaa if keessaa qabdu.
٣
gurgurtaa ribaa if keessaa qabdu.
٤
waan haraam gurguruu; akka rqa, farshoo fi booyyee.
٥
gurgurtaa sababaan haraam taate: gurgurtaa guyyaa jummaa yeroo azaana lammadaa, waan haraamiif gurgurame: akka inaba farshoo irraa tolchuuf, seyfii nama ajjeechaa barbaaduuf.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi