barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota hadas guddaafii dhiqannaa

islaamummaan hadasa guddarraa qulqullaawuuf qaama dhiqachuu ajajje, boqannaa kana keessatti waan diqannaa dirqama namatti godhuufii akkaataa itti xahaaratan baratta.

kaayyoowaan waan qaama dhiqannaa dirqamsiisu baruuakkaataa itti hadasa guddarraa qulqulleeffatan baruu.

dirqisiistota dhiqannaa

isiin waan yoo nama muslimaarratti argamte osoo hin salaanneefii hinxawaafne dhiqannaan dirqama isatti tahu, osoo hindhiqatin hadasa guddaatu isarra jira jedhama.

maniyyiin namarraa bahuu

karuma kamiinuu maniyyiin (bishaan hormaataa)namarraa yaauu, utaalaa kan mi'aa qabu.dhammaqiifii hirriibaan tahus. maniyyiin (bishaan hormaataa) dhangala'aa adii, furdaa yoroo fedhiin xumuramte dhangalauudha.

saalqunnamtii

saalqunnamti jechuun qaamni saalaa dhiiraa qaama saalaa dubartii keessa seenuudha osoo maniyyiin irraa dangalauullee baatee. mataan qaama saala dhiiraa uraa qaama saala dubartii keessa seenuun dhiqannaa dirqisiisuuf gayaadha.

3- dhiiyni heydiifii nifaasii dubartitti dhufuu.

heydiin dhiiga baattitti dubartitti dhufu, guyyaa torba kanturu, idauufii ir'isus nidandaya akkuma amala dubartiitiin, nifaasiin dhiiga dayuumsaati kan guyyaalee hedduu turu.

salaataafii soomana dubartii heydiifii nifaasii qabduu.

hanga yeroo dhiiyni itti jiruu san dubartii heydiifii nifaasii irraa laaffifama, salaataafii soomanas nidhiifti, soomana qadaa kafaltii salaata hinkafaltu.

dubartii heydiifii nifaasiin itti jirtu qunnamtii godhuu.

jaarsonni jaartiiwwan isaanii yeroo heydiifii nifaasiin itti jirtu qunnamtii saalaa itti godhuun dhoowwaadha. waan san hintahin itti qananiuun, akka walqaqqbuu waldhungachuufii kkf nihayyamama. dubartiin tuni yeroo dhiiyni irraacite qaama dhiqachuun dirqama. Rabbiin akkana jedhe "dubartii yeroo heydii irra achi hiiqaa, hanga qulqulleeffatanitti itti hindhihaatinaa, yeroo xahaaratan bakka Rabbiin isin ajajeen (bakka hormaataa tan duraatiin) itti dhufaa". baqaraa 222 hiikkaan yeroo xahaaratan jechuun yeroo dhiqatan jechuudha.

muslimni akkamitti janaabarraa qulqulleeffata?

nama muslimaatiif niyyatee qaama guutuu dhiqannaan kanumaatu gaya.

akkaataa dhiqannaa nabiyyii s.a.w.

irra guutuun dhiqannaa akka nabiin s.a.w. dhiqatetti dhiqachuudha. yogguu janaabarraa dhiqatu dura shanacha isaa dhiqata, eegasii qaama saalaa isaatiifii waan jiidhaan tuqame qaama isaarraa ni dhiqata, eegasii wuduu'a akka salaataa wadda'ata, eegasii mataa yoggu sadi dhiqata, eegasii qaama isaa guutuu dhiqata.

gaama dhiqachuun wuduu'arraa namaaf nigeessii?

muslimni yoo janaabarraa qaama dhiqate kuni wuduu'arraa isaaf gaya. wuduuini dirqamaa hintahu garuu irra caalaan akkuma nabiin s.a.w. godhatetti wuduu'a godhata.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi