kutaan ammaa model
Barnoota hadas guddaafii dhiqannaa
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
dirqisiistota dhiqannaa
maniyyiin namarraa bahuu
saalqunnamtii
3- dhiiyni heydiifii nifaasii dubartitti dhufuu.
hanga yeroo dhiiyni itti jiruu san dubartii heydiifii nifaasii irraa laaffifama, salaataafii soomanas nidhiifti, soomana qadaa kafaltii salaata hinkafaltu.
dubartii heydiifii nifaasiin itti jirtu qunnamtii godhuu.
nama muslimaatiif niyyatee qaama guutuu dhiqannaan kanumaatu gaya.
irra guutuun dhiqannaa akka nabiin s.a.w. dhiqatetti dhiqachuudha. yogguu janaabarraa dhiqatu dura shanacha isaa dhiqata, eegasii qaama saalaa isaatiifii waan jiidhaan tuqame qaama isaarraa ni dhiqata, eegasii wuduu'a akka salaataa wadda'ata, eegasii mataa yoggu sadi dhiqata, eegasii qaama isaa guutuu dhiqata.
muslimni yoo janaabarraa qaama dhiqate kuni wuduu'arraa isaaf gaya. wuduuini dirqamaa hintahu garuu irra caalaan akkuma nabiin s.a.w. godhatetti wuduu'a godhata.