barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota qulqulleeffannaa addaa

islaamummaan yeroo wuduu'aa kopherra kuffirra, hidhaarra, haxaawuu hayyameera. yeroo rakkoo tayamuuma (biyyeen xahaarachuu) hayyamame. kuni hunduu qabroottan isaarratti laaffisuufi, kana hunda barnoota kana keessatti baratta.

kaayoo

  • akkataa kopheefii kuffii irra haxaawuu.
  • hidhaarra haxaawuu.
  • akkaataa tayamuumaa.

kopheefii shurraaba irra haxaawuu.

tolina islaamaarraa yeroo wuduu'aa miila dhiqachuu dhiisanii kopheefii kaalsirra haxaawuu hayyamee jira. harka isaa jiituun gubbarra haxaawa. kopheenis tan miila haguuyde tahuu qabdi. ulaagaan isii tan itti aantu tana.

yoom kopherra haxaawuun karaa godhame?

kopheefii shurraaba irra haxaawuuf dura yeroo uffatu xahaaraa hadasa guddoofii xiqqorrayis qabaachuu qaba. wuduu'arratti kophee isaa kaayyachuu qaba.

yeroo hanga kopherra haxaawanii.

nama karaa hindeeminif halkaniif guyyaa tokko (saa'aa 24).
nama karaa deemuuf guyyaa sadihiifii halkan sadih (saa'aa 72).

kopheerra kan haxaawan yeroo wuduu'aa qofa, yeroo janaabarraa qaama dhiqatan kopherra haxaawuun hintahu, dirqama miila dhiqachuu qaban.

yeroon kopherra haxaawuun jalqabamtu haxaawwii duraarraayyi tan yeroo wuduu'ni ittiin uffatan cabpherraayi.

hidharra haxaawuu.

hidhaa jechuun yeroo harki yookaa miilli nama caphe yookaa buqqa'e akka dafee fayyuuf hidhaa hidhan jechuudha. yeroo wuduu'aa achirra haxaawuun nitaha.

hidhaa harka jiidhaan haxaawuutu gaya, wuduu'arraayis tahee qaama dhiqannarraayis.

hidharra akkamitti haxaawan?

qaamarraa waan hidhaan ala jiru nidhiqa, hidhaa ammoo harka jiidhaan irra haxaawa,

turtii yeroo hidharra haxaawan.

hidhaa hanga itti haajame walitti fufeetuma irra haxaawa osoo dheerattellee. yeroo haajaan dhumte hidhaa ufirraa kaasee qaama bakka san dhiqa.

tayammuma (biyyeen xahaarachuu).

namni muslimaa tokko yoo bishaan dhabe, yooka bishaan xiqqaa dhugaatii malee kan wuduu'aa dhabe. yookaa dhukkubsatee bishaaniin fayyadamuu dadhabe, wuduu'aafis tahee qaama dhiqannaaf taymuuma biyyeen xahaarachuu qaba, hanga bishaan argatutti yookaa fayyutti.

akkaataa tayamuumaa

harka isaatiin yoggu takka biyyee qulqulluu dhawa.

biyyee harka isaatti qabatteen fuula isaa haxaawa.

gubbaa ganaa isaa tanmirgaarra ganaa bitaatiin haxaawa, tan bitaallee mirgaan haxaawa.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi