barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota sunnaa uumaa

Rabbiin muslima bifa gaggaarii hedduurratti isa uume, kan miidhagsitee isa mul'iftu, boqannaa kana keessatti sunnaa uumaa tiifii seera isii baratta.

1-sunnaa uumaa baruu2-seera sunnaa uumaa baruu.

sunnaa uumaa

isiin waan Rabbiin nama irratti uume, tan muslimni isii hojjachutti dirqamu, kan sanii miidhagee bareedu. kuni islaamummaan waajii bareeffatuu nideeggara, muslimaaf nihayyama,akka keessaaf gubbaan isaa bareeduuf jecha.

nabiin s.a.w. akki jedhe sunnaan uumaa shani, absuma,rifensa dhokataa haaduu, affarroo gabaabsuu, qeensa cirachu rifeensa bobaa buqqisuu," bukhaarii 5552, muslim 257). nabiin s.a.w. akki jedhe waa kudhan uumarraayi:affarroo gabaabsuu, areeda dheereysuu, siwaaka, bishaaniin funyaan qulqulleessuu,qeensa cirachuu, dachaafamaa dhiiquu, rifeensa boobaa buqqisuu, rifensa qaama saalaa haaduu, istinjaa godhachuu, {abbaan hadiisa odeesse akki jedhe} kurnaffaa nin irraanfadhe afaan lulluuqachuu tahuun ooltu. (muslim 261).

dhayna qabuu.

dhayna qabuun dhiiraaf qalloo xiqqoo mataa qaama saalaa hagooyde irraa muruudha, yeroo hedduun akkuma dalatteen guyyaalee itti aanu irra murama. kunii seera uumaatii dhiiraaf dirqama. faaydalee fayyaa hedduu qabdi.

rifeensa qaama saalaa haaduu.

rifeensa naannawa qaama saalaatti mayru haaddachuu, yookaa waan birootiin ufirraa deemsisuu.

affarroo gabaabsuu.

affarroo dhiisuun jaalatamaa osoo hintaane nugaya garuu dheeressuun hintahu, yeroo hunda eeganii gaggabaabsuu barbaachisa.

areeda magarsuufii dheeressuu.

islaamummaan areeda dheeressuufii magarsutti ajajje. inni rifeensa areedaafii boqoo lameenirratti mayruudha. sunnaa nabii hordofuudhaaf isa magarsuufii dheeressuun barbaachisaadha.

siwaaka.

siwaaka jechuun muka aadeetiin yooka kan biraatiin ilkee riganii qulqulleessuu jechuudha, inni waan jaalatamaadha.

qeensa (kottee0 cirachuu.

muslimni yeroo yeroon qeensa isaa ciratee qulqullummaa isaa eeguu barbaachisa.

rifeensa bobaa buqqisuu.

muslimtichi rifeensa bobaa ufirraa buqqisuu barbaachisa, fooleen fokkattuun akka nurraa hin argamne.

dachaa qubaa dhiquu,

dhachaa qubaa bakka hunaa inni walitti caphuun dhiqanii qulqulleessuun barbaachisaadha.

istinjaa lulluuqqiifii bishaan funyaanitti olfuudhuu.

istinjaa lulluuqqiifii bishaan funyaanitti olfuudhuu. kanneenirraa barnoota dabre kan naamusa mana fincaanii, istinjaafii wuduu'aa keessatti ibsamee jira.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi