kutaan ammaa model
Barnoota Mata duree salaata jaalatamtuu (sunnaa).
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
wanni kanaan moggaafamteef isiin fardii jala deemti, muslimni isii nijabeeffata.
nabiin s.a.w. akkana jedhe " gabichi muslimaa tokko hintaane guyyarraa Rabbiif raka'aa 12 sunnaa fardiin alaltti salaatee Rabbiin jannatatti mana isaa jaaru malee hinhafu". muslim 728
sunnaaleen fardii jala deemtu kunooti:-
qarii jedhamte waan raka'aan isii qarii taateef jecha. isiin irra caaltuu salaata sunnaati. nabiin s.a.w. akki jedhe " witrii salaataa yaa warra qur'aanaa" tirmizii 453, ibnu maajaha 1170
caalaan yeroo isii halkan gama bariisaati. muslimtichi halkanirraa yeroo fedhe salaatuu dandaya ishaa'ii boodarraa hanga fajarutti.
baay'inna raka'aa salaata witrii.
xiqqoon guutuun salaata witrii raka'aa sadihi. lama salaatee salaammatee eegasii takka salaatee salaammata. raka'aa boodaarratti rukuu'a booda du'aa'ii qunuutaa kadhata, harka isaa hanga qixa gurraatti olfuudhee.
isiin salaata yeroo roobni dhabamee bonni jabaate salaatani.dirretti bahanii slaatuutu caala, masgiidattis numa salaatamti.
sodaataa ufgadiqabaa tobachaa isiif bahan. waan rahmata Rabbii ittiin kajeelan kanneen akka istigfaaraa, haqa namaa galchuu, sadaqaa, tola ooluu kkf hojjatanii bahan.
akkaataa salaat roobaa.
isiin salaata yeroo muslimtichi tokko waan takka hojjachuu ka'ee toltuu moo hamtuu taati jedhee yogguu irratti walfakkate salaata kana salaata.
karaa godhamuu isii.
isiin salaata sunnaa jaalatamtuu taate tan sawaabni guddaan irratti dubbatameedha. xiqqoon isii raka'aa lama. yeroon isii eega aduun baatee hanga ulee olfuudhamterraa kaasee han zuhriin dhihaatutti.
dukkanaawuu jechuun taatee Rabbiin fidu tan hinbaramin jiini yookaa aduun dukkanaawuudha. isiin mallattoo uumaa Rabbiiti tan dandeeytiifii mootummaa isaarratti qajeelchituudha. nama dammaysiti, irraanfirraa nama kaafti, akka azaaba Rabbii sodaatee sawaaba Rabbii kajeeluuf.
Nabiin s.a.w. akkana jedhe " aduufii jiini du'a namaa tokkootiif hindukkanaawan, ammoo isiin aayata lama tan aayatoota isaarraa taate. yeroo isaan dukkanaawan gartan ka'aa salaataa". bukhaarii 1041.