barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Mata duree salaata jaalatamtuu (sunnaa).

ibsa salaanni dirqamaa halkaniif guyyaa keessatti salaata shan qofa. garuu salaata biroo tan sunnaattu jira tan muslimni isiidhaan kheyrii dabalatu, barnoota kana keessatti salaatoowwan sunnaa baratta.

kaayyoosunnaalee raatibaa baruu.salaata istisqaa'aa baruusalaata istikhaaraa baruusalaata dhuhaa baruusalaata kusuufaa baruu.

nama muslimaa tokkorratti halkaniifii guyyaa keessatti salaata 5tu dirqama. garuu kanumaan wajji shari'aan nama muslimaa salaata sunnaarratti kakaafti, sababaa jaalala Rabbii gabrichi ittiin argatu isaaf taati. fardii ir'atte isaaf guutti. abii hureyrarraa nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " durri wanni namni guyyaa qiyaamaa irraa herregamuu salaata. Rabbiin keenya osomaa beekuu maleeykaa isaatiin nijedha " mee salaata gabricha kiyyaa laalaa isii guutemoo irrise?"yoo guutuu taate guutuutu isaaf galmeeffama, yoo waa irraa ir'atan nijedha "gabricha kiyyaaf laalaa sunnarraa waa niqabaa?" yoo sunnarraa qabaate nijedha "gabricha kiyyaaf sunnaa isaarraa fardii isaa guutaaf" eegasii hojiin sanumarratti laalamti" sunana abii daawud 864

sunnaafii raatiba.

wanni kanaan moggaafamteef isiin fardii jala deemti, muslimni isii nijabeeffata.

nabiin s.a.w. akkana jedhe " gabichi muslimaa tokko hintaane guyyarraa Rabbiif raka'aa 12 sunnaa fardiin alaltti salaatee Rabbiin jannatatti mana isaa jaaru malee hinhafu". muslim 728

sunnaaleen fardii jala deemtu kunooti:-

١
salaata fajrii dura raka'aa lama.
٢
salaata zuhrii dura raka'aa 4. raka'aa lama lamaan salaammata. eegasii isii booda raka'aa lama.
٣
salaata magriibaa booda raka'aa lama.
٤
salaata ishaa'ii booda raka'aa lama.

witrii

qarii jedhamte waan raka'aan isii qarii taateef jecha. isiin irra caaltuu salaata sunnaati. nabiin s.a.w. akki jedhe " witrii salaataa yaa warra qur'aanaa" tirmizii 453, ibnu maajaha 1170

caalaan yeroo isii halkan gama bariisaati. muslimtichi halkanirraa yeroo fedhe salaatuu dandaya ishaa'ii boodarraa hanga fajarutti.

baay'inna raka'aa salaata witrii.

irra xiqqoon witrii raka'aa takka, nabiin sadihiin, shaniin, torbaan, sagaliin, kudha tokkoon witrii godhe.

akkaataa salaata witrii.

xiqqoon guutuun salaata witrii raka'aa sadihi. lama salaatee salaammatee eegasii takka salaatee salaammata. raka'aa boodaarratti rukuu'a booda du'aa'ii qunuutaa kadhata, harka isaa hanga qixa gurraatti olfuudhee.

salaata kadhaa roobaa

isiin salaata yeroo roobni dhabamee bonni jabaate salaatani.dirretti bahanii slaatuutu caala, masgiidattis numa salaatamti.

sodaataa ufgadiqabaa tobachaa isiif bahan. waan rahmata Rabbii ittiin kajeelan kanneen akka istigfaaraa, haqa namaa galchuu, sadaqaa, tola ooluu kkf hojjatanii bahan.

akkaataa salaat roobaa.

salaanni roobaa akkuma salaata iidaa raka'aa lama. imaamni isii keessatti sagalee olqabatee qara'a. rakaa'aa gama duraatti takbiiraa dabalataa qabdi. raka'aa duraarratti qaraatii dura takbiiraa jaha godha tan hidhannaa malee, raka'aa lammaffaatti takbiiraa shan tan lafaa oliin ka'e malee godha. isii booda khuxbaa lama godha. istigfaaraafii du'aaii heddummeeysa isii keessatti.

salaata istikaaraa (filannaa).

isiin salaata yeroo muslimtichi tokko waan takka hojjachuu ka'ee toltuu moo hamtuu taati jedhee yogguu irratti walfakkate salaata kana salaata.

karaa godhamuu isii.

namni muslimaa tokko waan hayyamama tokko hojjachuu ka'ee toltuumoo hamtuu adda baafachuu yoo dadhabe. salaata raka'aa lama salaateeti eegasii du'aa'ii nabiin barsiise tanaan kadhata. "allaahumma innii astajiiruka bi ilmika, wa astaqdiruka biqudratika, wa as'aluka min fadlikal aziim, fa innaka taqdiru walaa aqdiru, wata'ilamu walaa ailamu, wa anta allaamul guyuub. allaahumma in kunta ta'ilamu anna haazal amra kheyrun lii fii diinii wa ma'aashii wa aaqibati amrii-fii aajili amrii wa aajilihii- faqdurhu lii, wa inkunta tailamu anna haazal amra sharrun lii fii diinii wa ma'aashii, wa aaqibati amrii- fii aajili amrii wa aajilihii- fasrifhu annii wasrifnii anhu, waqdur liyal kheyra hesu kaana, summa raddinii bihii," hangana qara'aa eegasii haajaa isaa maqaa dhawa." bukhaarii 6382.

khadhaa salaata istikaaraa.

salaata duhaa.

isiin salaata sunnaa jaalatamtuu taate tan sawaabni guddaan irratti dubbatameedha. xiqqoon isii raka'aa lama. yeroon isii eega aduun baatee hanga ulee olfuudhamterraa kaasee han zuhriin dhihaatutti.

salaata dukkanaawuu ji'aafii aduu.

dukkanaawuu jechuun taatee Rabbiin fidu tan hinbaramin jiini yookaa aduun dukkanaawuudha. isiin mallattoo uumaa Rabbiiti tan dandeeytiifii mootummaa isaarratti qajeelchituudha. nama dammaysiti, irraanfirraa nama kaafti, akka azaaba Rabbii sodaatee sawaaba Rabbii kajeeluuf.

Nabiin s.a.w. akkana jedhe " aduufii jiini du'a namaa tokkootiif hindukkanaawan, ammoo isiin aayata lama tan aayatoota isaarraa taate. yeroo isaan dukkanaawan gartan ka'aa salaataa". bukhaarii 1041.

akkaataa salaata kusuufaa.

salaanni kusuufaa raka'aa lama rukuu'aa yeroo lama irra deebi'ama. kunis raka'aa irraa oljedhe faatihaa qara'utti deebia, qur'aanarraayis niqara'a. eekasii rukuu'a lammaffaa godha. irraa oljedhee eegasii sujuuda bu'a. sujuuda lama sujuuda. tuni raka'aa takka guutuu. eega sujuudarraa ol ka'ee raka'aa lammaffaa keessattis akkuma raka'aa duraa keessatti hojjate hojjata.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi