kutaan ammaa model
Barnoota mata duree kabaja eenyummaa nabi muhammad.
eenyumaaa haala nabii s.a.w.
nabi muhammad nama haala bareedaati, haala amala gaarii ol'aanarratti tahe. naamusa caalaa taherratti, namni haalaaf amala isaa hordofe inni irra filatamaa ilma namaa tahuu hubata.
inni irra caalaa gabroottan Rabbiiti, irra jaalataamaa Rabbi biratti, jaalallee filatamaa isaati, irra guuta gabroottan Rabbiiti ibaadaa, irra gaarii isaaniiti amalaan, irra qulqulluu isaaniiti lubbuun, isa bareeda isaaniiti wajji jiruu keessatti, irra beekaa isaaniiti Rabbiin, irra guutaa isaaniiti gabbartii Rabbii. Rabbiin isa filateeti nabiyyii ergamaa godhatee ilmaan namaatti erge. toltutti qajeelchee haqatti yaame.
irra caalaa shayyii namaarraa Rabbiin isa filate, amalaafii uumanis irra guutuu namaati. eenyumaan isaa, dhaabaa dhaabbanni isaa caalaa filatamaa, olfuudhamaadha. kabajaalee isaarraa kanneen itti aanu kana:
1- sifa dhaabbata nabii s.a.w.
anas yeroo nabiin fakkeessu akki jedhe "jiddu gala namaati, dheeras miti gabaabas miti" bukhaarii 3547
2- fuulli isaa maal fakkaata?
fuulaan irra bareedaa namaati, fuulli isaa naannawaadha, garuu kululee miti, lallaafaa haalaan bareedaadha, ifaafii midhaginaatu irraa mul'ata, akka jiini goobanaa ifutti ifa, nama isa arge hunda nibooharsa, yeroo gammade tarreen fuula isaa ni hanga'a, gurri isaa bareedaa guutuudha.
bifa fuula isaa s.a.w.
areedni isaa rifeensa heddummaata, gurraattii naannoytuudha, areedaafii hidhii jalaa jidduun olmul'ataadha. hidhii jalaa jala rifeensa xiqqootu jira, akka waan areedaan walitti dhaabbattuuti.
3- bifa gogaa qaama nabii s.a.w.
irra bareeda namaati bifti gogaa, bifti isaa adii garadiiminaa irkatu, fuula ifa, addii ifaa calalaqaa, jubeyri ibnu mux'imirraa odeeffamee aliyyiin nabirraa dubbatee akki jedhe " mataa guddata, adii gara diiminaa irkatu, areeda guddata".musnada Ahmad 944
4- rifeensa nabii s.a.w.
Nabiin s.a.w. rifeensa heddummaata, rifeensi isaa hanga cinaa gurra isaa gaya yeroo gabaabse, yeroo dheerate gadi bu'a han ceekuu isaa gayutti. rifeensi isaa luuccaa lashii miti, qiciiccas miti, jiddu jireessa. yeroo garii addarra gadidhiisa, yeroo garii sammurratti adda baasa, kan fuularratti waa hindhiifne.
qataadarraa odeessee anas binu maalikiin akkin jedheen: rifeensi nabiyyii ka akkam ture? nijedhe "rifeensa yuuba tureqiciiccaa miti luuccas miti jidduu gurraafii ceekuutti tahe". bukharii 5905 muslim 2338
areedaafii mataa isaa keessa rifeensi adiin rifeensa diigdam hingayu, hedduun isii hidhii jalaarraa hanga areedaatti, ammoo arriin mataa isaa sammuu gubbaadha.
nabiin cinaacha mirgaarraa jalqabee rifeensa isaa nifilata, niqulqulleessa, nibareecha, osoo bashannana keessatti daangaa hindabarretti,
5- ibsa ceekuu nabiyyii ciqileefii harka isaa.
anas akki jedhe " ani waa hinqaqqabne faayaafii diibaaja kan ganaa nabiirra lallaafu". bukhaarii 3561 muslim 2330
6- sifa mallattoo nabiyyummaa isaa s.a.w.
ceekuu isaa kanbitaarra mallattoo nabiyyummaattu jira, isiin foon xiqqoo qaama isaa fakkaattu tan ol mul'attu akka xan'achaatti, hanga killee handariiti, heena lamaatu naannawa isii jira, rifeensa qabdi.
jaabir ilma samuraa akki jedhe "mallattoo nabiyyummaa ceekuu isaarratti arge, tan qaama isaa fakkaattu, tan hanga killee adarii" muslim 2344
7- ibsa qomaafii garaa isaa s.a.w.
8- ibsa mogoleefii faana isaa lameenii.
huurkaan isaa miskii caalaa urgaawa, namni tokko yoo harka isa fuudhe guyyaa guutuu urgaa harka isaarratti argaa oolaa. nabiin yeroo hedduu waan urgaawu fayyadama.
anas akki jedhe " miskiifii shittos tan hafuura nabiirra urgooytu uladhee hinbeeku". muslim 2330
jecha walitti qabataa, haalaaf amala bareedaa nabiyyii ibsuuf.
Rabbiin akkana jedhe "ati amala guddarratti taatee jirta".qalam 4, yogguu jibriil yeroo duraatiif nabitti dhufe sodaan isatti buutee sodaate, haadha mu'mintootaa khadiijaan ani lubbuu tiyyaaf sodaadhe jedheen, akki jetteen "tasgabbaayi Rabbitti kakadhee Rabbiin si hinxiqqeessu, kakadhe ati firummaa maxxansita, dhugaa dubbatta, rakkataa gargaarta, dhabaa tin'ifta, keessummaa kabajja, raggorratti nama bira dhaabbatta". bukhaarii 4953 muslim 160.
1- amaanaa nabiyyii s.a.w.
nabiin amaanaan beekame, ummanni isaa osoo inni hinergamin dura amanamaa jedhanii moggaasan, eega ergames isatti diinamuun wajji amaanaa isaanii isa bira kaayachaa turan.
2- rahmataafii gara laafinna isaa s.a.w.
nabiin s.a.w. ummata isaatiif garaa laafaadha, Rabbiin akkana jedhe "dhugaa ergamaan lubbuu keessanirraa tahe isinitti dhufe, kan hoongawuun keessan isatti ulfaatu, kan isinirratti bololu, muimintootaaf Rahmata godhaa gara laafaa kantahe". tawbaa 128. Rabbiin oltahe akkana jedhe " rahmata Rabbirraa taheen isaaniif laafte,rifachiisaa qalbii goggogaa osoo taate naannawa keetirraa ni faca'an". aalal imraan 159.
3-dhiifama isaa s.a.w.
yeroo nabiin injifatee makka seene matoonniifii hooggantoonni makkaa rifatanii mataa gadi qabatanii isa fuula dura dhaabbatan, eega diinummaan isaafii sahaabaa isaa bara dheeraa dararan booda, ammoo nabiin akki isaaniin jedhe "arra isin hinxixu, dhiifamni isinii godhamee deemaa".
4- ummata qajeelchurratti bololuu isaa.
nama qajeelchuuf bololuun isaa akkaan jabaadha. osoo jallina isaaniitiif gadduu lubbuu isaa miidhutti dhihaate, Rabbiin akki jedhe "Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama." kahfi 6
5- humnaafii gootummaa isaa s.a.w.
Aliyyi akki jedhe gootummaa nabii yeroo ibsu yeroo lolli oowwe waraanni walitti duude, nabiin duubatti dayanna, nurraa ka isarra diinatti achi dhihaatu hinjiru". Ahmad 1347