barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota soomana ramadaanaa

Rabbiin soomana ramadaanaa waggatti ji'a tokko dirqama godhe. inni jia ramadaanaa kabajamaadha. rog /utubaa 4ffaa utubaa islaamaati godhe. Rabbiin akkana jedhe "yaa warra Rabbitti amantan soomanni isinirratti barreeffame akkuma warra isinduraa irratti barreefametti, akka Rabbi sodaattaniif". baqaraa 183.

hiikkaa soomanaatiifii sadarkaa isaa beekuu.sadarkaa ji'a ramadaanaa beekuu.

Rabbiin soomana ramadaanaa waggatti ji'a tokko dirqama godhe. inni jia ramadaanaa kabajamaadha. rog /utubaa 4ffaa utubaa islaamaati godhe. Rabbiin akkana jedhe "yaa warra Rabbitti amantan soomanni isinirratti barreeffame akkuma warra isinduraa irratti barreefametti, akka Rabbi sodaattaniif". baqaraa 183.

hiikkaa soomanaa.

hiikkaan soomanaa islaama keessatti fajrii yeroo salaata subhiirraa kaasee hanga aduun seentee yeroon magriibaa geessutti guyyaa guutuu nyaata, dhugaatii, qunnamtii saalaatiifii waan soomana balleessu kan biraarrallee ibaadaa Rabbii itti niyyatanii ufqabuudha.

sadarkaa ji'a ramadaanaa.

jiini ramadaanaa ji'a saglaffaa akka lakkoofsa islaamaa kan baatiin lakkaawamuuti. inni irra caalaa ji'oota waggaati. sadarkaa hedduu Rabbiin isaaf kenne. sadarkaalee san keessaa:

1- inni ji'a qur'aanni kabajamaan keessatti buufame.

Rabbiin akkana jedhe "ji'a Ramadaanaa kan isa keessa qur'aannii buufame, (qur'aanni sun) qajeelchaa ilma namaa, ibsaa qajeelloofii gargarbaasarraa tahe, namni ji'a argame haasoomanuu". baqaraa 185

2-ji'a isa keessa hulaan jannataa banamtu.

nabiin s.a.w. akkana jedhe "yeroo Ramadaanni seene hulaan jannataa nibanamti, hulaan jahannam nicufamti, sheyxannan nihidhamti".bukhaarii 3277. muslim 1079. Rabbiin gabroottan isaatiif isatti fuula deebi'uu mijjeesse, ibaadaa dalaganii badii dhiisuudhaan.

3- namni guyyaa isaa soomanee halkan isaa dhaabbatee salaate badiin isaa tadabarte isaaf araaramamti.

nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni ramadaana imaanaafii abdiin soomane badiin isaa tandabarte isaaf araaramamte". bukhaarii 2104, muslim 760. nabiin akkana jedha "namni iimaanaafii abdiin ramadaana dhaabbate (salaate) badii isaarraa wanni dabre araarama godhameef".bukhaarii 2009, muslim 759.

4-isa keessa leylatalqadri jira. isiin irra guddoo halkaan waggaa keessa jiraniiti.

halkan murtii isiin tan hojiin isii keessatti taate hojii ji'a kumarra caaltu jedhee Rabbiin ibseedha, Rabbiin akkana jedhe "halkan murtii ji'a kuma tokkorra caalti". qadri 3. isiin kurnan ramadaanaa keessatti taate, karuu tana jedhamtee keessaa hin himamne, iimaanaafii abdiin namni isii ibaadaan dhaabbate diliin isaa tadabarte isaaf diifamti.

sadarkaa soomanaa

soomanni sadarkaa gurguddoo shari'aan ibsamte qaba, san keessaa kunoo:

1-araarama dilii.

namni ramadaana soomane Rabbitti amanee, ajaja isaa qeebalee, badhaasa isaa dhuga'oomsee, Rabbirratti galata kaayyatee soomane diliin isaa tan dabarte isaaf dhiifamti, nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni ramadaana imaanaafii abdiin soomane badiin isaa tan dabarte nidhiifamtiif". bukhaarii 2014, muslim 760

2-namni soomanu yeroo fuula Rabbii dhaqe galataafii badhaasa argatuun nigammada.

nabiin s.a.w. akkana jedhe "nama soomanuuf gammachuu lamaatu jira, gammachuu yeroo furuu, gammachuu yeroo fuula Rabbii dhaquu". bukhaarii 1904 muslim 1151

3-jannata keessa hulaa rayyaan jedhamtu tan warra soomanaa malee kan biroo hinseenneetu jira.

nabiin s.a.w. akkana jedhe " jannata keessa hulaatu jira tan rayyaan jedhamtu, tan guyyaa qiyaamaa warri soomanaa seenan, isaan malee tokkolleen hinseenu, mee warri soomanaa eessa jiran jedhameeti lallabama, ka'aniiti achi yaa'anii seenan, isaan malee kan biroo hinseenu, yeroo seenan nicufama,isaan malee tokkolleen hinseenu" bukhaarii 1898 muslim 1152.

4- Rabbiin galata soomanaa galchuu ufitti irkise.

namni galanni isaa Rabbirratti taate, Rabbii arjaa durreessa rahmat qabeessa guddaa tahe haagammaduu waan Rabbiin isaaf qopheesseen, nabiin oduu Rabbirraa odeessu (hadiisal qudsiyyitti) akkana jedhe " hundi hojii ilmaan aadam isumaafi soomana malee inni anaafi, anumaatu galata isaa galcha".bukhaarii 1904, muslim 1151

ogumma soomanaa

soomana hikmaa hedduuf Rabbiin taasise ogummaa heddf, diiniif duniyaa keessatti.

1-sodaa Rabbii mirkaneessuu.

kuni waan soomanni ibaadaa ittiin gabrichi waan jaalatu dhiisuudhaan Rabbitti dhihaatu taheefi, fedhii isaati toohata, ajaja Rabbii isaa raawwatee waan inni dhoowwerraa fagaachuuf jecha.

2- diliifii badirraa buqaurratti leenjiuu.

ajaja Rabbii raawwatuuf jecha namni soomanaa waan halaal dhiisuu dandayuun akka fedhii isaa badirraa toohatu daran isa dandeessisa.

3- hiyyeeyyii yaadatuufii gargaaruu.

kuni kan tahe soomana keessa beelaafii dhaba arguutu jira. hiyyeeyyii jiruu isaanii beelaan dabarsan yaadachuutu jira, achiin gabrichi obbolleeyyan isaa hiyyeeyyii akkamitti akka beelaafii dheebuun laalatan hubata, kanaaf isaan gargaarurratti jajjabaata.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi