kutaan ammaa model
Barnoota soomana ramadaanaa
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
Rabbiin soomana ramadaanaa waggatti ji'a tokko dirqama godhe. inni jia ramadaanaa kabajamaadha. rog /utubaa 4ffaa utubaa islaamaati godhe. Rabbiin akkana jedhe "yaa warra Rabbitti amantan soomanni isinirratti barreeffame akkuma warra isinduraa irratti barreefametti, akka Rabbi sodaattaniif". baqaraa 183.
hiikkaan soomanaa islaama keessatti fajrii yeroo salaata subhiirraa kaasee hanga aduun seentee yeroon magriibaa geessutti guyyaa guutuu nyaata, dhugaatii, qunnamtii saalaatiifii waan soomana balleessu kan biraarrallee ibaadaa Rabbii itti niyyatanii ufqabuudha.
sadarkaa ji'a ramadaanaa.
Rabbiin akkana jedhe "ji'a Ramadaanaa kan isa keessa qur'aannii buufame, (qur'aanni sun) qajeelchaa ilma namaa, ibsaa qajeelloofii gargarbaasarraa tahe, namni ji'a argame haasoomanuu". baqaraa 185
nabiin s.a.w. akkana jedhe "yeroo Ramadaanni seene hulaan jannataa nibanamti, hulaan jahannam nicufamti, sheyxannan nihidhamti".bukhaarii 3277. muslim 1079. Rabbiin gabroottan isaatiif isatti fuula deebi'uu mijjeesse, ibaadaa dalaganii badii dhiisuudhaan.
nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni ramadaana imaanaafii abdiin soomane badiin isaa tandabarte isaaf araaramamte". bukhaarii 2104, muslim 760. nabiin akkana jedha "namni iimaanaafii abdiin ramadaana dhaabbate (salaate) badii isaarraa wanni dabre araarama godhameef".bukhaarii 2009, muslim 759.
halkan murtii isiin tan hojiin isii keessatti taate hojii ji'a kumarra caaltu jedhee Rabbiin ibseedha, Rabbiin akkana jedhe "halkan murtii ji'a kuma tokkorra caalti". qadri 3. isiin kurnan ramadaanaa keessatti taate, karuu tana jedhamtee keessaa hin himamne, iimaanaafii abdiin namni isii ibaadaan dhaabbate diliin isaa tadabarte isaaf diifamti.
sadarkaa soomanaa
1-araarama dilii.
nabiin s.a.w. akkana jedhe "nama soomanuuf gammachuu lamaatu jira, gammachuu yeroo furuu, gammachuu yeroo fuula Rabbii dhaquu". bukhaarii 1904 muslim 1151
3-jannata keessa hulaa rayyaan jedhamtu tan warra soomanaa malee kan biroo hinseenneetu jira.
4- Rabbiin galata soomanaa galchuu ufitti irkise.
ogumma soomanaa
kuni waan soomanni ibaadaa ittiin gabrichi waan jaalatu dhiisuudhaan Rabbitti dhihaatu taheefi, fedhii isaati toohata, ajaja Rabbii isaa raawwatee waan inni dhoowwerraa fagaachuuf jecha.
ajaja Rabbii raawwatuuf jecha namni soomanaa waan halaal dhiisuu dandayuun akka fedhii isaa badirraa toohatu daran isa dandeessisa.
kuni kan tahe soomana keessa beelaafii dhaba arguutu jira. hiyyeeyyii jiruu isaanii beelaan dabarsan yaadachuutu jira, achiin gabrichi obbolleeyyan isaa hiyyeeyyii akkamitti akka beelaafii dheebuun laalatan hubata, kanaaf isaan gargaarurratti jajjabaata.