barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree seera waliigalaa yeroo gannaa baay’atu

ibsa seera waliigalaa yeroo gannaa baayyee barbaachisan jiru. Barumsi kun isaan keessaa muraasa isaanii dhiheessa.

kaayyoo    seerotaafii naamusoota hangatokko baruu, tan yeroo gannaa haajaan itti heddummaattu.

yeroo rafan ibidda dhaamsuu.

Ibiddi yeroo baay’ee yeroo qorraa boba’u osoo hin rafin dura dhaamfamuu qaba, akkasuma hoo’isitoonni ibidda qabsiisuu danda’anis nidhaamsamu. abiimuusaa al ash'ariyyirraa odeeffamee "madiinatti halkan warra isaarratti mannigubate, nabiin s.a.w. dubbiin kuni himameef nijedhe "ibiddi tuni nyaapha keessani, yeroo raftan ufirraa dhaamsaa " bukhaarii6294 muslim 2016 hadiisa biraatti "yeroo raftan ibidda mana keessan keessatti hindhiisinaa" bukhaarii 6293 muslim 2015

yeroo qilleensi bubbise muslimni maal godha?

1- dandeettii Rabbii qilleensa ofuuti yaadata. qilleensa oowwitu, qabbanooytuu, laaftuu, cimtuu, tan kaabaa, tan kibbaa, roobaan dorrobduu, masheentuu, tanbiroollee. Rabbiin akkana jedhe "Dhugumatti uumama samiifi dachii, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa, doonii waan namoota fayyaduun galaana keessa yaatu, bishaan irraa waan Rabbiin samii irraa buusee ittiin dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hunda irraa isii keessa facaase, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira". baqaraa 164

2- azaaba Rabbirraa taate tahuu isii sodaata, Aa'ishaan akki jette "nabiin hanga laagaan isaa mul'attutti afaan guutattee koflu takkaa hingarre, numa seeqata malee. yeroo bubbee yookaa duumessa arge sun fuula isaarraa beekama, " nijette " yaa ergamaa Rabbii ummanni yeroo duumessa argan rooba keessatti kajeeluuf gammadan, ati ammoo yeroo isa garte rifannota fuula keetirratti argaa maali?" nijedhe "yaa aaishaa maaltu azaaba tahuu dhabuu nu amansiisa? ormi qilleensaan azzabamee jira. ormi azaaba arganii kuni duumessaa nuufroobu jedhan" muslim 899

3- toltuu isii Rabbi kadhachuu, Aishaan yeroo qilleensi bubbise nabiin s.a.w. akkana jedha " Allahumma innii as'aluka kheyrahaa, wa kheyra maafiihaa, wa kheyra maa ursilat bihii, wa a'uuzu bika min sharrihaa, wa sharri maa fiihaa, wa sharri maa ursilat bihii" muslim 899

4- qilleensa arrabsuun hintahu. ibnu abbaas akki jedhe : nabi biratti namtichi tokko qilleensa arrabsenabiin s.a.w. nijedheen "qilleensa hin abaarin isiin ajajamtuudhaa, namni waan abaarsa haqa hingodhanne abaare isumatti deebiti". tirmizii 1978. hadiisa biraatti "bubbee hin arrabsinaa" tirmizii 2252 shaafi'iin nijedhe "nama tokkoofillee qilleensa arrabsuun hin hayyamamu, isiin uumaa Rabbii ajajamtuudhaa, waraana waraana isaarraa tahe yoofehde rahmata yoo fedhe azaaba isii godha".

muslimni yeroo hangaasuu dhagaye maal godha?

Abdallaah binu zzubeyrii yeroo mandiisuu dhagaye haasawa dhaabeeti " subhaana llazii yusabbihurra'idu bihamdihii walmalaaikatu minkhiifatihii " jedha. jechi kuni qur'aanarraa fuudhame. Mandiisuun faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessa. Maleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu). Bakakkaas ergee, isheedhaan nama fedhe rukuta, isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falman, Inni humni isaa cimaadha.

yeroo roobni roobe muslimni maal godha?

Rabbiin roobni barakaa qabaachuu hime, akkana jedhe "samirraa bishaan barakaa buufne (roobsine), (qaaf 6). yeroo roobni roobe wanni barbaachisu 1- qaama isaarraa uffata saaqee akka roobni qaama isaa jiisu godhuu, anas akki jedhe "osoo nabiin wajji jirruu roobni nutti roobe nabiin uffata isaa ufirraa saaqe hanga roobni isa jiisetti, yaa ergamaa Rabbii maaliif akkana goota jenneen, nijedhe "waan inni yeroo dhihoo Rabbii isaa biraa dhufeefi". muslim 898

2- du'aa'ii : yeroon roobaa yeroo du'aa'iin qeebalamtu tahuun hadiisa hedduun dhufee jira.

du'aa'ii yeroo roobaa.

Aaishaan nabiin s.a.w. yeroo rooba arge nijedha " Allaahumma sayyiban naafi'an". bukhaarii 1032 sayyib jechuunrooba guddaa dirsaa jechuudha.

akka rooba faaydaa tahu kadhata, roobni guddaa tahee kan faaydaa hinqabne tahuutu mala. hadiisatti "beela jechuun rooba dhabuu miti, isinii roobee roobeelafti waabiqilchuu dhabuudha". muslim 2904 sanat jechuun beela jajjabduu jechuudha.

3- jecha rahamata jechu kana roobaan jechuun jaalataamadha. aa'ishaan nabiin s.a.w. yeroo bubbeefii duumessaa yaaddoon fuula isaarraa beekama, asgara galee achi garagala. yeroo roobe nigammada. yaaddoon suni isarraa deema. aa'ishaan nabiin gaafadhee "azaaba ummata kiyyatti buufame tahuunooltuu sodaadhe " jedhe. yeroo rooba arge rahmata jedha. muslimtu 899

4- yeroo roobni roobuufii san boodas akki jedhamu "muxirnaa bifadhlilaahi warahmatihii". arjummaafii tola Rabbiitiin roobsamne" jechuudha. zeydi binu khaalid aljuhaniin akki jedhe nabiin rooba takka booda hudeybiyyatti salaata subhii nuun salaate, yeroo salaatarraa bahe ummatatti asgaragalee akki jedhe "waan Rabbiin keessan jedhe beeytuu?" Rabbumaafii rasuula isaattu beeka jehaniin. akki jedhe "gabroottan kiyyarraa warra natti amanee bariisifateefii warra natti kafaree bariisifateetu jira, warri tolaafii arjooma Rabbiitiin roobsamne jedhe sun natti amanee urjitti kafare, ammoo warri baha urjii akkasii akkasiitiin roobsamne jedhe sun natti kafaree urjitti amane" jedhe bukhaarii 846 muslim 71

yoo roobni jabaatee nama sodaachise maal godhan?

yoo roobni guddatee miidhaan irraa sodaatame harka olkaasanii kadhatan, kadhaalee asitti dhufte keessaa "Allaahumma hawaaleynaa walaa aleynaa, Allaahumma alal aakaami wazziraab, wabuxuunil awdiyaa, wa mamanaabiti shajar". bukhaarii 1014 muslim 897

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi