kutaan ammaa model
Barnoota mata duree seera waliigalaa yeroo gannaa baay’atu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
Ibiddi yeroo baay’ee yeroo qorraa boba’u osoo hin rafin dura dhaamfamuu qaba, akkasuma hoo’isitoonni ibidda qabsiisuu danda’anis nidhaamsamu. abiimuusaa al ash'ariyyirraa odeeffamee "madiinatti halkan warra isaarratti mannigubate, nabiin s.a.w. dubbiin kuni himameef nijedhe "ibiddi tuni nyaapha keessani, yeroo raftan ufirraa dhaamsaa " bukhaarii6294 muslim 2016 hadiisa biraatti "yeroo raftan ibidda mana keessan keessatti hindhiisinaa" bukhaarii 6293 muslim 2015
1- dandeettii Rabbii qilleensa ofuuti yaadata. qilleensa oowwitu, qabbanooytuu, laaftuu, cimtuu, tan kaabaa, tan kibbaa, roobaan dorrobduu, masheentuu, tanbiroollee. Rabbiin akkana jedhe "Dhugumatti uumama samiifi dachii, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa, doonii waan namoota fayyaduun galaana keessa yaatu, bishaan irraa waan Rabbiin samii irraa buusee ittiin dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hunda irraa isii keessa facaase, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira". baqaraa 164
Abdallaah binu zzubeyrii yeroo mandiisuu dhagaye haasawa dhaabeeti " subhaana llazii yusabbihurra'idu bihamdihii walmalaaikatu minkhiifatihii " jedha. jechi kuni qur'aanarraa fuudhame. Mandiisuun faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessa. Maleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu). Bakakkaas ergee, isheedhaan nama fedhe rukuta, isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falman, Inni humni isaa cimaadha.
Rabbiin roobni barakaa qabaachuu hime, akkana jedhe "samirraa bishaan barakaa buufne (roobsine), (qaaf 6). yeroo roobni roobe wanni barbaachisu 1- qaama isaarraa uffata saaqee akka roobni qaama isaa jiisu godhuu, anas akki jedhe "osoo nabiin wajji jirruu roobni nutti roobe nabiin uffata isaa ufirraa saaqe hanga roobni isa jiisetti, yaa ergamaa Rabbii maaliif akkana goota jenneen, nijedhe "waan inni yeroo dhihoo Rabbii isaa biraa dhufeefi". muslim 898
2- du'aa'ii : yeroon roobaa yeroo du'aa'iin qeebalamtu tahuun hadiisa hedduun dhufee jira.
du'aa'ii yeroo roobaa.
yoo roobni guddatee miidhaan irraa sodaatame harka olkaasanii kadhatan, kadhaalee asitti dhufte keessaa "Allaahumma hawaaleynaa walaa aleynaa, Allaahumma alal aakaami wazziraab, wabuxuunil awdiyaa, wa mamanaabiti shajar". bukhaarii 1014 muslim 897