barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Nabi Muhammad s.a.w. beekuu.

Rabbiin nabii keenya muhammad s.a.w. ilmaan nama hundatti erge, osoo biyyaafii shanyiin adda hinbaasin. nama hudarratti nabiyyiif ajajmuu dirqama godhe. Rabbiin akkana jedhe “jedhiin yaa ilmaan namaa ani ergamaa Rabbii kan isin hundatti ergameedha” airaaf 158

seenaa nabiyyii s.a.w. gabaabaa barachuu.sadarkaa nabiyyii s.a.w. barachuu.

maqaa nabii keenya muhammad s.a.w.

muhammad abdallaa abdulmuxxalib haashim qureyshii. inni kabajamaa arabaati shayyiidhaan s.a.w. nagayaaf rahmanni isarratti haajiraatu ,

ilma nama hundatti ergame.

nabi muhammad Rabbiin ilmaan nama hundatti erge, gosaafii lammii maratti, namni hundi akka isaaf ajajamu dirqama godhe. Rabbiin akkana jedhe "yaa ilmaan namaa an isin hundatti ergamaadha jedhiin". airaaf 158.

qur'aanni isarratti buufame.

Rabbiin kitaaba isaa irra caalaa qur'aana nabiyyi keenyarratti buuse qur'aana duraafii duubanis dogoggorri itti hindhufne.

xumura anbiyootaatiifii ergamtootaa

nabi muhammad Rabbiin ergamaa xumuraa taasisee isa erge, nabiyyiin isa booda hinjiru. Rabbiin akkana jedhe "ammoo inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaati".

dhaloota nabii s.a.w.

makkatti bara 570 yatiima tahee dhalate, haatis daaimummaan irraa duute, akaakoo isaa abdul muxxalib biratti guddate, eegasii adeera isaa abuu xaalib biratti guddate.

.guddinaafii jireenya isaa

osoo hin ergamin dura gosa isaa qureyshii keessa waggaa 40 jiraate (570-610 amala gaariifii nama dansaa ture kan fakkiin ittiin godhamtu. muhammaul amiin (amanamaa) jechuun moggafame. dura re'e tiiyse, eegasii daldala hojjate. osoo islaamummaan itti hindhufin durallee nama qajeelaa diin nabi ibraahimirratti Rabbi gabbaru ture. shirkii ummanni biyyaa itti jiru nimorma. . )

.

.

.

.

.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi