barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota kitaabatti amanuu.

Rabbiin kitaaba namaan qajeelchuuf nabiyyoota isaarratti buuse qaba. kitaabban kuni haasawa Rabbiiti. Rabbumaatu akka isaan malutti isii dubbate.kitaabban san haqa, ifaa fii qajeelloo ilma namaa tan biyya lameeniittu keessa jira.

hiikkaa kitaabatti amanuufii barbaachisummaa isaa beekuu.kitaabban amma jirtu tanarraa ijjannoon muslimaa maal akka tahe beekuu.dirqama qur'aanaa kan muslimtootarra jiru beekuu.

hiikkaa kitaabatti amanuu.

dhuga'oomsu Rabbiin kitaaba isaa nabiyyootatti buuse akka gabroottan isaa ilmaan namaatitti geysanii barsiisaniif.kitaabban tuni haasawa Rabbiiti, akkuma isaan malutti inni dubbate. kitaabban kana keessa haqa, ifaafii qajeellotu jira. milkiin biyya lamaanitti ilma namaatiif achi keessatti taate.

barbaachisummaa kitaabatti amanuu.

kitaabatti amanuun arkaana iimaanaa keessaa tokko. Rabbiin nijedhe " yaa warreen amantan Rabbiifii ergamaa isaatti amanaa,kitaaba inni nabiyyii isaarratti buuseefii kann kana dura buusettis amanaa". nisaai 136. Rabbiin isaafii nabiyyii isaatti amanutti ajaje, akkuma kitaaba ergamaa isaa nabi muhammad irratti buuse qur'aanatti amanuu ajaje, kitaaba isa dura buusettis amnu ajaje.

nabiin s.a.w. akkana jedhe "rabbitti amanuu keeti, malaaykaa isaa,kitaabban isaa,ergamtoota isaa,guyyaa boodaatti, murtii Rabbii gaariifii hamtuu isiitti amanuu keeti".muslim8

kitaabatti amanuun maal ufkeessatti qabata?

١
isiin Rabbiirraa gadi buutetti amanuu.
٢
isiin jecha Rabbiitii itti amanuu.
٣
kitaabban Rabbiin maqaa dhayee dubbate akkasumatti itti amanuu, isaanis qur'aana nabiikenya muhammad s.a.w. irratii buufame, tawraat nabi muusarratti buufame, injiil nabi iisarratti buufame.
٤
oduu kitaaba durirraa waan qur'aanaafii hadiisaan mirkanaaye nidhuga'oomsina, waan qur'aanaafii hadiisaan kijibsiifame nikijibsiifna, kan hafe irraa cal'ifna hinkijibsiifnusi, hindhuga'oomsinus.

kitaaba dur keessa waan jirurratti ijjannoon keenya maali?

mu'iminni kitaabni tawraat tan nabi muusatti buuteefii injiil tan nabi iisarratti buute dhugaadha, Rabbirraa buufamtee nidhuga'oomsa. gorsaafii qajeelloo seeraafii seenaa isii keessaa jira. isiin qajeelchituu fii ifaa ilma namaati jiruufii dkhiraa isaanii keessatti. ammoo kitaaba isaanii ummanni kitaabaa nijijjiiran nijallisan waan fedhan keessa haqanii waan fedhan itti dabalanii barreessan,akka buufamtetti hinjirtu, kana Rabbiitu qur'aanaan nuuf ibse.

tawraat amma jirtu tan nabi muusarratti buufamtee miti, yahuudaatu jijjiiree jallisee garagalche, seera isii hedduun taphatan.Rabbiin akana jedhe " warreen nuti nasaaraa ufiin jedhan sanirraa ahdii seensifne, waan ittiin gorfamanirraa qooda tokko irranfatan, hanga guyyaa qiyaamaatti diinummaafii jibbaa isaan jiddutti darbine, waan isaan hojjataa turan booda Rabbiin isaanii himuuf jiraata". maaidah 14

akkasuma injiil amma jiru kuni kan nabi iisatti buufame sanii miti.nasaaran injiil nijijjiiran, seera isaarraa hedduu nijijjiiran, . Rabbiin nasaararraa dubbatee akkana jedhe "isaanirraa garee arraba isaaniitiin kitaaba jallisantu jira. akka isin kitaabbarraa seetaniif, garuu inni kitaabarraa miti, inni Rabbi biraa bu'e jedhan, ammoo inni Rabbi biraayii miti, osoo beekanii Rabbirratti kijiba dubbatan". aala imraan 78.

kanaaf arraa kitaaba qulqulluu jedhamee harka kiristaanotaa jiru, kan tawraatiifii injiil ufkeessatti qabate amantaa jalloo, seenaa sobaa, sheekoo dharaa hedduu ufkeessaa qaba.

-

tawraatiifii injiil arra jirtu tuni jallifamuufii jijjiiramuun isii iitti amanna, qur'aanni waan nuuf himeef, garuu kanumaan wajji muslimni kitaaba san nikabajaa, hinxiqqeeysu, hinxureysu, jechoonni Rabbiin buuse tokkoo lama kan hafe keessa jiraachuun nimala waan taheef.

waayee qur'aanaarratti dirqamni keenya maali?

١
qur'aana jaalachuun, kabajuun, guddisuun dirqama keenya. inni haasawa Rabbiiti, irra caalaafii irra dhugaa haasawaati.
٢
qarauufii dubbisuun isaa nurratti dirqama, suuraafii aayata isaa xiinxallaa, seenaa oduufii gorsa isaa gadilallaaluun dirqama, dharaaf dhugaa adda baafachuuf isaan qajeelfamna.
٣
qur'aana hordoofuufii seera isaa jala deemuun nurratti dirqama, ajaja isaa raawwachuufii dhoowwaa isaarraa fagaachuun, namusa isaa qabachuun, qajeelfama jiruu teenyaa godhachuun dirqama keenya.

Aaishaan amala nabiiyyiirraa gaafatamtee "amalli isaa qur'aana" jette. Ahmad 24601

hiikkaan haadisichaa:nabiin keenyaa jireenya isaa keessatti, hojii isaa, jechoota isaa, hundi qur'aan. qur'aana hojitti hiikame jechuudha. nabiin hordoffii guutuu qur'aana hordofe. nuhundaaf fakkiifii hoogganaa tahe. Rabbiin akana jedhe "dhugumatti ergamaa Rabbiitti hidhannaan gaariin isiniif tahe. nama Rabbiifii guyyaa qiyaamaa kan kajeelutaheef, kan heddummeysee Rabbi faarseef". ahzaab21

ragaan guddaan Rabbiin qur'aana kana tiiysurratti akka guutuu addunyaatti qur'aana qara'uufii haffazuun namaaf laaffifamuudha.afaaniifii haallii isaanii waldhabuudhaan wajji.

maalummaa qur'aana kabajamaarraa.

qur'aanni jecha Rabbii kan nabimuhammadirratti gadibuufame, kanaaf muslimni hundi qur'aana kana nikabaja, nijaalata,niqara'a nixiinxalla. qur'aanni kuni duniyatti qajeelchaa keenya, aakhiratti milkii keenya. qur'aanni kuni kabajaafii goddina sadarkaa hedduu kitaabni isaduraa hinqabne qaba. san keessaa:

1-qur'aanni kabajamaan cuunfaa seera Rabbiiti walitti qabate.

Qur'aannii qur'aanni kitaabban isa duraa kan haqaafii tokkummaa Rabbiitti ajajan nudeeggar, nimirkaneessa, Rabbiin akkana jedhe "kitaaba haqaan sirratti buufne

2-hundii namaa gosaafii afaan fedherraa tahus qur'aana kanatti amanuun dirqama.

ajaja isaatti hojjaachuun dirqama, zamanni isaanii yeroo qur'aanni buufamerraa hanga fedhe dheeratullee. kitaabban biroo garuu faallaa kanaati, isiin yeroo mutaayeefii ummata muraasaaf buute, Rabbuun akkana jedhe "(jedhi yaa muhammad) qur'aanni kuni kama kiyyatti beeysisa godhame akkan isiniifii warra inni itti gayee hunda isaan sodaachisuuf jecha".an'aam 19.

3- Rabbiin qur'aana tiiysuuf ufqabeefii jira, tiiysee jira.

amma duras harki jalliftuun itti hin hiixanne, fulduras abadan itti hin hiixattu, Rabbiin akkana jedhe "nuti numaatu qur'aana buuse nuti isaaf tiysitoodha".hijri9. kanaaf jecha oduun isaa hundi dhugaadhaa dhugaoomsuufii itti amanuun dirqama.

kitaabbanitti amanuun bu'aa hedduu qabdi.san keessaa:

١
Rabbiin gabroottan isaa itti yaadee kabaje
٢
ugummaa Rabbii
٣
Rabbii galatoomfatuu

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi