kutaan ammaa model
Barnoota Carraaqa fokkataafii hojii maallaqaa dhoowwamaa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
hojiin carraaqqii gaariitu jiraa badaa fokkataa haraamtu jira. Rabbiin s.w. akkana jedhe" yaa warra amantan gaarii waan carraaqqattaniirraa sadaqadhaa, waan dachirraa isiniif baafneraayis, badaa hin niyyatinaa isarraa kennuuf" [baqaraa 267].
hadiisatti abiihureyrarraa Nabiin s.a.w. akkana jedhan "zamanni ummatarra dhufuuf jiraata kan namtichi eessarraa qabeenya argatee hinlaalle halaalirraayi moo haraamirraayi" bukhaarii 2083
inni qabeenya ummataa dharaan nyaachuudha.yookaan karaa shari'aan dhoowwiteen hojjatachuudha.
karaalee hojii fokkattuu.
waan dalagaalee fokkattutti nama geessu.
miidhaa hojii fokkottuu
gosoota haraam daldala maallaqaa keessatti
waan beekkamtiin haraam taate
daldala shari'aa cabsu kamuu; kan akka ribaa, qumaara, hanna, kuusaa, gowwoomsaa fi kan kana fakkaatan kan gabroottan miidhu, maallaqa namaa haqa malee nyaachuu. kun waan lubbuun hawwamu waan taheef, ittisaa, dhoorkaa fi adabbii akka itti hin kufne dhoorkitu isa barbaachise. Rabbiin oltahe ni ja'e: Dhugumatti isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.[annisaa'i: 10] ammas ni ja'e: Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa (278) Yoo (kana) hin hojjatin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa). Hin miitanus; hin miidhamtanus. [albaqaraa: 278, 279].