barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Carraaqa fokkataafii hojii maallaqaa dhoowwamaa.

barnoota kana keessatti carraaqni fokkataan maal akka tahe baranna. sababaafii rakkoo isaallee hubanna. hojiin qabeenyaa tan haraam taates nibaranna.

carraqa fokkataa ibsuufii rakkina isaa ibsuu.hojiilee haraam tan dhoowwaa taate baruu.

hojiin carraaqqii gaariitu jiraa badaa fokkataa haraamtu jira. Rabbiin s.w. akkana jedhe" yaa warra amantan gaarii waan carraaqqattaniirraa sadaqadhaa, waan dachirraa isiniif baafneraayis, badaa hin niyyatinaa isarraa kennuuf" [baqaraa 267].

hadiisatti abiihureyrarraa Nabiin s.a.w. akkana jedhan "zamanni ummatarra dhufuuf jiraata kan namtichi eessarraa qabeenya argatee hinlaalle halaalirraayi moo haraamirraayi" bukhaarii 2083

hojii fokkattuu.

inni qabeenya ummataa dharaan nyaachuudha.yookaan karaa shari'aan dhoowwiteen hojjatachuudha.

karaalee hojii fokkattuu.

١
karaa dharaan qabeenya namaa nyaachuu. san keessaa qabeenya namaa zulmiin fudhachuu, yookaa gowwoomsuun, ganuun, saamuun, fii karaa abbaan hinjaalanneen fudhachuu.
٢
karaa dalagaalee shari'aan haraam gooteetiin, san keessaa dhala nyaachuu, qumaara, waan haraam gurguruu, akka farshoo, foon booyyee, meeshaa muuziqaatiifii kanneen biroo.

waan dalagaalee fokkattutti nama geessu.

١
Rabbi sodaachuufii qaanfachuu dhabuu: qalbii namaa keessaa sodaafii qaanfiin Rabbii yoofuudhamte haraamimoo halaalirraa argatee haajaa hinqabu.
٢
dafanii argachurratti bololuu: gariin namaa obsa hinqabu, yeroo gabaabdutti qabeenya guddaa argachuuf bolola kuni haraam nyaachutti isa geessa.
٣
bololaafii aminfachuu dhabuu: namarraa kan rizqii halaal tan Rabbiin isaa kennerratti hinguuttanneetu jira. walitti qabuuf ceha osoo haraamirraayis taatee.

miidhaa hojii fokkottuu

١
dallansuun Rabbii bu'uu fi ibidda seenuu, Abbaa umaamaa irraa rabbi irraa haa jaalatuu, ergamaan Rabbii ni ja'e: "namni haqa nama muslimaa kakuu isaatiin murate Rabbiin ibidda isaaf dirqama godhee jira, jannata isarratti haraam godhee jira" gurbaan tokko ni ja'e: osoo waan xiqqollee tahee moo? ni ja'e: "osoo ulee araakii tahellee" (Muslim 137)
٢
dukkana qalbii, qaamni ibaadaa Rabbii hifatuu, barakaan rizqii fi umrii keessaa fuudhamuu.
٣
kadhaan qeebalamuu dhabuu, abbaa hureyraa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ergamaan Rabbii s.a.w "ni hime gurbaa amna dheeressu goofaree dhukaawaa, harka isaa gama samii olqabee, yaa Rabbi yaa Rabbi ja'u, nyaanni isaa haraami, dhugaatiin isaa haraami, uffannaan isaa haraami, haraamiin dhanga'ame, akkamitti isaaf qeebalama?" (Muslim 1015).
٤
diinummaa fi jibbaan nama jiddutti bu'uu, hawaasni diigamuu, kuni bu'aa haqa namaa saamuufi cubbuun nyaatuu kan hafiinsa hin qabne, Oltahaan ni ja'e: Wanti sheyxaanni fedhu gidduu keessanitti diinummaafi wal jibbaa dhugaatii macheessaniifi qumaaraan buusuudha. [almaa'idaa: 91].

gosoota haraam daldala maallaqaa keessatti

١
waan beekkamtiin haraam taate
٢
waan akkaataan haraam taate

waan beekkamtiin haraam taate

waan ifii isaaniitiif haraamii, kan akka bineensa du’ee, dhiiga, foon booyyee, waan fokkotaa, najisaa fi kan kana fakkaatan, kunis wantoota lubbuun uumamaan irraa fagaattu keessaa tokko. Oltahaan ni ja'e: Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee ." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha. [an'aam: 145].

waan akkaataan haraam taate

daldala shari'aa cabsu kamuu; kan akka ribaa, qumaara, hanna, kuusaa, gowwoomsaa fi kan kana fakkaatan kan gabroottan miidhu, maallaqa namaa haqa malee nyaachuu. kun waan lubbuun hawwamu waan taheef, ittisaa, dhoorkaa fi adabbii akka itti hin kufne dhoorkitu isa barbaachise. Rabbiin oltahe ni ja'e: Dhugumatti isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.[annisaa'i: 10] ammas ni ja'e: Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa (278) Yoo (kana) hin hojjatin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa). Hin miitanus; hin miidhamtanus. [albaqaraa: 278, 279].

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi