barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Naamusoota fuudhaa

Barnoota kana keessatti naamusoota fuudhaa garii baranna.

  • Barbaachisummaa misirroon lameen naamusa fuudhaa qabaachuu.
  • Naamusoota fuudhaa barbaachisoo islaamni irratti qajeelche garii barachuu.

Seerota shari'aa fuudhaan walqabatan biratti, isirraa gariin hidhuu dura taha, gariinis yeroo hidhan san taha, gariinis isa booda taha, islaamni fuudha naamusa jaarsaa fi jaartiin eeggachuu qabaniin marsee jira; glata Rabbi irraa itti argachuu kajeeluuf jacha, jabeenyaa fi cimina hariiroo bultii tiissuuf abdachuuf.

1- Niyyaa

Niyyaan islaama keesstti iddoo guddoo qabdi, hadiisa beekkamaatu kanarratti qajeelcha: "Hojiin namaa niyyaani, namuutuufuu waanuma niyyateetu jira" (Bukhaarii 1, Muslim 1907), jaarsa jaartiin lamaan fuudha keessatti niyyaa gaarii qabaachuu qaban, inuma beekkumsarraahi akka galata argataniif niyyaa heddummeessuun, fuudha keessatti niyyaa gayyaa gaarii irraahi, mallattoolee Rabbii mullisuun, ajaja shari'aa kan fuudharratti kakaasu itti dalaguu, horteen gaariin Rabbi tokkoomsituu fi gabbartu irraa bahuu kajeeluu, lameen isaanii wal sattaruu fi fitnaa irra wal tiiysuu, kana males.

2- Halkan arruza seennaa (jaaramuu) sunnaa jala deemuu

١
jaarsi jaartii isaa jaalala garsiisuu wayta isiin jaaramu.
٢
jaarsi harka isaa mataa jaartii isaa irra kayee kadhaa Nabiin s.a.w nu barsiiseen kadhachuu: "yaa Rabbi an sin kadha toltuu isiitii fi toltuu waan isiin irratti jaaramtee, hamtuu isiitii fi hamtuu waan isiin irratti jaaramtee irraa sittin maganfadha" (Ibnu Maaah 1918).
٣
Jaarsi rakaa lama jaartii isaatiin salaatuu akka gariin sahaabaa kanarratti qajeelchanitti.
٤
walitti ida'amuu dura namtichi akkana jachuun kadhachuu: "maqaa Rabbiitiini, yaa Rabbi sheyxaana nurraa meysi, waan nuuf kannites sheyxaanarraa meysi" (Bukhaarii 3271, Muslim 1434), dubrtiinis yoo jatte rakkina hin qabu.
٥
yeroo walitti ida'aman waan Rabbiin haraam godhe eeggachuu, warra isaa duubaa fi yeroo isiin lagurra jirtu itti ida'amuun namticharratti haraami.
٦
namtichi warra isatti dabalamee eegasii itti deebi'uu yoo barbaade wudu'a godhachuun isaaf sunnaa godhama hadiisa: "tokkoon keessan warra isatti dhufee, eegasii itti deebi'uu yoo barbaade, haa wudu'atu" (Muslim 308).
٧
Gurbaa fi hintaltis iccitii isaan jidduu facaasuu dhabuu, Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "irra badaan namaa guyya qiyaamaa, namticha warra isaatti iccitii himu, isiinis iccitii himtuuf, ka eegsii iccitii isii san facaasu" (Muslim 1437).

3- waliimaa nikaahaa

waliiman nikaahaa sunnaa mirkanooytuudha; jacha Nabiin s.a.w Abdurahmaan ibnu Awfii wayta fuudhu ja'eeniif: "waliimaa godhi re'eenis taatu" (Bukhaarii 2048, Muslim 1427).

Wan waliimaa keessatti eeggamuu qabu keessaa

١
Sooreessa qofa akka hin yaamne, jacha Nabiitiif s.a.w: "irra badaan nyaataa nyaata waliimaati, sooressi isiif yaamameeti hiyyeessi dhiifama" (Bukhaarii 5177, Muslim 1432).
٢
Waliimaan re'ee fi yoo Rabbi laaffise sanii ol tahuu, garuu israafuun alatti.
٣
waliimaan foonii alatti tahus ni dandeessi.

4- dubartiin aruuza keessatti wallisuu

dubartiif addatti waan gaggaariin wallisuu fi dibbee tumuun ni hayyamamaaf dhiira irraa adda bahanii, meeshaalee muuziqaa fayyadamuun alatti; taatee bareedduu tanaaf gammachuu mullifachuun islaama keessatti hayyamamaadha.

5- Gaaromminan wajjiin jiraachuu

Naamusa fuudhaa mirkanooytuu keessaa gaaromminaan wajjiin jiraachuudha; kanaa jaalalti jaarsaa jaartiin jireenya gammachuu ittiin jiraatan hayyama Rabbiitiin akka turtuufi. Rabbiin oltahe ni ja'e: Akkaataa gaariin isaan horadhaa. [Annisaa'i: 19].

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi