barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota naamusa mana fincaaniifii istinjaa

shari'aan Rabbii waan namni itti haajamu hunda ibsite. naamusa gooteef. san keessaa tokko naamusa mana fincaaniiti. boqanna kana keessatti waayee xahaaraa, naamusa mana fincaaniitiifii istinjaadhaati dubbanna.

naamusa mana fincaatiifii istinjaa baruu.gosa hadasaa beekuu.hadasarraa xahaarachuu.

naamusa mana fincaanii.

yeroo mana fincaanii seenuu miila bitaa dursa, "bismillaahi allaahumma innii auuzu bika minal kubusi wal kabaaisi jedha".

duaaii mana fincaanii seensaa dhaggeefadhu.

yeroo mana fincaaniirraa bahu miila mirgaa dursa, "gufraanaka" jedha.

yeroo hajaa bahu qaama saalaa isaa namarraa dhooysuu qaba.

bakka namni irraa rakkatutti qulqullaawuun dhoowwaadha.

yoo alatti tahe boolla keessatti bahuun dhowwaadha, bineensi keessa jiraatee isamiidhuu yookaa ufiif miidhamuutu mala.

yeroo haajaa bahu qiblatti fuula deebiuun dhoowwaadha, duuyda itti deebiuunis. yoo dirree keessa tahee haalaan dhowwaadha. nabiin s.a.w. akkana jedhe "yeroo qulqulleeffatan qiblatti fuula garangalinaa, duydas garangalinaa fincaaniifii udaaniinis". bukhaarii386 muslim 264

akka najifni facaee qaamaafii uffata isaa hintuuyne haa eeggatuu, yoo isa tuqe haadhiqatuu.

yeroo haajaa bahe lameen keessaa tokko isarraa barbaachisa.

١
istinjaa (bishaaniin)
٢
istijmaara (dhagaan)

istinjaa

istinjaa jechuun bakka fincaanii yookaa udaanii bishaaniin qulqulleefachuudha.

istijmaar

istijmaar jechuun dhagaa sadihiin yookaa mandiila yookaa waan kana fakkaatuun qulqulleefachuudha,

hadasa

sifa dhokattu nama keessatti argamtu tan salaata salaatuu nama dhoowwitu, irra deebiee wuduua godhatu malee, waan mul'ataatii miti.

bishaan qulqulleessaa.

bishaan qulqulleessaan yeroo wuduu'a godhatan yooka dhiqatan hadasni namarraa deema. bishaan qulqulleessaan kan najisni hintuqin kan bifa dhandhamaafii foolee isaa hinjirjiirini.

hadasni lamatti qoodama.

١
hadasa xiqqaa: hadasa isa ufirraa fuudhuuf wauduu'a godhachuun muslimarratti dirqamaati.
٢
hadasa guddaa: hadasa isa ufirraa fuudhuuf bishaaniin qaama waliin gayanii dhiqachuun dirqamaati.

hadasa xiqqaafii isaaf wuduu'a godhachuu.

wuduuini nama muslimaa nicapha, irra deebi'ee wuduu'achuun dirqama taha yoo wantoonni itti aanu kuni irraa argaman.

1- fincaan, udaaniifii waan karaa lameen jalaatiin namarraa bahe kan akka hafuuraafii kan biroollee. RAbbiin akkana jedhe. " yookaa tokkoon keessan mana fincaaniitii dhufe". nisaai 43. nabiin s.a.w. nama salaata keessatti wuduu'a cabsuu shakkeen akki jedhe"akka hindeemne hangasagalee dhagayu yookaa hafuura ajaa argutti". bukhaarii 175 muslim 361

2-qaama saalaa fedhiin uftuquu girdoon maletti.nabiin s.a.w. akki jedhe "namni qaama saalaa isaa tuqe haawadda'atuu". abuu dawud 181.

3-foon gaalaa nyaachuu: nabiin gaafatamee foon gaalaarraa wuduu'a godhadhuu? jennaan. ee jedheen. muslim360.

4- qalbiin namarraa deemuu: hirriibaan, yookaa maraatuun, gaggabaan, machaawuun.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi