kutaan ammaa model
Barnoota naamusa mana fincaaniifii istinjaa
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
naamusa mana fincaanii.
yeroo hajaa bahu qaama saalaa isaa namarraa dhooysuu qaba.
bakka namni irraa rakkatutti qulqullaawuun dhoowwaadha.
yoo alatti tahe boolla keessatti bahuun dhowwaadha, bineensi keessa jiraatee isamiidhuu yookaa ufiif miidhamuutu mala.
akka najifni facaee qaamaafii uffata isaa hintuuyne haa eeggatuu, yoo isa tuqe haadhiqatuu.
yeroo haajaa bahe lameen keessaa tokko isarraa barbaachisa.
istinjaa jechuun bakka fincaanii yookaa udaanii bishaaniin qulqulleefachuudha.
istijmaar jechuun dhagaa sadihiin yookaa mandiila yookaa waan kana fakkaatuun qulqulleefachuudha,
hadasa
bishaan qulqulleessaan yeroo wuduu'a godhatan yooka dhiqatan hadasni namarraa deema. bishaan qulqulleessaan kan najisni hintuqin kan bifa dhandhamaafii foolee isaa hinjirjiirini.
hadasni lamatti qoodama.
hadasa xiqqaafii isaaf wuduu'a godhachuu.
3-foon gaalaa nyaachuu: nabiin gaafatamee foon gaalaarraa wuduu'a godhadhuu? jennaan. ee jedheen. muslim360.
4- qalbiin namarraa deemuu: hirriibaan, yookaa maraatuun, gaggabaan, machaawuun.