kutaan ammaa model
Barnoota wuduu'a
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
sadarkaa wuduu'aa.
hadasa xiqqaa ufirraa fuudhuuf akkamitti wadda'adha?
niyyachuu
shanacha isaa yeroo sadihi dhiqa barbaachisummaan.
bishaaniin lulluuqata, bishaan habbuuqee afaan keessa oofee gaditufa, yoggu takka dirqama sadi jaalatamaa.
bishaan funyaanitti olfuudheeeegasii gadideebisa. yoo soomana qabaate malee yooka ka isa rakkisu tahe malee olfageessuun gaariidha. yeroon tokko dirqama, sadih jaalatamaadha.
fuuala dhiqachuu yoggu takka dirqama yoggu sadi jaalatamaadha, fuulli bakka rifeensi mataa itti dhaabbaturraa kaasee hanga jala areedaatti, gurri lameen fuularraayii miti.
harka lachuu qubarraa kaasee ciqileen wajji dhiqata, mirgaan jalqaba. takka dhiqachuun dirqama sadi guutuun jaalatamaadha.
harka isaa bishaaniin jiisee mataa isaa guutuu haxaawa, durarraa jalqabee hanga duubaatti oofee irra as deebisa. yoggu 3 irra deddeebiuun hinbarbaachisu. takkumaatu gaya.
gurra isaaquba daymaa uraa gurraa keessa galchuun quba guddaan ammoo ala gurraa haxaawa.
miila lameen kiyyoo wajji dhiqata, mirga dursa, yoggu sadi dhiqata. takka dirqama. yoo kophee uffatee jiraate seera isii eegee irra haqa.