barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota wuduu'a

wuduu'aafii xahaaraan ibaadaadha hojii gaariidha, boqannaa kana keessatti akkaataa wuduu'aatiifii sadarkaa isaa baratta.

1-sadarkaa wuduu'aa baruu.2-akkaataa wuduu'a itti godhatan baruu.

sadarkaa wuduu'aa.

wuduuini hojii jaalatamtuu sadarkaa muslimaa olfuudhu. isaan Rabbiin dilii namarraa haqa yoo niyyaa tolfatanii tolchanii godhatan.nabiin s.a.w. akki jedhe "namni muslimaa tokko yoo wuduu'a godhateefuula isaa dhiqediliin inni laale hundi bishaan saniin wajji isarraa buuti, yeroo harka dhiqate badiin inni harka isaatii qabate hundi bishaan saniin wajji isarraabuuti, yeroo miila isaa dhiqate diliin miilli isaa itti deemte hundi bishaan saniin wajji isarraa buuti, hanga dilirraa qulqullaayee bahutti". muslim 144

hadasa xiqqaa ufirraa fuudhuuf akkamitti wadda'adha?

niyyachuu

muslimtichi yeroo wuduu'a godhachuuf ka'e dura qalbitti niyyaa godha, niyyaan hojii ibaadaa hunda keessatti barbaachiftuudha. nabiin s.a.w. akkana jedhe "hojiin niyyaadhaan mirkanooyti". bukhaarii 1. muslim 1907. eegasii akka itti aanu kanatti wadda'ata osoo adda hindhaabin waljala oofa.

bismillaahi jedha

shanacha dhiquu.

shanacha isaa yeroo sadihi dhiqa barbaachisummaan.

lulluuqachuu.

bishaaniin lulluuqata, bishaan habbuuqee afaan keessa oofee gaditufa, yoggu takka dirqama sadi jaalatamaa.

funyaanitti olfuudhuu.

bishaan funyaanitti olfuudheeeegasii gadideebisa. yoo soomana qabaate malee yooka ka isa rakkisu tahe malee olfageessuun gaariidha. yeroon tokko dirqama, sadih jaalatamaadha.

fuual dhiqachuu.

fuuala dhiqachuu yoggu takka dirqama yoggu sadi jaalatamaadha, fuulli bakka rifeensi mataa itti dhaabbaturraa kaasee hanga jala areedaatti, gurri lameen fuularraayii miti.

harka dhiqachuu.

harka lachuu qubarraa kaasee ciqileen wajji dhiqata, mirgaan jalqaba. takka dhiqachuun dirqama sadi guutuun jaalatamaadha.

mataa haxaawuu.

harka isaa bishaaniin jiisee mataa isaa guutuu haxaawa, durarraa jalqabee hanga duubaatti oofee irra as deebisa. yoggu 3 irra deddeebiuun hinbarbaachisu. takkumaatu gaya.

gurra haxaawuu.

gurra isaaquba daymaa uraa gurraa keessa galchuun quba guddaan ammoo ala gurraa haxaawa.

miila lameen dhiqachuu.

miila lameen kiyyoo wajji dhiqata, mirga dursa, yoggu sadi dhiqata. takka dirqama. yoo kophee uffatee jiraate seera isii eegee irra haqa.

ibsa fakkiin akkataa wuduu'aa garsiisu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi