barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree salaata jamaa'ah.

ibsa Rabbiin salaata jamaa'ah muslimtootarratti dirqama godhe. faaydaafi bu'aa hedduuf. barnoota kana kessatti akkaataa salaata jamaa'aatiifii seera isii baratta.

kaayyoosadarkaa caalmaya salaata jamaa'ah beekuu.salaata walitti hidhachuu hiikkaa isaa baruu.seera imaamaatiifii maimuumaa baruu.

Rabbiin muslimtoota dhiiraa salaata shanan keessatti salaata jamaa'aatti ajaje. sadarkaa isii keessatti galata guddaatu dubbatame. nabiin s.a.w. akki jedhe "salaanni jamaa'ah salaata kophaarra sadarkaa 25n caalti." bukhari 645. muslim 650.

irra xiqqaan jamaa'aa nama lama, imaamaafii maimuuma, hanguma jamaa'aan walirra guddatte Rabbi biratti irra jaalatamtuudha.

hiikkaa salaata walitti hidhatuu.

walitti hidhatuu jechuun maimuumni imaamatti salaata hidhatee jala deemee salaatuu jechuu. rukuu'a sujuuda, jala deemuu, qaraatii isaa dhaggeeyfatuu, dura dabruu dhabuu, wanneen kana keessatti isa faallessuu dhabuu. hojii hunda imaama isaa boodarra hojjatuu.

imaama hordofuu.

nabiin s.a.w. akkana jedhe "imaamni wanni godhameef akka itti hidhataniifi, yeroo Allaahu akbar jedhe Allaahu akbar jedhee, hanga inni takbiiraa godhutti hingodhinaa. yoo inni rukuu'a godhe rukuu'a godhaa, hanga inni rukuu'a godhutti hingodhinaa, yeroo inni sami'allaahu liman hamidahu jedhe allaahumma Rabbanaa lakal hamdu jedhaa. yeroo inni sujuude sujuudaa, hanga inni sujuudutti hinsujuudinaa" bukhaarii 734 muslim 411 abuudaawuud 603 jechi kan abii daawuudi.

imaamummaaf eenyuutu durfama?

nama irra qur'aana haffazeetu imaamummaf durfama, ka qaraatii tolchu. yoo qaraatitti walqixa tahan kan sunnaa irra beekuutu imaama taha".muslim 673.

imaamaafii maimuumni eessa dhaabbatu?

imaamni dura dhaabbata, maimuumni boodarra hiriira tolfatee dhaabbata, saffii duraa guutaniiti tan itti aantu tanitti aantu akkasumatti, maimuumni yoo tokko tahe mirga imaamaati dhaabbata.

waan imaamaan wajji isa dura dabre akkamitti guutata?

namni eega salaatarraa imaamni isa dura oofe boodarra dhaqqabe itti seeneetuma wajji oofa hanga imaamni salaammatutti, eegasii olkaee waan hafe itti guutata. wanni imaamaan wajji dhaqqabate salaata isaa gama duraati, wanni san booda itti guutatu gamaboodaa salaata isaati.

raka'aan maaliin dhaqqabamti?

namni imaama rukuu'arratti dhaqqabate raka'aa san guutuu dhaqqabate jedhama. namni rukuuini isa jalaa dabre raka'aa saniifii tan isii duraatis isa dabarte jedhama.imaaman wajji salaatatti seenee, yeroo imaamni salaammate olka'e waan isa dabre itti guuttata.

fakkeenya nama salaanni gama duraa imaamaan wajji isa dabartee.

namni salaata fajrii raka'aa 2ffaa dhaqqabate yeroo imaamni salaammate olkae tan hafte itti guuttata, eegasii salaammata, waan salaanni sun raka'aa lama taheef.

namni tashahuda dhumaarratti salaata magriibaa dhaqqabate, hidhatee wajji taa'a yeroo imaamni salaammate olka'ee raka'aa sadeen guutuu salaata, raka'aa takkallee hindhaqqabanne waan taheef. raka'aan rukuu'arratti dhaqqabamti waan taheef.

namni imaama isaa salaata zuhrii raka'aa 3ffaa rukuu'atti jiru dhaqqabate raka'aa lama imaamaan wajji dhaqqabate jedhama. isiin maimuumaaf raka'aa lameen duraati, yeroo imaamni salaammate olkaee waan hafe guuttatuuti isarra jira. tan guutatu tuni raka'aa sadaffaafii afraffaa jedhamti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi