kutaan ammaa model
Barnoota mata duree - hubannoo iimaanaa gannaan walqabattu.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
ganni yeroo yeroo waggaarraa taate ogummaa guddoof Rabbiin isa uume.
jechi ganna jedhu qur'aana keessatti yeroo tookko dubbatame. sun suuraa qureyshii keessatti. booharsuu qureyshiitiifi. booharsuu isaaniitiifii deemsa gannaafii bonaa. qureyshi 1-2 fe'annaa gannaa jechuun deemsa qureyshiin daldalaaf gara yaman deemtu. fe'annaan bonaa tan gara shaam deemani.
ganna fuulleen isaa bona. yeroon badheessaafii birraa akkawaan adda baaftuu jidduu isaaniiti. kanaaf gariin ulamaaii waggaan waqtii lama bonaafii ganna.
ganni mallattoo dandeettii Rabbiiti, ogummaafii rahmata isaati.
ganni carraa umritti fayyadamuufii qananii yaadachuuti.
Rabbiin akkana jedhe "inni isaa halkaniifii guyyaa waldabroo taasise nama gorfamuufii galata galchuu barbaadeef". furqaan 62. umar ibnulkhaxxaab nijedhe waan halkan kee keessatti sidabre guyyaa kee keessatti dhaqqabadhu, Rabbiin halkaniifii guyyaa dabaree godhe nama gorfamuu fedheefii galata galchuu fedheefis.
ganni qananii Rabbii yaadachuuf carraadha, tan akka uffata oowwuu, meeshaalee ittiin oowwifataniifaa. Rabbiin akkana jedhe "Beyladota isiniif ishii uume. isii keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aaleetu jira. isii irraas ni nyaattu". nahli 5. qananiin tuni galatoomfamuutu haqa. Rabbiin akkana jedhe " Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabalayoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa)". ibraahiim 7
qabbanti jabaachuun gorsa, nabiin s.a.w. akki jedhe "ibiddi jahannam Rabbii isiitti iyyatte yaa Rabbii gariin kiyya garii kiyya nyaate) jette, hafuura baafachuu lama hayyameef, hafuura baafannaa ganna keessaa, hafuura baafannaa bona keessaa, inni owwa hamaafii qabbana hamaadha". bukhaarii 3260. muslim 617.
warri ibiddaa akkuma oowwaan azzabaman qorraanis ni azzabamu, Rabbiin akkana jedhe "Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhaman. Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatan] Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]. gassaaq jechuun kan akkan qorru kan nama muru jechuudha. warri ibiddaa owwarraa nuuf dirmadhaa jedhanii kadhatanii qilleesa qabbanarraa lafee nama dhoosuun dirmataniif, eegasii owwa jahannam kadhatan...Rabbi nagaya nuhaabaasu.
gariin gabroottan Rabbii nijedhe "barada bu'u argee kitaaba guyyaa kaafamaa harcau yaadadhu malee hinhafne".