kutaan ammaa model
Barnoota nabi muhammaditti amanuu.
Waayee nabii keenyaa keessatti waa heddutu dirqama nurratti taha. san keessaa;-
1-Muhammad gabrichaafii ergamaa Rabbii tahuu nidhuga'oomsin, inni caalaa nama hundaati, quxisuu ergamtootaati. isa booda nabiyyiin hinjiru. ergaa Rabbiitiifii amaanaa isaa ummataan gayee jira. ummata gorsee jira, karaa Rabbii keessatti qabsaawee jira.
2-waan inni haasaye dhuga'oomsuu, waan inni ajaje tole jechuu, waan inni dhooweefii dangesserraa dhoowwamuu, akka inni karaa godhetti Rabbi gabbaruu, nama biroo hunda dhiifnee isuma qofatti hidhachuu, Rabbiin akkana jedhe "dhugumatti ergamaa Rabbii keessatti hidhannoon gaariin isiniif taheera, nama Rabbiifii guyyaa boodaa kajeeluuf, kan heddummeessee Rabbi faarsuuf". ahzaab 21
3-jaalala nabii jaalala abbaa tan ilmaanii tan nama hundaarra dursuun dirqama, nabiin s.a.w. akkana jedhe "tokkoon keessan hin amanne hanga ani abbaa isaarra ilma isaarra nama hundarra isa biratti jaalatamaa tahutti".bukhaarii 15, muslim 44. Jaalalti isaa tandhugaa karaa isaa jala deemuufii qajeelfama isaa hordofuun taate, milkiin dhugaatiifii qajeelloon guutuun isaaf ajajaman malee namaaf hin argamu, Rabbiin akkana jedhe "yoo isa tole jettan niqajeeltan ergamarra geessiinsa mul'ataa geessuu malee homaa isarra hinjiran". nuur 54.
4-waan nabiin s.a.w. dhefeen qeebaluun nurratti dirqama. sunnaa isaa hordofuun, qajeelfama isaa guddisuufii kabajuun, Rabbiin akkana jedhe "Miti Rabbii keetitti kakadhee isaan hin amanne hanga waan isaan waldhabsiise sirratti murteeffatanitti, eegasii waan ati murteessiterraa kan dhiphina lubbuu isaanii keessatti hinagarre hanga jala butamanitti jala butamiinsa". nisaai 65
5- ajaja isaa faallessurraa fagaachuu uf eeguu: ajaja isaa faallessuun sababa mokkorooti jallinaafii azaaba laalessaati, Rabbiin akkana jedhe "haa eeggatanii isaanoowwan ajaja isaa faallessan mokkoroon isaan tuquu yookaa azaabni laalessaan isaan tuquu". nuur 63
ergaan nabi muhammad ergaale isa duraa hundarraa waan adda taateen qabdi sunis:
1-ergaan nabi muhammad xumura ergaalee isaan duraati, Rabbiin akkana jedhe "muhammad namoota keessanirraa abbaa nama tokkootillee hintaane, ammoo ergamaa Rabbiitiifii xumura nabiyyootaati". ahzaab 40
2-Ergaan nabi Muhammad s.a.w. ergaalee isa duraa hunda shaarte. eega nabi muhammad s.a.w. erge booda Rabbiin amantaa takkaleewu hinqeebalu tan nabi muhammad malee, isa hordofuun malee, qananii jannataatti gayuun hindandayamu. karaa nabi muhammadiin s.a.w. malee. inni irra caalaafii irra kabajamaa ergamtootaati, ummani isaa irra caalaa ummataati. seerri diin isaa irra guutuu seeraati. Rabbiin akkana jedhe " namni islaamummaa malee kan biraa amantaadhaaf barbaade isarraa hinqeebalamu, inni aakhiratti warra hoongayerraa taha".aala imraan 85. nabiin s.a.w. akkana jedhe "Rabbii lubbuun muhammad harka isaa jirtuun kakadhee namni ummata kanarraa yahuudas tahee kiristaana ergamuu kiyya dhagayee osoo waan ani ittiin ergam (islaamummaa)tti osoo hin amanin du'e warra ibiddaa tahu malee hinhafu". muslim 153. ahmad 8609
3-ergaan nabi muhammad namaafii jinnis walitti qabattuudha. Rabbiin waayee jinniin jetterraa yeroo nuuf himu akkana jedha:"yaa ummata keenya yaamaa Rabbii jalaa awwaadhaa" ahqaaf 31. Rabbiin akkana jedhe "hunda namaatiif sodaachisaafii gammachiisaa goonee malee waa sinergine" saba'i 28. nabiin s.a.w. akkana jedhe: " anbiyootarra waa jahaan caalchifame. jechoota walitti qabatoo kenname, sudaan tumsame, boojuun halaal naaf godhamte, dachiin qulqulleessituufii masjiida naaf godhamte, ilma namaa hundatti ergame, nabiyyummaan naan xumuramte". bukhaarii 2815. muslim 523
Rabbiin nabiyyii tokkollee hin ergine irra caalaa ummata isaa sahiboota isaaf godhumalee. dhaloonni isaaniis dhaloota irra caalaa ummata isaati. eega nabiyyootaatii tuuta irra caaltuu rabbiin filee sahiboota nabii godhe. akka diin kana qulqulluu dogogoorarraa xaliila tahe baatanii ummataan gayaniif jecha. Nabiin s.a.w. akkana jedhe "caalaan ummata kiyyaa jaarraa ani keessatti ergameedha, eegasii warra itti aanu, eegasii warra itti aanu".muslim 2534
hiikkaa sahaabaa
sahaabaa jechuun nama nabimuhammad argee itti amanee sanumarratti du'e.
sahaabaa Rasuulaa faaruufii caalmayina sadarkaa isaanii ibsuun qur'aanaafii hadiisa keessatti bakka heddutti insame, san keessaa:
waayee sahaabaatiifii maatii nabii keessatti maaltu dirqama?
muslimarratti waayee sahaabaatiifii maatii nabii keessatti wantoonni itti aanukuni dirqama:
1- isaan jaalachuu, isaan kabajuu, isaaniif Rabbi kadhachuu:
Rabbiin muhaajirtoota nifaarse, isaan warra qabeenya isaanii dhiisanii Rabbiif jecha, jaalala Rabbii barbaachaaf jecha, diin isaaniitiif gara madiinaa godaanani. eegasii faaruu warra ansaara madiinaa itti aanse. isaan warra obboleeyyan isaaniitii tumse, qabeenyaafii meeshaa waan harkaa qaban obboleeyyan isaaniitii qoodan. inumaa lubbuu isaaniirra obboleeyyan dursan. eegasii warra isaan booda dhufe muimintootarraa hanga guyyaa qiyaamaatti jiraatan faarse. isaan warra sahaabaa kabajee sadarkaa isaanii guddisee olfuudhe, kan isaaniif du'aaii godhu, kan qalbii isaa keessa jibbaafii ceem'aan isaan tokkoollee hinjirre.
Rabbiin akkana jedhe "Hiyyeeyyii godaantotaa warra tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaa tumsuuf jecha manaafi qabeenya isaanii irraa baafamaniifis (ni kennama)Isaan sun isaanumatu warra dhugaati. Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatuWaan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganuOdoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatuNamoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oodha. Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisinGooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu". hashri 8-10
2-sahaaba hunda Rabbi irraa haajaalatu jedhanii eebbisuu.
namni muslimaa kamiiyyuu yeroo sahaabaa maqaa dhawe Radiyallaahu anhu jedhanii eebbisuu barbaachisa, Rabbiinis isaanirraa jaalachuu ibsee jira. ibaadaafii hojii isaanii irraa jaalateera. isaanis waan Rabbiin isaan badhaasee isaanii qoode jaalatanii jiru. Rabbiin akkana jedha"dursitoonni duraa muhaajirootaafii ansaararraa warra toltuun isaan hordofe Rabbiin isaanirraa jaalate isaanis irraa jaalatan, jannata isii jala laggeen yaatu isaaniif qopheesse, zalaalam achi keessa jiraatoodha, suni milkii guddoodha". tawbaa 100
1-sahaabonni nabii hundi isaanii warra sadarkaa guddaati, warra toltuuti, ammoo irra caaloon isaanii khulaa'ota afrani, isaan tartiibaan: abuubakar assaddiiq, umarbinul khaxxaab, usmaan binu affaan, aliyyi binu abiixaalib, isaan hundaarraa Rabbi haajaalatu.
2-sahaabaan nabii keenyaa ilma namaati tiiyfamoo miti, dogoggorri irraa ni argama, garuu dogoggorri isaanii kan nama biroorra xiqqaadha, toltuun isaanii toltuu nama biroorra hedduu, Rabbiin irra caaltota namaa saahibummaa nabiitiif file, akka diin kana baataniif jecha, caalaan ummata kiyyaa dhaloota ani keessatti ergame kana, eegasii warra itti aanu, eegasii warra itti aanu".muslim 2534
3-sahaabota hundaafi haqa tahoofii gaaromina isaanii ragaa nibaanaaf. toltuu isaanii nidubbanna, dogoggoraafi ijtihaada isaanii kan haqa hinqunnamin hindubbannu, isaan immaan dhugaa, hojii gaggaarii, hordoffii diin irraa waan dogoggora isaaniirra caalu qaban. nabiin s.a.w. akkana jedhe "sahaabaa kiyya hin arrabsinaa osoo tokkoon keessanziqaya hanga gaara uhud gayu sadaqatee kabala tokkoo isanii hingayu, walakkaa isaatuu hingayu".bukharii 3470
Maatiin nabiyyii warreen isaa, joollee isaa, fira ilmaan adeerran isaati. isaanis:- maatii aliyyii, maatii aqiil, maatii jaifar, maatii abbaasifii hortee isaaniiti.
irra caalaan isaanii warreen nabiin dhaqqabe. akka aliyyi binu abiixaalibiifii faaximaa bint muhammad s.a.w. akkasuma joollee isaan lameenii hasaniifii huseen qondaalota dargaggoota jannataa. warreen nabii haadha muimintootaati, khadiija bint khuweylid, Aaishaa assiddiiqah Rabbi hunda isaaniirraa haajaalatuu.
Rabbiin eega dubartoota nabiitiif namusa kabajaa dhaame booda akkana jedheen "yaa warra manaa Rabbii najisa isinirraa oofee qulqulleeysiinsa isin qulqulleysuu barbaada". ahzaab 33.
maatii nabii jaalachuu.
muslimni maatii nabii kan isatti amananii sunnaa isaa jala deeman hunda nijaalata. san jaalala nabirraayii taasisa. dhaamsa nabiin maatii isaa akka jaalannuufii kabajnu nutti dhaame guutuuf jecha. nabiin s.a.w. akkana jedhe "waayee maatii kiyyaa Rabbiinini isin yaadachiisa,waayee maatii kiyyaa Rabbiinini isin yaadachiisa,waayee maatii kiyyaa Rabbiinini isin yaadachiisa". muslim 2408 akka abbaan joollee isaa jaalatu yeroo dhaammatu "joolleen tiyya Rabbiin isinitti haataatu" jedhu.
muslimni waayee kana keessatti gosa lamarraa niqulqullaawa.
maatiin nabii dogoggorarraa tiiyfamoo miti.
maatiin nabii akkuma gosaafii maatii nama birootti isaan keessa muslimnis, kaafirris, qajeelaanis, dilaawaanis, nijira. qajeelaa isaanii nijaalannaa sawaaba isaaf hawwina. dilaawaa isaaniitiif nisodaannaaf qajeelloo kadhannaaf. maatiin nabii sadrkaa qaban jechuun waan hundaan nama caalan jechuu miti. tokko tokkoon isaanii nama caalan jechuu miti. namoonni waan hedduun walcaalan, warra isaan hintahin keessa namni isaan caalu nijiraata.