barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota seenaa jireenyaa nabi muhammad

kaayyoon barnoota kanaa eenyummaa nabi muhammad nama barsiisuudha, seenaa isaallee beeysisuudha.

1-eenymmaa nabii akka waliigalaatti barachuu.

seenaa nabii

muslimni seenaa nabii adda babaasee beekuu qaba.akka waayee jireenyaa keessatti sirritti itti hidhatuuf jecha. seenaan nabii sharii'aa islaamaa hojiin merkaneessuudha jedhamti. Rabbiin akki jedhe "dhugumatti hordoffiin gaariin ergamaa Rabbiitti isniif taatee jirti, nama Rabbiifii guyyaa boodaa kajeeluuf". ahzaab 21

1- shanyii nabii s.a.w.

shanuyiin nabii irra caaltuu shanyiiti. inni muhammad abdallah abdulmuxxalib haashim abdu manaaf qusayyi kilaab murrah ka'ib lu'ayyi gaalib fihri maalik nadhri kinaanah khuzeymah mudrikah iliyaas mudar nizaar ma'addi adnaan. Adnaan hortee ismaaiilirraayyi,

2 haadhaa abbaa isaa

abbaan isaa abdallaa binu abdul muxxalib binu haashim oso nabiin garaa jiru irraa due, haati isaa aaminaa binti wahbi binu abdi manaaf, binu zuhrah.

3- dhaloota isaa

guyyaa isniinaa ji'a Rabiiul awwal bara lola arbaa 571 e.c. dhalate.

4- hoosiftuu isaa.

suweybaa bilisoomfamtuu abii lahabtu guyyaa muraasa isa hoosise, eegasii haliimaa gosa saidii taateetu isa hoosise, isii bira ganda banii saidii gara waggaa 4 ture. achitti onnee isaa dhoosanii qooda lubbuutiifii sheyxaanaa keessaa baasanii hodhan maleykaan. achumaan haliimaan gara haadha isaa deebiste.

5-guddinaafii dargaggummaa isaa.

١
eega warra banii saidiitii gara haadha isaa aminaa makkatti deebie manuma isiitti guddate, isaa umrii waggaa 8ti aaminaan madiinarraa osoo deebiaa jirtuu bakka abwaai jedhamtutti duute, akkasitti yatiima haadhaaf abbas hinqabne tahe.
٢
akaakoon isaa abdul muxxalib makkatti deebieen, isa kunuunsee guddise, akkakoon isaa makkatti du'e, yeroo san umriin isaa waggaa 8tiif ji'a lamaaf guyyaa 10.
٣
eega akaakoon isaa due booda adeerra isaa abuu xaalibtu ijoollee isaatti dabalee guddise, haalaan kabajee joollee isaarra caalchisee ufitti maxxanse. hanga waggaa afurtama caalu isa tiiyse.

osoo hin ergamin dura hojiin nabii s.a.w.

١
joollummaa isaatti warra makkaatiif kafaltiin re'ee tiiysuu ture.
٢
umrii isaa wagga 12tti adeera isaa abiixaalibiin wajji daldalaaf gara shaam bahe, umrii isaa waggaa 25tti khadiijaa binti khuweylid akka shaamitti daldalaaf ergamuuf gaafatte, isiin dubartii qabaattuufii kabajamtuu turte qureyshi keessatti. wan ergattoota daldalaa kan isii kan birootii kafaltu caalaa akka kafaltuuf waliigalte. waan nabiin amanamaa tahuu, amala gaariifii nama dhugaa tahuu dhageesseef.kana qeebalee nabiin qabeenya isiitiin daldaluuf bahe, khaadima isii meysaraan wajji. shaam dhaqan. yeroo makkatti deebi'an khadiija qabeenya isii keessatti amaanaafii barakaa waan takka hin argin argite.

jiruu isaa kan ergamuu duraa.

jireenyi isaa ergamuu dura jireenya kabajaa ture, jallina hinqabu badii hindalayne, osomaa Rabbiin fokkinna wallaaltotaarraa isa tiiysu dardare. hanga irra kabajamaa ummata isaa tahetti. irra gaarii isaanii amalaan, kabajamaa gosaa, irra gaarii nama nama ufitti qabuu, irra obsaa isaanii, irra dhugaa haasawaa isaanii, irra amaanaa qabaataa, fokkin nama xurreeysurraa irra fagaataa isaanii, tahe. hanga dhugaoonfamaa amanamaa jedhamee waamamutti.

6-jaartiiwwan nabii s.a.w.

umrii isaa waggaa 25tti khadiijaa fuudhe,yeroo daldalaaf shaamitti bahan meysaraan amala gaarii hedduu irraa arge, yeroo makkatti deebi'an khadiijatti hime. itti heerumuu kajeelte. achuumaan fuudhe, isiidha dura fuudhe, hanga isiin jirtu tan biraa irratti hinfuune, isiin haadha joollee isaa hundaati ibraahiim malee inni kan maariyaati. khadiijaan hijraan dura waggaa 3tti duute.

maqaalee jaartiiwwan nabii s.a.w.

١
khadiija Rabbi isirraa haajaalatuu.
٢
khadiijaan duunaan sawdaa bint zam'ah fuudhe.
٣
eegasii aaishaa binti abiibakar assiddiq fuudhe.
٤
eegasii hafsaa bint umar binul khaxxaab fuudhe.
٥
eegasii zeynab binti khuzeymaa binul haaris fuudhe.
٦
ummu salamaa hind bint umayyaa fuudhe.
٧
zeynab bintil jahshi fuudhe.
٨
eegasii juweyriyyaa bintil haaris fuudhe.
٩
eegasii ummu habiibaa fuudhe. maqaan isii ramlah binti abiisufyaan yookaa hindi.
١٠
injifannoo kheybar booda safiyyaa binti huyayyii bin akhxab fuudhe.
١١
eegasii meymuunaa bintil haaris fuudhe isiin tan booda nabiin fuudhe.

7- joollee nabii s.a.w.

joolleen isaa torba (dhiira sadihiifii dubra afur).

joolleen dhiiraa sadeen qaasim isaan yaamama abbaaqaasim jedhanii guyyama waa xiqqo ture, Abdallaah xayyibiifii xaahiris nijedhama, ibraahiim.

dubri isaa afreen zeynab isiin hangafa dubraati, Ruqayyaa, Ummu kulsuum, Faaximah, joolleen nabii hundinuu tan kadiijaati, ibraahiim malee inni kan maariyatul qibxiyyaati.isiin bilisoomfamtuu muqowqas nbiif erge turte.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi