barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota akkamitti namni islaamummaa seena?

yeroon namni islaamummaa seenu irra jabduu yeroo umrii isaati, isiin dhaloota isaa kandhugaati waan jiruu tanarratti argameef waan beekeef jecha. barnoota kana keessatti namni muslima tahee diin kana seenuuf maaltu akka barbaachisu hubatta.

akkamitti akka namni islaamummaa seenu beekuu.barbaachisummaa tawbaatiifii waan isirratti nama gadi jajjabeeysu beekuu.

namni akki itti islaamummaa seenu yoo shahaadaa lameen jedhe hiikkaa beekee dhuga'oomsee ergama isii qeebalaa.

shahaadaan (ragaan) lameen kunoo tana:

١
ashhadu an laailaaha illaallaahu (kan haqaan gabbaramu Rabbi malee akka hinjirre ragaa ninbaha, isuma tokkichoomsee gabbara shariikni isaaf hintaane).
٢
wa ashhadu anna muhammadan Rasuulullaah (nabi muhammad ergamaa Rabbiin ilma namaa hundatti erge, ajaja isaa nin qeebala, waan inni dhoowwerraa nindhoowwama, seera isaarrattin Rabbi gabbara).

muslimtichi haaroyni qaama dhiqata.

yeroon namni islaamummaa seenu yeroo jiruu isaa keessatti murteessituudha, isiin dhaloota isaa kandhugaati kan isirraa waan jiruu tana keessatti argameef beeke. diin kana seenuu isaatiin wajji qaama dhiqachuu barbaachisa, akkuma keessa isaa shirkiifii dilirraa qulqulleessetti gubbaa isaa qaama dhiqatee qulqulleessuu qaba.

sahaabdicha hayyoota arabaarraa tahe tokko nabiin s.a.w. yeroo inni islaamaye qaama dhiqadhu jedhaniin. beyhaqii 837

tawbaa

tawbaa jechuun gara Rabbii deebiuudha, namni kufriifii dilii isaarraa dhugumaan qalbirraa tawbategara Rabbii tawbate jedhama.

ulaagaalee tawbaan itti fayyaa taatu.

١
badirraa buqauu dilii hojii ittifufaa tawbaan hintaatu, ammoo eega tawbaa sirriitii yoo dilitti deebie tawbaan isaa tan dabarte hinbaddu, ammoo tawbaa haarawatti haajama, akkasumatti itti fufa.
٢
diliifii badii dabarterratti gaabbuu, nabiin s.a.w. gaabbiin tawbaadha jedhe. ibnu maajah 4252. tawbaan nama gaabbee gadde malee hintaatu, dilii isarraa argamterratti kansheenawe, namni badii isaa tan dabarte haasawu ka isiin dhaaddatu gaabbe hinjedhemu.
٣
itti deebiuu dhabuu murteessuu, gabricha eega tawbatee dilii itti deebiuu niyyatuuf tawbaan hintaatu.
٤
yoo kan haqa namaatiin walqabattu taate haqa namaa san abbaaf kafaluu.

tarkaanfiilee tawbarratti gadi dhaabbachuuf barbaachisan,

١
badii dur irra turetti xiqoollee deebiuu dhabuu waadaa ufseensisuudha, nabii s.a.w. akkana jedhe "waa sadi namni isa keessatti taate isiidhaan mi'aa iimaanaa argata, isii keessaa... kufritti deebiuu akka ibiddatti darbamuu jibbutti jibbuudha".bukhaarii21 muslim 42
٢
namootaafii bakka diliifoo badii isaa bareechitee iimaana isaa laaffifturraa fagaachuu.
٣
akka Rabbiin hanga gaafa du'aatti diinirratti gadi nama dhaabu du'aa'ii heddummeessuu, akkuma taheefii afaan taheen. kana keessaa waan qur'aanaafii hadiisaan dhufe "yaa Rabbii keenya qalbii teenya eega nuqajeelchitee nun jallisin". aala imraan 8hadiisatti "yaa kan qalbii garagaggalchu qalbii tiyya diinirratti gadi naaf dhaabi" tirmizii 2140.

eega tawbaatii maaltu itti aana?

ilmi namaa yoo tawbatee gara Rabbii deebie Rabbiin dilii isaa hangamillee guddattu ni araaramaaf, rahmanni isaa waan hundarra bal'attee jirti, Rabbiin akkana jedhe "jedhiin yaa gabroottan kiyya kan lubbuu isaaniirratti roorrisan rahmata Rabbiirraa garaa hinmuratinaa Rabbiin dilii hundaawu ni araarama, inni araaramaa rahmatallee godhaadha,".zumar 53

muslimni eega tawbaa dhugaatii qulqulluu dilii hinqabne tahee baha. inumaa warra dhugaan gaabbee gara isaa deebie badhaasa biroo dabalaaf. hamtuu isaanii toltutti jijjiiraaf, Rabbiin akkana jedhe "nama tawbate malee ka amanee gaarii dalage malee jarreen san Rabbiin hamtuu isaanii toltuun jijjiiraaf, Rabbiin araaramaa rahmata godhaa tahee jira".furqaan 70.

namni tawbaan isaa bareedduu akkanaa tana taateef tawbaa isaa gatii hunda kafalee eeggachuu qaba, akka sakaallaa sheyxaanaa ta ufduuba isa deebiftu keeysatti hinkufneef jecha.

miaa iimaanaa

namni Rabbiifii ergamaan Rabbii isa biratti irra jaalaatamaa tahee,

a

a

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi