kutaan ammaa model
Barnoota qajeelfama hariiroo saala lamaan jidduu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
shari'aan islaamaa dhimmoota namaa gaheelee hunda keessatti seera qabsiisuu itti dhimmamte, san keessaa gama wajji jireenya dhiiraa fi dhalaati, Rabbiin oltahe dhiiraa fi dhalaa akka tokko gama tokkoo harkifamutti uume, bu'aan wal harkisuu isaanii kun bultiin wayta seera godhatte faarfamtuu taati, wanti san malee jiru hulaa hamtuu fi fitnaa jabduu taati. Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "na booda dhalarra fitnaa dhiiratti jabaattu hin dhiisne" (Bukhaarii: 5096, Muslim 2741).
irra badaan waan hariiroon dhiiraa fi dubartii jidduu jirtu itti geessituu zinaadha, shari'aan qulqulleessituun badii fokkottuu tana irraa qofa hin dhoorkine, itti dhihaatullee dhoorkite, haalduree isitirraahis, waan isitti nama geessuu dandahurraa. Rabbiin oltahe ni ja'e: Sagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa. [alisraa'i: 32], Nabiyyiin s.a.w ni ja;e: "ijji lamaan zinaan isii laaluudha, gurri lamaan zinaan isaanii dhaggeeffachuudha, arrabni zinaan isaa dubbachuudha, harki lamaan zinaan isaanii qabachuudha, miilli zinaan isii tarkaanfiidha, qalbiin ni feeti ni hawwiti, san hunda qaamni saalaa san dhugaa godha yookiin ni kijibsiisa" (Albukhaarii: 6243, Muslim 2657, lafziin ta isaatii).
bolola shari'aa qulqulluu irraa akka jallinaa fi dogongorri booddee hamtutti geessu hin uumamneef, qajeelfamoota muraasa kaayee jira dhiiraa fi dhalaan akka itti wajjiin jiraatan, waan haajaan itti geessitu kan akka; bittaa fi gurgurtaa fi kana malees wajjiin jireenya hayyamamaa irraa, yookiin waan dirqamni itti geessu; akka yeroo doktarri dhalaa hin arkamin doktora dhiiraa biratti wallaanamuu faa, qajeelfamoota kana keessaa:
Ija gadi qabtuu
tuttuqaa fi harka walfuudhuu eeggachuu
waliin kophaa bahuu guutumatti eeggachuu
qajeelfama addaa kan dubartii muslimaatu jira, yeroo haajaan dhiiraan walitti fidde eeggachuu kan qabdu
dubartiin muslimaa qajeelfama uffannaa shari'aa eeggachuu qabdi, durarratti ajaja Rabbii oltahee tole jachuuf, eegasii dhiirti akka isii kabajjuu fi isii hin miine dirqamsiisuuf, gochaan yookiin jachaan yookiin ilaalchaan, Rabbiin oltahe ni ja'e: Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu [Annuur: 31], Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. [Alahzaab: 59].