barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota qajeelfama hariiroo saala lamaan jidduu

barnoota kana keessatti qajeelfama hariiroo dhiiraa fi dubartii jidduu baranna.

  • barbaachisummaa qajeelfama shar'iaa tan hariiroo dhiiraa fi dubartii jidduu murteessituun deemuu barachuu.
  • qajeelfamoota akkaataa dhiirti dubartii wajjiin itti jiraattuu gaarii ibsuu.

shari'aan islaamaa dhimmoota namaa gaheelee hunda keessatti seera qabsiisuu itti dhimmamte, san keessaa gama wajji jireenya dhiiraa fi dhalaati, Rabbiin oltahe dhiiraa fi dhalaa akka tokko gama tokkoo harkifamutti uume, bu'aan wal harkisuu isaanii kun bultiin wayta seera godhatte faarfamtuu taati, wanti san malee jiru hulaa hamtuu fi fitnaa jabduu taati. Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "na booda dhalarra fitnaa dhiiratti jabaattu hin dhiisne" (Bukhaarii: 5096, Muslim 2741).

irra badaan waan hariiroon dhiiraa fi dubartii jidduu jirtu itti geessituu zinaadha, shari'aan qulqulleessituun badii fokkottuu tana irraa qofa hin dhoorkine, itti dhihaatullee dhoorkite, haalduree isitirraahis, waan isitti nama geessuu dandahurraa. Rabbiin oltahe ni ja'e: Sagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa. [alisraa'i: 32], Nabiyyiin s.a.w ni ja;e: "ijji lamaan zinaan isii laaluudha, gurri lamaan zinaan isaanii dhaggeeffachuudha, arrabni zinaan isaa dubbachuudha, harki lamaan zinaan isaanii qabachuudha, miilli zinaan isii tarkaanfiidha, qalbiin ni feeti ni hawwiti, san hunda qaamni saalaa san dhugaa godha yookiin ni kijibsiisa" (Albukhaarii: 6243, Muslim 2657, lafziin ta isaatii).

bolola shari'aa qulqulluu irraa akka jallinaa fi dogongorri booddee hamtutti geessu hin uumamneef, qajeelfamoota muraasa kaayee jira dhiiraa fi dhalaan akka itti wajjiin jiraatan, waan haajaan itti geessitu kan akka; bittaa fi gurgurtaa fi kana malees wajjiin jireenya hayyamamaa irraa, yookiin waan dirqamni itti geessu; akka yeroo doktarri dhalaa hin arkamin doktora dhiiraa biratti wallaanamuu faa, qajeelfamoota kana keessaa:

Ija gadi qabtuu

Rabbiin oltahe ni ja'e: Mu’uminootaan “(ija keessan gadi qabadhaa)” jedhi, ijoowwan isaanii gadi qabatu; qaamoowwan saalaa isaaniis ni tikfatu, Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti, Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti. (30) Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ [Annuur: 30, 31].

tuttuqaa fi harka walfuudhuu eeggachuu

Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu, waliigaltee Rasuulaa fi dubartii irraa himtee akkana jatte: "lakkii wallaahi harki Rasuulaa s.a.w harka dubartii takkaa hin tuyne" (Albukhaarii: 5288, Muslim 1866), Ma'aqal bin yasar irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "tokkoon keessaan mutaa hadiidaatiin mataa isaa keessa waraanamuutu isaaf caala dubartii isaaf halaal hin tahin tuquu irra" (Xabaraanii: 486, Albaaniin sahiiha godhe).

waliin kophaa bahuu guutumatti eeggachuu

Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "namtichi hintalaan kophaa hin bahin nama mahrimaa wajjiin malee" (Bukhaarii 5233, Muslim 1341), ni ja'e s.a.w: "tokkoon keessan dubartiin akka kophaa hin baane, sheyxaanni sadaffaa isaaniti" (Ahmad 115), khophaa bahuun hulaa hamtuu sheyxaanni itti fayyadamee gurbaa fi hintala haraam keessa buusu.

qajeelfamoota addaa kan dubartii

qajeelfama addaa kan dubartii muslimaatu jira, yeroo haajaan dhiiraan walitti fidde eeggachuu kan qabdu

uffata shari'aa eeggachuu

dubartiin muslimaa qajeelfama uffannaa shari'aa eeggachuu qabdi, durarratti ajaja Rabbii oltahee tole jachuuf, eegasii dhiirti akka isii kabajjuu fi isii hin miine dirqamsiisuuf, gochaan yookiin jachaan yookiin ilaalchaan, Rabbiin oltahe ni ja'e: Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu [Annuur: 31], Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. [Alahzaab: 59].

bikka dhiirti jirtutti urgeeffachuu dhabuu

Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "dubartiin tamuu tan urgeeffattee orma tokkoon dabarte akka shurufkaa isii arganiif, zinaa daleydee jirti" (Annasaa'ii 5126).

Fardiin haasawuu fi jacha lallaaffisuu dhabuu

Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka dubartii biraa tokkolleetii miti. yoo Rabbiin sodaattan, jecha keessan hin laaffisinaa; Akka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, jecha bareedaa dubbadhaa. [Alahzaab: 32].

uffannaa fi kabajaan deemuu

Rabbiin oltahe ni ja'e hintala Su'eybii wayta nabi Muusatti nageenyi irra haa jiraatuu ergaa abbaa isii isaan gahuuf itti dhuftu: Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee [Alqasas: 25], dubartiin ni jae oltahee: Miidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miiloowwan isaaniitiin dachii hin dhiitin. [Annuur: 31].

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi