barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Ergamaa Abbaa Manaa s.a.w

Barnoota kana keessatti jireenya Ergamaa s.a.w mana isaa keessattii fi haadha manaa isaa waajjii irraa gama tokko baranna.

  • Haala Nabii s.a.w mana isaa keessattii baruu.
  • Amala caaltuu Nabiin s.a.w warra mana isaa wajjiin ittiin jiraachaa ture baruu.
  • Haadha manaa wajjiin jiraachuu keessatti Nabitti s.a.w hidhachuu.

Ogummaa Rabbii keessaahi ergamtoota isaa nama godhuun; isaanitti hidhachuu keessatii namarratti ragaa akka tahaniif, amala isaaniitiin akka amaleeffamaniif, fakkaataa hojii isaanii akka hojjataniif. Gammchuun Muslimaa tan addunyaa fi aakhiraatis kitaabaa Rabbii oltaheetii fi sunnaa Nabii isaa s.a.w jala deemuu keessatti argamti, faana isaa jala deemuu keessatti; kanaaf seenaa fi sunnaa Nabii s.a.w baruuf kajeeluun Muslimaaf ni barbaachisa; haala hunda keessatti isitti hidhachuuf akka tattaaffii godhuuf.

Jireenyi Ergamaa Rabbii s.a.w mana isaa keessattii fi haadha manaa isaa wajjiinii ilma namaa hundaaf fakkeenya olaanaadha, inni s.a.w hidhannoo jaarsi jireenya bareedaa addunyattii, jannata milkaawuu aakhirattii maatii isaatiif barbaadu hundi itti hidhachuu qabu. Rabbiin oltahe ni ja'e: Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu isiniif tahee jira, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf. [Alahzaab: 21].

Amaloota guddoo Ergamaa s.a.w haadha manaa isaa wajjiinii

Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu, Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "caalaan keessan kan maatii isaatiif caalaa keessaniiti, anis maatii isaatiif caalaa keessani" (Attirmizii 3895). Nabiin s.a.w dhiironni ummata isaa dubartoota isaaniitiif akka tolan ajaja, nama san dalagus ni faarsa, eegasii san keessatti inni hidhannoo isaanii akka tahe ibsa.

Nabiin s.a.w dubartoota isaa hara galfachiisuu fi fedhii isaanii tan karaa godhamte guutuuf yaaddawuu

Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu, ni jatte:"anaa habashaa masjida keessa taphattu laalu, Nabii s.a.w gaabii isaatiin na sattarun arge, hangan an dadhabutti, gatii dubartii daa'imaa olkaasaa, tan tapha jaalattu" (Bukhaarii 5236, Muslim 892). Ergamatti s.a.w hidhachuu irraahi jaarsi faxina tahuun, fedhii jaartii isaatiif yaaduun, haajaa lubbuu isii tan karaa godhamte isiif guutuun.

Ergamaan Rabbii s.a.w gurbaan warra isaa wajjiin taphachuu tapha hayyamamaa keessatti lakkaawe, tapha jibbamaa keessaa akka hin tahin morme, ni ja'e s.a.w: "Wanti ilmi namaa ittiin taphatu hundi soba, waa sadi malee: xiyya darbachuu, farda gulufsiisuu, warra isaa taphachiisuu, isaan kun haqa irraahi" (Ahmad 17337).

Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu mirkanaawee jira akka isiin Nabii s.a.w wajjiin imalarra turte, ni jatte: isaan dorgomeetin miila kiyyaan isa dabre, hogguun foon ba'adhu isaan dorgomeetin na dabre, ni ja'e: tun dabrinsa saniin haa taatu" (Abuudaawuud 2578), Nabiin s.a.w warra isaa kan taphachiisuu fi kan wajjiin hanjamu tahe, jireenyi bultii kan hifachiisu akka hin taaneef.

Ogummaa Nabii s.a.w rakkinoota maatii wajjiin jiraachuu keessatti

manni kamuu warra isaa jidduu rakkinni gariin mudachuu irraa qullaa hin tahu, Nabiin s.a.w akkaataa rakkinoota kanaa wajjiin tahamuu qabu fakkeenyota babbareedaa nuuf kaaye; Anas irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: Nabiin garii warra isaa bira ture, haati mu'uminaa takka saafa nyaata qabu tokko ergite, isiin Nabiin s.a.w mana isii jiru sun harka ergamtuu dhooyte, saafaan buutee addaan cabxe, Nabiin s.a.w cabxuu saanaa sanii walitti qabee, eegasii nyaata isii keessa tures walitti qabuu jalqabe, akka jachaa: "haati teessan hinaafte" ergasii hanga saafaa isii mana isii jiruu san biraa fidutti ergamtuu achuma tursiisee, saafaa fayyaa isii saafaan jalaa cabe saniif deebise, cabxuu ammoo manuma ta cabsitee sanitti dhiise. (bukhaarii 5225).

Sababa miira uumamaa amaloota waarra mana isaa irraa mullataniif Nabiin s.a.w laphee dhiphachuu hin turre, mudannoolee hunda ogummaa fi laafinaan deebisuu ture. yoo mudannoon gama lolaa fi waldhabbitti geessuuf deemtes, ogummaa isaatii fi if qabuu isaatiin haala san jijjiira, rakkina sanis salphisa, gama hundaafuu haqa dalaga.

Ni tahe s.a.w warri isaa akka itti aartuu fi aara isii akka mullifattu ni qeebala ture, tolinaa fi mararfannaan deebii godha, Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni jatte: Ergamaan Rabbii s.a.w naan ja'e: "Ani yeroo ati narraa gammadde nin beeka, yoo narraa aara qabaattes" Ni jatte: Akkamitti beeyta? Ni ja'e: "Yeroo narraa gammadde: lakkii Rabbii Muahmmadiin kakadhee jatta, yeroo narraa aara qabdu ammoo: lakkii Rabbii Ibraahiimiin kakadhee jatta, ni jatte: nin ja'e: ee wallaahi yaa Ergamaa Rabbii, maquma keetiinin ooda" (Bukhaarii 5228, Muslim 2439).

Tolina jireenya isaa duabrtoota isaa wajjiinii

Nabiin s.a.w hojii fi dhimma mana keessaa warra isaa gargaaruu ture; isaan mararfachuu fi isaan irratti laaffisuuf, Amala isaa keessaahi dhimma dhuunfaa isaa matuma isaatiin bahachuun.

Aa'ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu ni gaafatamte: Nabiin s.a.w mana isaa keessatti maal hojjachuu akka ture? Ni jatte: "warra isaa tajaajiluu irra tura wayta salaanni geesse salaataaf baha" (Bukhaarii 676), hadiisa biraatiin ammas akkana jatte: "ergamaan Rabbii s.a.w kophee isaa kan rigatuu fi uffata isaa kan hodhatu tahe, mana isaa keessa akkuma tokkoon keessan hojjatutti hojjata" (Ahmad 25341)

Akkaataa jaartii ittiin jaalatan keessaa

١
moggaasa jaalalaatiin isaan yaamuu.
٢
nyaata isaan nyaachisuu.
٣
jaalala isaanii isaaniif ibsuu.
٤
haasawa isaanii caqasuu fi itti yaaduu.

warra maqaa jaalalaatiin yaamuu

Hadiisa keessatti Aa'ishaadhaan Rabbi irraa haa jaalatuu s.a.w ni ja'e: "yaa Aa'ish, kuni Jibriili salaamtaa sin ja'a" (Bukhaarii 3768). ammas "Humeyraa" ja'ee isii yaamuu ture, innis adii jachuudha.

Jaarsi jaartii isaa nyaachisuu

Sa'ad ibnu Abiwaqqaas irraa Rabbi irraa haa jaalatuu Ergamaan Rabbii s.a.w isaan ja'e: "kennaa hanga feete yoo kennites, isiin sadaqaadha, hanga gurshaa afaan warra keetitti olqabduttillee" (Bukhaarii 2742)

Jaarsi jaalala jaartii isaatiif qabu ibsachuu

Amri binul Aas irraa Rabbi irraa haa jaalatuu, Ergamaan Rabbii waraana shanshalataatti isa erge, Ni ja'e: isatti dhufeetin ja'e: Namarraa eenyuutu si biratti irra jaalatamaadha? Ni ja'e: "Aa'ishaadha" (Bukhaarii 3662, Muslim 2384).

Haasawa isaanii caqasuu fi itti yaaduu

waan kanarratti qajeelchu keessaa hadiisa Ummu Zar'ii dheeraadha, isa keessatti Aa'ishaan oduu dubartii kudha takkaa himtee, wayta taa'anii hundi isaanii haala jaarsa isiitii wajjii himutti seenan, Nabiin s.a.w waan isaan jiddutti tahe hunda hanga Aa'ishaan himtee fixxutti taa'ee dhaggeeffate.

Faayamuu fi waarra isaatiif bareeffachuu Nabii s.a.w

wayta Aa'ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu gaafatamtu: Nabiin yeroo mana isaa seenuu maaliin jalqaba? Ni jatte: siwaakaani" (Muslim 253), isirraa -Rabbi irraa haa jaalatuu- mirkanaawee jira akka isiin jatte: "Nabii s.a.w urgeessuun ture waan irra urgaawuun, hangan mallattoo urgaa rifeensaa fi areeda isaa keessatti argutti" (Bukhaarii 5923).

Qulqullmmaa Nabii s.a.w warra isaatiif

Fakkii qulqullummaa kana keessaa, haala Nabiin s.a.w Khadiijaa wajjiin erga isiin duute boodallee qabaachuu ture, san keessaa Zeynab hintalti Nabii s.a.w wayta Abl Aas callee Khadiijaatiin Rabbi irraa haa jaalatuu lubbuu bituu feete -islaamummaa dura isii fuudhee ture lola badrii keessatti booji'ame- Nabiin s.a.w callee san arguun garaan isaa akkaan laafe, ni ja'e: "booji'amaa isii gadi lakkistaniifii, waan isii deebisuufiin akkam isinnitti fakkaata" (Abuudaawuud 2692). qulqullummaan inni isiif qabu hanga Aa'ishaan itti hinaaftuun isii gahe, sanuu ka isii hin dhaqqabin yeroo isiitis hin turin, Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni jatte: dubartii Nabii keessaa hangan Khadiijatti hinaafe takkattillee hin hinaafne, isii argee hin beeku, garuu Nabiin s.a.w isii dubbachuu heddummeessa, re'ee qalee humna humnatti ciree, eegasii sadaqaa Khadiijaatiif erga, isaanin ja'a: akka waan addunyarra Khadiijaa malee dubartiin hin jirree, ni ja'a: "isiin akkas turte, ilmaanin irraa qaba" (Bukhaarii 3818, Muslim 2435).

Fakkii walqixxummaa Nabii s.a.w warra isaa jiddutti

١
Turinsa keessatti walqixxeessuu, halkan isaan jiddutti walqixatti qooda, osoo addaan hin fille isaan hunda irra naannawa, yoo wanni kana maletti geessu isa mudate ni hayyamsiifata, Aa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni jatte: wayta eergamaan Rabbii ulfaatee dhukkubni itti hammate, akka mana kiyyatti dhibamuuf waarra isaa hunda hayyamsiise, isaaf hayyaman. (Bukhaarii 198, Muslim 418).
٢
Imala keessatti isaan jiddutti walqixxeessuu isaa, jidduu warra isaatti hixaa baasuu ture, tan hixaan isii bahe isii wajjiin baha.
٣
wayta jaartii fuudhe akka isa bartuuf halkan sadi bira tura, eegasii akka waarra isaa kan hafanitti isiif qooda.
٤
Nabiin s.a.w nafaqaa fi qabeenyarraa waan dandahu hunda qooda isii keessatti warra isaa walqixxeessuu ture.

Kabajaa Nabii warra isaatiif fi isaaniin mariyachuu isaa

kana keessatti marii Nabiin s.a.w guyyaa hudeybiyyaa warra isaa Ummu Salamah Rabbi irraa haa jaalatuu wajjiin taasise caalaa kan mullatu hin jiru, wayta Mulimoota akka qalanii fi haaddatan ajajee tokkolleen akkas hin daleeyne, "Ummu Salamah irratti ol seenee waan namarraa arge itti hime, Ummu Salamaan ni jatte: bahii hanga qalma tee qaltee, nama siif haadu yaamtee siif haadutti isaaniirraa nama tokko hin dubbisin, ni bahe nama takkas hin dubbisne hanga san raawwatetti; qalma isaa qalee, nama isaaf haadu yaamee haadeefii, wayta kana argan ka'anii qalan, gariin isaanii gariirraa haadutti seene" (Bukhaarii 2731).

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi