kutaan ammaa model
Barnoota Ulaagaaleefii murtii salaataa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
ulaagaalee salaataa.
najisaafii hadasarraayis qulqulleefachuu. abdillaah binu umar nabiin s.a.w. akkana jedhe jedhe"salaanni xahaaraan malee hinqeebalamtu" muslim 224.
uffata uffachuun dirqama salaataati, uffata haphiifii gabaabaa hintahin, kan qaama saalaa hin mul'ifne.
handhuurarraa hanga jilbaati.
qaama isii hunda fuulaafii shanacha harkaa malee, nabiin s.a.w. akki jedhe "dubartii baaliga taate salaata isii guftaa uffattu malee Rabbiin hinqeebalu" abuu daawud 641. tirmizii 377
Rabbiin akkana jedhe "eessallee baatu fuula kee gama masjiidal haraam garagalchi" baqarah 149.
qiblaan muslimtootaa kaibaadhaa kabajamtuudha, tan abbaan anbiyootaa nabi ibraahiim jaare, kan nabiyyoonni itti hajjii gootu, nuti isiin dhagarraa jaaramte hinfayyaddu hin miitusi, garuu Rabbiin salaataaf itti fuula garagalaa jedhee nu ajaje, akka muslimni hundi kallatti tokkotti gara galee tokkoomuuf, itti garagaluu kanaan Rabbi gabbarra.
akkaata itti qiblatti garagalu
dadhabbii saniin dirqamni irraa kufa, akkuma waajiboonni biroo dadhabbiihaan namarraa kuftutti, Rabbiin akkana jedhe "hanga dandeessan Rabbi sodaadhaa". tagaabun 16
isiin ulaagaa fayyaa tahuu salaataati, salaanni yeroon isii seentu malee fayyaa hintaatu. Rabbiin akkana jedhe "salaanni muimintootarrattidirqama yeroo qabu taatee jirti". nisaai 103
caalaan salaata dura yeroo isiitti salaatuudha, ummifarwarraa nabiin s.a.w. gaafatamee hojii kamtu irra caala? "salaata jalqaba yeroo isiitti salaatuudha" jedhe.abuu daawud 426
salaata yeroo isii keessatti salaatuun dirqama, haala salaata lama walitti qabuun mijjatu keessatti malee booda aansuun hintahu.
yeroo yaadate daddafee qadaa kafala, anas binu maalik nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni salaata takka irraanfate yookaa irraa rafe yeroo yaadate isii haasalaatuu" muslim 684
dirqamummaa salaataa.
ballagguun namaa mallattoolee asii gadii tanaan beekama.
salaata shanan fardiitiifii yeroo isii.
isiin raka'aa 2 yeroon isii fajrii 2ffaarraa kaasee isiin ifti gara bahaatiin moggarratti mul'achuu, aduun bahuudhatti xumuramti.
isiin raka'aa 4 yeroon isii aduun jallachurraa kaasee -walqixa samiirraa gara dhihaa jallachuu- yeroo dheerinni gaaddisna waan hundaa isaan qixxaatetti dhaabbatti.
isiin raka'aa afuri, yeroon isii eega yeroon zuhrii baaterraa kaasee hanga aduun seentutti, muslimtichi osoo aduun hindaalachoomne dura salaata asriitti jarjaruu qaba.
isiin raka'aa sadihi, yeroon isii aduun seentee gadi dhokaturraa kaasee diddiiminni dhihaa dhabamutti dhaabbata.
isiin raka'aa afuri, eega diddiiminni dhihaa baderraa kaastee hanga halkan walqixaatti, rakorraa hanga fajriin bahutti nidheeratti.