kutaan ammaa model
Barnoota Ulaagaaleefii murtii salaataa.
ulaagaalee salaataa.
najisaafii hadasarraayis qulqulleefachuu. abdillaah binu umar nabiin s.a.w. akkana jedhe jedhe"salaanni xahaaraan malee hinqeebalamtu" muslim 224.
uffata uffachuun dirqama salaataati, uffata haphiifii gabaabaa hintahin, kan qaama saalaa hin mul'ifne.
handhuurarraa hanga jilbaati.
qaama isii hunda fuulaafii shanacha harkaa malee, nabiin s.a.w. akki jedhe "dubartii baaliga taate salaata isii guftaa uffattu malee Rabbiin hinqeebalu" abuu daawud 641. tirmizii 377
Rabbiin akkana jedhe "yaa ilmaan aadam masjida hunda biratti uffata keessan uffadhaa (bareechifadhaa)". airaaf 31. qaama saalaa uwwisuun irra xiqqaa bareechifannaati, masjiida hunda biratti jechuun salaata hunda keessatti jechuudha.
Rabbiin akkana jedhe "eessallee baatu fuula kee gama masjiidal haraam garagalchi" baqarah 149.
qiblaan muslimtootaa kaibaadhaa kabajamtuudha, tan abbaan anbiyootaa nabi ibraahiim jaare, kan nabiyyoonni itti hajjii gootu, nuti isiin dhagarraa jaaramte hinfayyaddu hin miitusi, garuu Rabbiin salaataaf itti fuula garagalaa jedhee nu ajaje, akka muslimni hundi kallatti tokkotti gara galee tokkoomuuf, itti garagaluu kanaan Rabbi gabbarra.
akkaata itti qiblatti garagalu
yoo fuuldura isaatti ijaan kan argu tahe isitti garagaluun dirqama muslimaati, yoo fagoo jiraate kallattii makkaatti garagaluutu gaya, waaxiqqo dogoggoraan yoo irraa maqe rakkoo miti, nabiin s.a.w. akki jedhe bahaafii dhiha jidduun qiblaadha". tirmizii 342
dadhabbii saniin dirqamni irraa kufa, akkuma waajiboonni biroo dadhabbiihaan namarraa kuftutti, Rabbiin akkana jedhe "hanga dandeessan Rabbi sodaadhaa". tagaabun 16
isiin ulaagaa fayyaa tahuu salaataati, salaanni yeroon isii seentu malee fayyaa hintaatu. Rabbiin akkana jedhe "salaanni muimintootarrattidirqama yeroo qabu taatee jirti". nisaai 103
caalaan salaata dura yeroo isiitti salaatuudha, ummifarwarraa nabiin s.a.w. gaafatamee hojii kamtu irra caala? "salaata jalqaba yeroo isiitti salaatuudha" jedhe.abuu daawud 426
salaata yeroo isii keessatti salaatuun dirqama, haala salaata lama walitti qabuun mijjatu keessatti malee booda aansuun hintahu.
yeroo yaadate daddafee qadaa kafala, anas binu maalik nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni salaata takka irraanfate yookaa irraa rafe yeroo yaadate isii haasalaatuu" muslim 684
dirqamummaa salaataa.
salaanni muslima sammuun fayyaa kan baaliga tahe irratti dirqama, dubartii dhiiga baatiifii dayuumsaarraa qulqulluu taate irratti dirqama. dubartiin yeroo heydii fii dhiiga dhalaa hindsalaattu, eega xahaaratteeyis qadaa hinkafaltu.
ballagguun namaa mallattoolee asii gadii tanaan beekama.
salaata shanan fardiitiifii yeroo isii.
salaata shan Rabbiin halkaniifii guyyaa keessatti muslimarratti dirqama godhe.utubaa diin isaati, fardii jabeyfamtuudha, yeroo murtooytuu akka itti aantu kanatti godheef.
isiin raka'aa 2 yeroon isii fajrii 2ffaarraa kaasee isiin ifti gara bahaatiin moggarratti mul'achuu, aduun bahuudhatti xumuramti.
isiin raka'aa 4 yeroon isii aduun jallachurraa kaasee -walqixa samiirraa gara dhihaa jallachuu- yeroo dheerinni gaaddisna waan hundaa isaan qixxaatetti dhaabbatti.
isiin raka'aa afuri, yeroon isii eega yeroon zuhrii baaterraa kaasee hanga aduun seentutti, muslimtichi osoo aduun hindaalachoomne dura salaata asriitti jarjaruu qaba.
isiin raka'aa sadihi, yeroon isii aduun seentee gadi dhokaturraa kaasee diddiiminni dhihaa dhabamutti dhaabbata.
isiin raka'aa afuri, eega diddiiminni dhihaa baderraa kaastee hanga halkan walqixaatti, rakorraa hanga fajriin bahutti nidheeratti.
bakka salaataa
islaamummaan namoota dhiiraa akka walgayanii gamtaan (jamaa'aan) salaatan ajajje. kuni masjiidatti akka tahu ajajje. masjinni bakka walitti dhufiinsa muslimaati, achitti wal'arganii obbolummaafii jaalati isaanii dabalti. kuni salaata namni dhuunfaan salaaturra sadarkaa hedduun caala. nabiin s.a.w akki jedhe "salaanni gamtaa salaata dhuunfaa sadarkaa 27n caalti". bukhaarii 645 muslim 650 ahmad 5921
seera bakka salaataa.
islaamummaan iddoon salaataa xahaaraa (qulqulluu) akka tahu ulaagaa goote, Rabbiin akkana jedhe "ibraahiimiifi ismaa'iil ni ajajne mana kiyya (masjiida) qulqulleessaa warra xawaafu, kan taa'u, kan rukuu'aafii sujuuda godhuuf".
hundeen dachiin xahaara.
hundeen xahaaraadha, najisni guyyaa keessaa dhufe, waan najisamuu hin beekiniin xahaaraa itti murteessi, dirree xahaara hunda irratti salaatuun nitaha. sijaajaa yookaa afata ufirratti dirquun sirrii miti. yoo hinjiraatin lafumatti salaatuu.
seerri walii galaa kan bakki salaataa qabaachuu qabdu hedduudha san keessaa:
1-bakka nama rakkisutti salaatuu dhabuu, akka karaa namni deemuu, bakka namni daddabruufii bakka dhaabbachuun dhoowwame. nabiin s.a.w. wal rakkisurraa dhoowwee jira. akkana jedhe "nama miidhuufii maadhaan harka kafalachuun dhoowwaadha". ibnu maajah 2341 ahmad 2865
2 wanni akka suuraa sagalee taphaa kkf tan nama shaagaltu jiraachuu dhabuu.
3- bakka diliifii badiin itti dalagamuuf qophooyte tahuu dhabuu, akka bakka sirbaa, konsartiifii daansii achitti salaatuun jibbaadha.