barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

yeroo salaanni dhoowwame

yeroo garii sababaa adda addaatiif muslimtichi salaatuun dhoowwaadha. gariin isii yeroo ibaadaa kuffaaraati, gariin yeroo jahannam bobeeffamtu, gariin isii yeroo aduun gaafa sheyxaanaa lameen jidduun baatu. kkf. qadaa fardii malee isii keessatti hinsalaatu. yookaa sunnaa sababaa qabdu tan akka tahiyyaa masgiidaa malee. kuni waayee salaataa qofarratti. ammoo zikriin Rabbiitiifii du'aa'iin yeroo hunda karaa godhamaadha.

yeroo duraa

salaata fajrii boodarraa hanga aduun baatee hanga ulee olfuudhamtutti. kunee aduun baatee daqiiqaa 15 taha.

yeroo lammaffaa

yeroo aduun walqixa samii geesse hanga jallattutti, yeroo xiqqoo zuhriin seenuu duraati.

yeroo sadaffaa.

salaata asrii booda hanga aduun seentutti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi