barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree - azaana

ibsa Rabbiin muslimtootaaf azaana karaa godhe akka nama salaatatti yaamaniif jecha, yeroon isii seenuu akka beeysisaniif jecha. akkataa azaanaafii iqaamaa darsii kana keessatti baratta.

kaayyoo   akkaataa azaanaa baruu                  akkaataa iqaamaa baruu                  mu'azzina boodaan jalaa jechuu baruu.

azaana

azaana Rabbiin karaa godhe akka salaatatti nama yaamaniifii yeroon isii gayuu akka beeysisaniif jecha.

iqaamaan karaa godhamte akka salaanni jalqabamtee itti seenan jechuu beeysisuuf.

azaanni akkamitti jalqabame?

muslimtoonni gaafa madiinatti galan salaataaf walitti qabamanii yeroo isii eeggachuu turan. tokkolleen isiif kan lallabu hinjiru. waayee kanaa guyyaa tokko marihatan. gariin isaanii dawwala akka kiristaanaa haagodhannuu jedhan. gariin isaanii xurunbaa akka yahuudaa haagodhannii jedhan. umar nama salaaf lallabu hingodhattanii? jedhe. nabiin s.a.w. yaa bilaal ka'ii salaataaf lallabi" jedheen. bukhaarii 604 muslim 377.

murtii azaanaafii iqaamaa.

nama tookko osoo hintahin azaanaaf iqaamaan nama heddurratti dirqama. yoo beekaa dhiisan salaanni isaanii fayyaadha garuu nidilaawan.

mu'azzinni akkamitti salaataaf azaana?

azaanni sagalee bareedduu lallabduudhan godhama akka namni dhagayee dhufu.

akkaataa azaanaa

azaana dhaggeeffadhu.

mu'azzinni azaanaa fajriitti eega (hayya alal fallah) nidabala, (assalaatu kheyrun minannawmi) yoggu2.

akkaataa iqaamaa

mua'zzina booda jechuu.

namni azaana dhagayu mu'azzina jalaa qabee irra deebi'ee jechuu barbaachisa. yeroo inni (hayya alassalaah) yookaa (hayya alal falaah) jedhe nijedha (laa hawla walaa quwwata illaa billaah) jedha. eega zaanaatii ammo akkana jedha (Allaahumma Rabba haazihii ddaiwatittaammaa, wassalaatil qaaimah, aati muhammadan alwasiilata walfadiilah, wab'ashu maqaaman mahmuudan allazii wa'attahuu".

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi