kutaan ammaa model
Barnoota mata duree qabeenya zakaan keessatti dirqama taate.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
qabeenyi zakaan irraa barbaachiftu tamfa'a?
Rabbiin qabeenya guddatu ka sossohu keessatti zakaa dirqama godhe.
isaan lameen keessatti yoo bekka zakaa gayan malee sanii gaditti dirqama hintaatu. eegasii waggaan baatiin lakkaawamu (guyyaan 354) irra dabru malee dirqama hintaatu.
hangi zakaa meetaafii ziqaya keessatti tahe akka itti aanu kana.
-
herregni zakaa himame kuni maallaqa gosa hundaawu ufkeessatti hammata, tan harkaa qabuufii tan baankii jirtus.
qabeenya qabu niherrega, gatii zahabaatti herreegee walbiratti laala yoo maallaqi isaa gatii warqii giraama 85 gaye yookaa irra caale waggaan itti naannoynaan zakaan dirqama tahee beekee, qabeenya sanirraa 2.5% irraa baasa.
fakkeenya herreega zakaa
kana jechuun hunda waan gurguraaf qophaayee kanneen akka manneen, gamoolee, wantoota nyaataa, fii shaqaxoota jechuudha.
akkataa zakaa meeshaa daldalaa.
Rabbiin akkana jedhe "yaa warra amantan gaggaarii waan horattaniirraa kennadhaa, waan lafarraa isinii magarsinerraayis kennadhaa".baqaraa 267
midhaan gosa muraasa yoo likkii zakaa gaye zakaan irratti dirqama taha.
oomisha roobaan gayuufii kan namni bishaan obaasee gayu jidduu zakaa keessatti garaagarummaatu jira.
ulagaa zakaan midhaaniifii mudraa itti dirqama tahu.
1- oomishni likkii zakaa gayuu.
2- midhaanoowwan sun gosa zakaan irraa barbaachisu tahuu.
3- oomishni isaa gayuu.
qabeenya beyladaa yeroo jennu horii namni horsiisee itti fayyadamu jechuudha. kunis gaala horiifii re'ee hoolaadha.
Rabbiin gabroottan isaatiif horii tana isaanii uumuudhaan akka isaan qananiise dubbate. akka foon isiirraa nyaatanii, gishee isiirraa uffatanii, ba'aa isaanii ittife'atanii yaabbatanii bakka fedhaniin dhaqaniif. Rabbiin akkana jedhe "Beyladas isiniif uume, Isaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira,Ishee irraas ni nyaattu. Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira. Ba’aa keessan ulfaataas gara biyya isin cinqii lubbuutiin malee isa gahuu hin taaneetti baadhatti (isinii geessiti), Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha . nahli 5-7