barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree qabeenya zakaan keessatti dirqama taate.

ibsa zakaan qabeenya qulqulleessuuf gosa qabeenyaa kan murtaayerratti dirqama godhamte. barnoota kana keessatti waan zakaan irraa barbaachisu baratta.

kaayyoo  qabeenya zakaan irraa barbaachistu beekuu.

qabeenyi zakaan irraa barbaachiftu tamfa'a?

qabeenya dhaabbataa tajaajilaaf oolu kan akka mana jireenyaa, konkolaataa, uffata uffatu, nyaataafii dhugaatii isaa keessa zakaan hinjiru.

Rabbiin qabeenya guddatu ka sossohu keessatti zakaa dirqama godhe.

1- meetaafii ziqaya keessatti kan uffataaf itti fayyadaman kantahin.

isaan lameen keessatti yoo bekka zakaa gayan malee sanii gaditti dirqama hintaatu. eegasii waggaan baatiin lakkaawamu (guyyaan 354) irra dabru malee dirqama hintaatu.

hangi zakaa meetaafii ziqaya keessatti tahe akka itti aanu kana.

١
ziqayni giraama 85.
٢
meetni giraama 595.

qabeenya meetaafii ziqayaa hanga himame kanaafii sanii ol namni qabaatee waggaan irra dabarte qabeenya isaarraa 2.5% baasa zakaaf.

-

2- qabeenya maallaqaa

herregni zakaa himame kuni maallaqa gosa hundaawu ufkeessatti hammata, tan harkaa qabuufii tan baankii jirtus.

akkaataa maallaqarraa zakaa itti baasan.

qabeenya qabu niherrega, gatii zahabaatti herreegee walbiratti laala yoo maallaqi isaa gatii warqii giraama 85 gaye yookaa irra caale waggaan itti naannoynaan zakaan dirqama tahee beekee, qabeenya sanirraa 2.5% irraa baasa.

fakkeenya herreega zakaa

osoo yeroo zakaa san gatiin ziqayaa giraamni tokko doolaara 25 jennee. qabeenyi zakaan irraa barbaachisu giraama 85x25=2125 doolaara taha jechuudha.

3- meeshaalee daldalaa.

kana jechuun hunda waan gurguraaf qophaayee kanneen akka manneen, gamoolee, wantoota nyaataa, fii shaqaxoota jechuudha.

akkataa zakaa meeshaa daldalaa.

waan daldalaaf qopheesse tan waggaa geesse hunda maallaqa gatii guyyaa saniitti shalagee herrega. yoo kuni bakka zakaa gaye 1/40ffaa yookaa 2.5% irraa baasa.

4- zakaa oomisha qonnaa, midhaaniifii mudraa.

Rabbiin akkana jedhe "yaa warra amantan gaggaarii waan horattaniirraa kennadhaa, waan lafarraa isinii magarsinerraayis kennadhaa".baqaraa 267

midhaan gosa muraasa yoo likkii zakaa gaye zakaan irratti dirqama taha.

oomisha roobaan gayuufii kan namni bishaan obaasee gayu jidduu zakaa keessatti garaagarummaatu jira.

ulagaa zakaan midhaaniifii mudraa itti dirqama tahu.

1- oomishni likkii zakaa gayuu.

nabiin likkii zakaan itti dirqama tahu ibsee jira. akkana jedhe "timira gooloo shanii gaditti zakaan hinjiru". bukhaarii 1459 muslim 980. kini safara yommuu tahu ammoo gara miizaanaatti yoo deebifne kiiloo giraam 612 taha. kanaa gaditti zakaan hinjiru jechuudha.

2- midhaanoowwan sun gosa zakaan irraa barbaachisu tahuu.

zakaan kan barbaachisu gosa oomisha midhaanii kan kuufachuufii olkaayachuun tahu qofarraayi. kanneen akka qamadii, garbuu, zabiiba, timira, ruuza, boqqoolloo (maashillaa) dhaati. ammoo kudraafii mudraan tan kuusanii yeroo dheeraaf olkaayuu hintaane zakaan isii keessa hinjirtu. akka bixxiikaa, rummaanaa, dinnichaa, kissaa timaantimaa fii kkf zakaan keessa hinjiru.

3- oomishni isaa gayuu.

zakaan oomisha qonnaa guyyaa oomishamuufii guuramu irraa baha. waggaadhaan walhinqabatu. osoo waggatti yoggu lama oomishee lamaanuu irraa baha. yoo zakaa irraa baasee bukaara keessa waggaa hedduuf teessise waggarraa irraahinbarbaachisu, gama duraa santu gaya.

5- zakaa qabeenya beyladaa

qabeenya beyladaa yeroo jennu horii namni horsiisee itti fayyadamu jechuudha. kunis gaala horiifii re'ee hoolaadha.

Rabbiin gabroottan isaatiif horii tana isaanii uumuudhaan akka isaan qananiise dubbate. akka foon isiirraa nyaatanii, gishee isiirraa uffatanii, ba'aa isaanii ittife'atanii yaabbatanii bakka fedhaniin dhaqaniif. Rabbiin akkana jedhe "Beyladas isiniif uume, Isaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira,Ishee irraas ni nyaattu. Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira. Ba’aa keessan ulfaataas gara biyya isin cinqii lubbuutiin malee isa gahuu hin taaneetti baadhatti (isinii geessiti), Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha . nahli 5-7

ulaagaa waliigaalaa zakaa beyladootaatiif.

١
beeyladaan sun hanga shari'aan keeyse gayuu. zakaan dureeyyirratti malee dirqamaa miti. hanga zakaa saniigad waa xiqqo namni qabu zakaan isarratti dirqamaamiti. hangi zakaa gaalli shani, re'een 40. horiin 30. wanni kanaa gadii zakaa hinqabu.
٢
eega isii qabaatee waggaan baatiin lakkaawamu irratti naannawuu.
٣
irra hedduu yeroo waggaa tan mayra bobbaatee dheeddu tahuu. tan bakkatti okayan tahuu dhabuu.
٤
tan hojjattu tahuu dhabuu, tan akka quttuufaa, tam waa baattufaa, tunneen zakaa hinqabdu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi