kutaan ammaa model
Barnoota iida
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
iiddi mallattoo amanttii mul'attuudha.
iiddi islaama keessatti guyyaa muslimtoonni gammachuu isaanii mul'isani, waan ibaadaa guuttataniif jech galata Rabbiitiif.waan inni isaan qajeelchee isaanii laaffiseef. iidarratti nama hunda gammachiisuutu barbaachisa. uffata babbareedaa uffachuu, rakkataa gargaaruu, kara hayyamameen taphatanii lubbuu gammachiisuu, akka tapha gamtaan taphatan kan lubbuu namaa gammachiisuu tan qananii Rabbii isaan yaadachiistu..
muslimni iida lama qaba waggatti,lameen san malee guyyaa biraa iida godhachuun hintaatu. isaanis:
isiin salaata islaamummaan jabeessite, muslimtoonni hundi dhiiraa dubartii xiqqaa guddaa akka isiif bahan jajjabessite. guyyaa iidaa eega aduun baatee hanga ulee takka olsiiyxerraa kaasee hanga walakkaa samii dabartutti.
salaanni iidaa raka'aa lama imaamni sagalee olfuudha. eega salaataatii khuxbaa lama godha. jalqaba raka'aalee keessatti takbiiraa niheddummeessa. raka'aa duraa keessatti tan hidhannaa malee jaha, tan lammeessaa keessatti tan oliin ka'iinsaa malee takbiiraa shan godha.
dhiiraa dhalaa xiqqaa guddaa, karaa mijjaawe hundaan walbashannansiisuu. uffata bareedaa uffachuu, guyyaa iidaa nyaachuu dhuguun Rabbi gabbaruu, kanaaf guyyaa iidaa soomanuun dhoowwadha.
takbiiraan iida fixrii wanni karaa godhameef gammachuu iidaa mul'isuu, soomana Ramadaanaa guuttachuuf, qananii rabbiin soomantti nuqajeelcheef jecha takbiiraan barbaachise. Rabbiin akkana jedhe"akka lakkoofsa soomanaa guuttattaniifi, akka waan isin qajeelcherratti Rabbiin guddiftaniifi, akka galata galchitaniifi".baqaraa 185.iida ad'haattis takbiiraan barbaachisaadha. gammachuu iidaa mul'isuuf, warra hajjii godheef gammachuu hajjii ibsuuf, isaaniifii muslimtoota biroos guyya kurnan zulhijjaa keyrii dalaguu waan mijjeessef, takbiiraan barbaachise. Rabbiin bakka udhiyyaa dubbatetti akkana jedhe"Rabbi bira hingayu foon isiitiifii dhiigni isii, ammoo soodaa isinirraa taateetu Rabbi bira gaya. akkatti Rabbiin isii isniif laaffise, akka waan inni isin qajeelcherratti Rabbi guddiftaniif jecha, tolchitoota gammachiisi".hajjii 37.
akkaataa takbiiraa
namni dhiiraa kuxbaa sagalee olfuudhuu barbaachisa.akka ummata hin rakkifneefii hin jeeynetti, dubartii suutuma jetti.