barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota iida

iidoowwan mallattoo diin mul'attuutaaterraayi. Rabbiin ummata hundaaf iida kophaa qaban godhe, barnoota kana keessatti waan iidaa islaamaatiin walqabatu baratta.

iida muslimtootaa baruu.akkaataa salaata iidaa baruu.seenaafii naamusa iidaa baruu.

iiddi mallattoo amanttii mul'attuudha.

nabiin yeroo madiinaa gale warra madiinaa (ansaar) kan waggatti guyyaa lama taphatan argee "guyyaan lamaan kuni maali?" jedheen zamana wallaallummaa isaan lameen kana taphachuu turre jedhaniin. nabiin "Rabbiin bakka guyyaalee kana kan isaan caalu bakka isiniif buuse, guyyaa adhaatiifii guyyaa fixrii" abuu daawud 1134. iiddi mallattoo amantii tahuu yogguu ibsu nabiin akkana jedhe "ummanni hundi iida qaba, kuni iida keenya". bukharii 952 muslim 892

iida islaamummaa keessatti.

iiddi islaama keessatti guyyaa muslimtoonni gammachuu isaanii mul'isani, waan ibaadaa guuttataniif jech galata Rabbiitiif.waan inni isaan qajeelchee isaanii laaffiseef. iidarratti nama hunda gammachiisuutu barbaachisa. uffata babbareedaa uffachuu, rakkataa gargaaruu, kara hayyamameen taphatanii lubbuu gammachiisuu, akka tapha gamtaan taphatan kan lubbuu namaa gammachiisuu tan qananii Rabbii isaan yaadachiistu..

muslimni iida lama qaba waggatti,lameen san malee guyyaa biraa iida godhachuun hintaatu. isaanis:

١
iida fixrii inni guyyaa duraa kan ji'a shawwaali.
٢
iida adh'haa inni guyyaa 10ffaa ji'a zulhijjaati.

salaata iidaa.

isiin salaata islaamummaan jabeessite, muslimtoonni hundi dhiiraa dubartii xiqqaa guddaa akka isiif bahan jajjabessite. guyyaa iidaa eega aduun baatee hanga ulee takka olsiiyxerraa kaasee hanga walakkaa samii dabartutti.

akkataa salaata iidaa.

salaanni iidaa raka'aa lama imaamni sagalee olfuudha. eega salaataatii khuxbaa lama godha. jalqaba raka'aalee keessatti takbiiraa niheddummeessa. raka'aa duraa keessatti tan hidhannaa malee jaha, tan lammeessaa keessatti tan oliin ka'iinsaa malee takbiiraa shan godha.

maatii gammachiisuun barbaachisaadha.

dhiiraa dhalaa xiqqaa guddaa, karaa mijjaawe hundaan walbashannansiisuu. uffata bareedaa uffachuu, guyyaa iidaa nyaachuu dhuguun Rabbi gabbaruu, kanaaf guyyaa iidaa soomanuun dhoowwadha.

takbiiraa iida lameenii.

takbiiraan iida fixrii wanni karaa godhameef gammachuu iidaa mul'isuu, soomana Ramadaanaa guuttachuuf, qananii rabbiin soomantti nuqajeelcheef jecha takbiiraan barbaachise. Rabbiin akkana jedhe"akka lakkoofsa soomanaa guuttattaniifi, akka waan isin qajeelcherratti Rabbiin guddiftaniifi, akka galata galchitaniifi".baqaraa 185.iida ad'haattis takbiiraan barbaachisaadha. gammachuu iidaa mul'isuuf, warra hajjii godheef gammachuu hajjii ibsuuf, isaaniifii muslimtoota biroos guyya kurnan zulhijjaa keyrii dalaguu waan mijjeessef, takbiiraan barbaachise. Rabbiin bakka udhiyyaa dubbatetti akkana jedhe"Rabbi bira hingayu foon isiitiifii dhiigni isii, ammoo soodaa isinirraa taateetu Rabbi bira gaya. akkatti Rabbiin isii isniif laaffise, akka waan inni isin qajeelcherratti Rabbi guddiftaniif jecha, tolchitoota gammachiisi".hajjii 37.

akkaataa takbiiraa

Allaahu akbar Allaahu akbar, laa ilaaha illallaahu Allaahu akbar Allaahu akbar walillaahil hamdu, ittiin aansee nijedha Allaahu akbar kabiiraa walhamdu lillaahi kasiira wasubhaanallaahi bukratan wa asiilaa.

namni dhiiraa kuxbaa sagalee olfuudhuu barbaachisa.akka ummata hin rakkifneefii hin jeeynetti, dubartii suutuma jetti.

kunoo takbiiraa iidaa masjidulharaam makkatul mukarramaa irraa dhaggeeffadhu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi