kutaan ammaa model
Barnoota iida fixriitiifii iida adhaa.
iida fixrii.
inni guyyaa duraa kan ji'a shawwaali, ji'a 10ffaa akka lakkoofsa islaamaatti, eega guyyaan xumuraa kan ramadaanaa bahee itti aana. kanaaf iida fixrii (iida furiinsaa) jedhame. kuni waan namni guyyaa nyaachuun Rabbi gabbaraniifi akkuma Ramadaana soomanaan Rabbi gabbaran, eegasii iida ayyaana kabajuudhaan Rabbii galatoomfatan waan qananii fii tola isaa isaanirratti ooleef soomana ramadaanaa isaan guuttachiise. Rabbiin akkana jedhe "akka lakkoofsa guuttattaniifi, akka waan isin qajeelcherratti guddinaan Rabbi faarsitaniifi, akka galatoomfattaniifi".baqaraa 185.
maali wanni guyyaa iidaa barbaachisu?
namni nyaata guyyaafii halkan iidaa irraa waan isaa hafu qabu suguda tokko nama tokkorraa midhaan biyyaa baasuu qaba. ruuza, qamadii, timira, hiyyeeyyii muslimaatiif keennuu qaba. akka guyyaa iidaa haajamaan beelawaan hinjiraannetti.
magriiba guyyaa boodaa Ramadaanarraa kaasee hanga salaata iidaatti, halkan tokko yookaa lamaan iida dursuun nitaha.
suguda midhaan biyyaa kan akka ruuza, timira, fii kanneen kana fakkaatan, sugudni waan safaraati, garuu herregduu yerootiin hubachuuf ulfinaan laaluutu caala, inni mizaanatti kiiloo giraama sadihi taha.
nama halkaniifii guyyaa iidaa waan nyaaturraa hafaa qabu, isaafii nama masruufuun isarratti dirqamaa, akka jaartiifii ilmaani. ilmoo ulfaa tan garaa jirturraa baasuun jaalatamaadha, namatokkorraa suguda midhaanii (k.g.3) midhaan biyyattiirraa baasan.
hikmaa zakaa fixrii.
nabiin s.a.w. akka nama soomanaa dogoggoraafii dilirraa qulqulleessituuf dirqama godhe.(mucucaafii balleessaa nama soomanaarraa argamti irraa haquuf, sawaabni isaa akka guutuu tahuuf).
inni iida muslimtootaa kan lammaffaadhaati, guyyaa 10ffaa ji'a zulhijjaati, inni jia 12ffaa lakkoofsa muslimaati. sadarkaa hedduutu isa keessatti walitti qabame,
1- inni irra caalaa guyyaa waggaati.
guyyoonni irra caaloo guyyaalee waggaa tahan 10n zulhijjaa kanduraati. nabiin s.a.w. "guyyaalerraa hintaane kan hojiin gaariin isa keessatti jaalatamtu kan akka guyyaa kurnan tanaa" duulli karaa Rabbii keessatti tahelleen moo yaa ergamaa Rabbii ? jedhaniin. "duulli karaa Rabbii keessatti tahelleen kanangayu yoo namticha lubbuufii qabeenya isaatiin bahee san keessaa tokkoonillee hindeebi'in yoo taate malee". bukhaarii969 muslim 757.
isa keessa irra guddoo hojii hajjiittu jira, akka kaibatti xawaafuu, udhiyyaa qaluu, cirracha jamratul aqbaa darbachuu.
guyyaa iidaa maaltu karaa godhame?
guyyaa iida adhaa nama hajjitti hinjirreef hundi waan guyyaa iida fixrii hojjatamu hayyamameera. zakaan fixrii tan iida fixriiti. udhhiyyaan ammoo tan guyyaa iida adhhaa hojjatanii Rabbittiin dhihaatani.
isiin waan guyyaa iida adhaa qalamu beyladarraa, Rabbitti dhihaachuuf jecha, eega salaata iidaatii hanga aduun guyyaa kudha sadaffaa seentutti. Rabbiin akkana jedhe "Rabbii keetiif salaatii isumaaf qali" kawser2 salaata iidaatiifii udhiyyatti hiikamte.
murtii isii.
sunnaa jajjabeeyfamtuudha, nama isii dandayuuf, muslimtichi lubbuu isaatiifii maatii isaarraayis udhiyyaa nigodha.
nama udhiyyaa godhuu niyyatuuf eega jiini hajjii seenerraa kaasee hanga udhiyyaa isaa qalutti rifeensa, qeensaafii qaama isaarraa waan takkallee muruun hin hayyamamu.
beeyladaan udhiyyaa godhan tan akkami?
isiin re'ee, hoolaa horiifii gaala. kanneen malee beyladoota birootiifii shimbirroleen udhiyyaa godhuun hintaatu.ree'een yookaa hoolaan takka maatii takkarraayi, horiin yookaa gaalli tokko maatii torbarraa nitaha.
umrii barbaachisu gayuu.
kanbarbaachisu hoolaan baatii jaha, re'een waggaa takka, horiin waggaa lama, gaalli waggaa shan gayuudha.
horiin qalamu eeybii mul'atturraa qulqullaawuu.
nabiin s.a.w. akki jedhe "afreen udhiyyaf hintahan. kalaabsuu kalaabsummaan isii mul'ate, dhukkubsattuu dhukkubni isii mul'atu, ta hokkola mu'ataa hokkoltu, huqqattuu maraka hinqabne (isiin tahaalaan huqqatte). nasaaii 3470 tirmizii 1497