kutaan ammaa model
Barnoota iida fixriitiifii iida adhaa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
iida fixrii.
maali wanni guyyaa iidaa barbaachisu?
namni nyaata guyyaafii halkan iidaa irraa waan isaa hafu qabu suguda tokko nama tokkorraa midhaan biyyaa baasuu qaba. ruuza, qamadii, timira, hiyyeeyyii muslimaatiif keennuu qaba. akka guyyaa iidaa haajamaan beelawaan hinjiraannetti.
magriiba guyyaa boodaa Ramadaanarraa kaasee hanga salaata iidaatti, halkan tokko yookaa lamaan iida dursuun nitaha.
suguda midhaan biyyaa kan akka ruuza, timira, fii kanneen kana fakkaatan, sugudni waan safaraati, garuu herregduu yerootiin hubachuuf ulfinaan laaluutu caala, inni mizaanatti kiiloo giraama sadihi taha.
nama halkaniifii guyyaa iidaa waan nyaaturraa hafaa qabu, isaafii nama masruufuun isarratti dirqamaa, akka jaartiifii ilmaani. ilmoo ulfaa tan garaa jirturraa baasuun jaalatamaadha, namatokkorraa suguda midhaanii (k.g.3) midhaan biyyattiirraa baasan.
hikmaa zakaa fixrii.
inni iida muslimtootaa kan lammaffaadhaati, guyyaa 10ffaa ji'a zulhijjaati, inni jia 12ffaa lakkoofsa muslimaati. sadarkaa hedduutu isa keessatti walitti qabame,
1- inni irra caalaa guyyaa waggaati.
isa keessa irra guddoo hojii hajjiittu jira, akka kaibatti xawaafuu, udhiyyaa qaluu, cirracha jamratul aqbaa darbachuu.
guyyaa iidaa maaltu karaa godhame?
isiin waan guyyaa iida adhaa qalamu beyladarraa, Rabbitti dhihaachuuf jecha, eega salaata iidaatii hanga aduun guyyaa kudha sadaffaa seentutti. Rabbiin akkana jedhe "Rabbii keetiif salaatii isumaaf qali" kawser2 salaata iidaatiifii udhiyyatti hiikamte.
murtii isii.
nama udhiyyaa godhuu niyyatuuf eega jiini hajjii seenerraa kaasee hanga udhiyyaa isaa qalutti rifeensa, qeensaafii qaama isaarraa waan takkallee muruun hin hayyamamu.
beeyladaan udhiyyaa godhan tan akkami?
isiin re'ee, hoolaa horiifii gaala. kanneen malee beyladoota birootiifii shimbirroleen udhiyyaa godhuun hintaatu.ree'een yookaa hoolaan takka maatii takkarraayi, horiin yookaa gaalli tokko maatii torbarraa nitaha.