barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree -- karaa deemsaafii xahaaraa.

ibsa -- haalli addaa tan xahaaraan walqabattu karaa deemsa keessatti muslimatti nidhufti. barnoota kana keessatti waayee xahaaraa karaadeemsaati baratta.

kaayyoo  - seera xahaaraa (qulqullummaa) karaa deemsaa barachuu.

yeroo karaa deeman haalli namarratti nijijjiirama.waan yeroo teessoo argatan hedduu dhaban. abii hureyraarraa nabiin s.a.w. akki jedhe "karaadeemsi muraa ibiddarraa taate, tokkoo keessan nyaata, dhugaatiifii hirriiba isaa isadhoowwa. yeroo dhimma isaa fixate jarjaraan gara maatii isaa haadeebi'uu." bukhaarii 1804 , 3001, 5429. namni karaa deeme qabxiilee barbaachisoo waayee xahaaraatiifii tanneen biroollee beekuu isa barbaachisa.sankeessaa;-

1- bakka qulqullinnaaf (fincaaniifii udaaniif) filachuu.

bakka namni irra yaauufii irra tattaauu itti udaananii xureessuun dhoowwaadha. gadisa karaafii mukkeen jalattis hintahu.

ulamaaiin akka jedhan yoo dirree keessatti kan fincaanu tahe bakka lallaaftu haalaallatuu akka fincaan isatti faca'ee isa hin najisne. gara qilleensi bubbisuufii dachii jajjabduu haa eeggatuu.

2- yeroo qulqulleeffatan sattarachuu.

yeroo ala bahan namarraa sattarachuun barbaachisaadha.Yookaan danqaa tokko irratti yookaan namoota irraa fagaatee, akka hadiisa Al-Mughirah bin Shu’bah kan jedhetti: Ani Nabiyyii waliin ture, s.a.w. imala tokko irratti, akkana jedhe: “Yaa Mughirah ! okolee bidhaanii fuudhi.” fuudhee, Ergamaan Rabbii s.a.w. hanga na jalaa dhokatetti deemee fedhii isaa guutate (Bukhaarii 363, Muslim 274).. hadiisa biraa keessattis: “Yoo haajaa isaatiif ala bahu ni fagaata” (Musnad Imaam Ahmad 15660).

Hadiisa Abdullah bin Jaafar keessatti Rasuulli, s.a.w. akkana jechuun eeraniiru: “irra jaalatamaan waan Ergamaan Rabbii s.a.w. ittiin sattaratee kiyyuubboo yookaa dallaawa timiraati. ”muslim (342) . Akkasumas hadiisa biraa keessatti “yoo qulqullaawuu fedhe uffata isaa hanga lafatti dhihaatutti ol hin kaasu” (Abuu Daawud 14), kana keessa waan satriin jiruuf.

tayamuma

tayamummni gosa xahaaraa ittiin salaanni gaggeeyfamuu keessaa tokko. yeroo bishaan dhaban yookaa dhukkubaaf itti fayyadamuu dadhaban. akkaataan isaa muslimtichi harka isaa lameeniin biyyee dhawatee eegasii fuula isaarraa haxaawa. eegasi shanacha mirgaarraa kan bitaatiin haxaawa kan bitaarras kan mirgaatiin haxaawa.

muslimtichi yeroo biyya taa'urra yeroo karaa deemu irra tayammummatti haajama. kunis waan sababaan isii hayyamsiisu heddummaatuuf jecha, kanneen akka bishaan dhabuu, yookaa xiqqaatee dhugaatiif itti haajamuu. waan kana fakkaatu.

qabanaafii dhukkubaaf waduu'a godhachuun rakkoo cimaa tahuu. kuni yeroo karaa deeman baay'ata. qabana jechuun tan akkaan jabaatte tan yoo isii keessa dhiqatan dhukkuba nama qabsiiftu. malee qorri beekamaan rakkotti hinlaalamu.

kuni yoo bishaan dhihoo fidachuun malu hinjiraatini, yoo qorra hamaa tahes oowwifachuun yoo hinmijjaawini.

kopherra haxaawuu.

kopherra haxaawuun namtichi kophee uffatee, kophee gogarraa taate tan faana dhooysitu, xahaaraa guutuu hadasa guddaafii xiqqarraayis uffatee, eegasii yeroo wuduu'atee mataa isaa haxaaye kophee baasee miila dhiquun dirqama ittihintahu, kophemarra haxaawa.

kopherra haxaawwiin fayyaa tahuuf kopheen qulqulluu tahuu qabdi, miila dhooysuu, eega wuduu'a guutuu godhate uffachuu, akkatti irra haxaawuu dandaya. guyyaa tokkoofii halkan tokko. nama biyya jiruuf, halkaniifii guyyaa sadi nama karaa deemuuf.

eega yeroon haxaawwii dhumtee kophee baafachuun dirqama, yooka yoo janaabaaf yooka kkf dhiqannaan qaamaa isa barbaachise nibaafata. yooka wuduu'a malee yoo uffate nibaafata.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi