kutaan ammaa model
Barnoota mata duree -- karaa deemsaafii xahaaraa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
yeroo karaa deeman haalli namarratti nijijjiirama.waan yeroo teessoo argatan hedduu dhaban. abii hureyraarraa nabiin s.a.w. akki jedhe "karaadeemsi muraa ibiddarraa taate, tokkoo keessan nyaata, dhugaatiifii hirriiba isaa isadhoowwa. yeroo dhimma isaa fixate jarjaraan gara maatii isaa haadeebi'uu." bukhaarii 1804 , 3001, 5429. namni karaa deeme qabxiilee barbaachisoo waayee xahaaraatiifii tanneen biroollee beekuu isa barbaachisa.sankeessaa;-
bakka namni irra yaauufii irra tattaauu itti udaananii xureessuun dhoowwaadha. gadisa karaafii mukkeen jalattis hintahu.
ulamaaiin akka jedhan yoo dirree keessatti kan fincaanu tahe bakka lallaaftu haalaallatuu akka fincaan isatti faca'ee isa hin najisne. gara qilleensi bubbisuufii dachii jajjabduu haa eeggatuu.
2- yeroo qulqulleeffatan sattarachuu.
Hadiisa Abdullah bin Jaafar keessatti Rasuulli, s.a.w. akkana jechuun eeraniiru: “irra jaalatamaan waan Ergamaan Rabbii s.a.w. ittiin sattaratee kiyyuubboo yookaa dallaawa timiraati. ”muslim (342) . Akkasumas hadiisa biraa keessatti “yoo qulqullaawuu fedhe uffata isaa hanga lafatti dhihaatutti ol hin kaasu” (Abuu Daawud 14), kana keessa waan satriin jiruuf.
tayamummni gosa xahaaraa ittiin salaanni gaggeeyfamuu keessaa tokko. yeroo bishaan dhaban yookaa dhukkubaaf itti fayyadamuu dadhaban. akkaataan isaa muslimtichi harka isaa lameeniin biyyee dhawatee eegasii fuula isaarraa haxaawa. eegasi shanacha mirgaarraa kan bitaatiin haxaawa kan bitaarras kan mirgaatiin haxaawa.
kopherra haxaawuun namtichi kophee uffatee, kophee gogarraa taate tan faana dhooysitu, xahaaraa guutuu hadasa guddaafii xiqqarraayis uffatee, eegasii yeroo wuduu'atee mataa isaa haxaaye kophee baasee miila dhiquun dirqama ittihintahu, kophemarra haxaawa.