barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree seera waliigalaa tan imalatti heddummaattu.

ibsa seerri imalaa soomanaafii salaata qofarratti hindhaabbattu. haalli biroo kan seera mataa isaa qabus jira. garii isii barnoota kana keessatti baratta.

kaayyoo   seera waliigalaa tan imala keessatti haajaan itti heddummaattu baruu.

yeroo rafan ibidda dhaamsuu.

hirriibaan duratti ibidda dhaamsuu barbaachisa, ibiddi sun kan imaltuu gannaa kan sharaa keessatti qabsiifatan kan tahe.

abii muusaa al ash'ariyyiinn nijedhe " halkan manni tokko madiinatti maatii isaarratti gubate. kuni nabitti odeeffame. nijedhe ibiddi tuni adawwii teessani, yeroo raftan ufirraa dhaamsaa. bukhaarii 6294 muslim 2016 hadiisa birootti "yeroo raftan ibidda mana keessan keessatti hindhiisinaa". bukhaarii 6293 muslim 2015 hadiisa birootti " hantuunni jibrii lambaa harkiftee warra manaa gubuutu mala". bukhaarii 3316 muslim2012

seera al'oolaa

hundeen al'oolli hayyamamaadha. ammoo al'oolli sababaa qalbiin isatti rarraatee, dantaa diiniifii maatiirraa shaagalu tahuun hintahu. yookaa sababaa qabeenya balleesuu, taphaafii walittiin dhaaddannoo tahuu hinqabu. hadiisatti "namni baadiyyaa taa'ee nigoggoga, namni al'oola hordofu nidhama'a". abuu daawuud 2859

hundeen bineensa hunda al'ooluufii nyaachuun hayyamamaa tahuudha. waan ragaan dhoowwaa godhe malee. akka waan qaarriffoo qabaa bineensarraa akka jeedalloofii yayyii. akka allaattii qottoollee qabduu akka rumichaa bineensa summii qabu akka jawweedhanii fii kannen biroo.

bineensa bahraatiifii barraatis al'oolatanii nyaachuun guutuu addunyarratti ni hayyamama. guyyaa jum'aa, ji'a ramadaanaa fii ji'oota kabajamoo tahus garaagarummaa hinqabu. garuu bineensa makkaafii madiinaa al'ooluun dhoowwuudha. bineensa nama biroo al'ooluun dhoowwaadha. namni hajjiifii umraa hidhate bineensa barraa al'ooluun dhoowwaadha.

namni al'oolu muslima tahuu qaba. bismillaahi jechuu qaba. saree yooka allaattii leenjifamteen al'ooluu qaba. yoo allaattiin ufumaaf itti bararte yookaa rasaasni osoo inni hinbeekin itti dhukka'e nyaachuun dhoowwaadha. yoo jiraa dhaqqabee bismillaah itti jedhee gorra'e malee.

akkuma al'oolamaan sababaa madaa sanirraa kan du'e tahuun barbaachisaadha. hudhamtee, bishaan lixxee, waan ulfaatuun tumamtee, gaararra gadikuftee, tanduute tahuu dhabuudha. al'oolamtuu isaa yoo lubbuun dhaqqabe gorraasuu shari'aa gorrauu qaba.

bineensa taphaaf ajjeesuun dhoowwaadha. akka nama al'oolee hin nyaannee. meeshaalee ummata rifachuun al'ooluunis dhoowwaadha. akkasuma allaattii hidhanii alaamaa itti leenji'uun dhoowwaadha.

ibnu umar joollee qureyshii tan allaattii hiitee alaamaa itti bartu argee, abbaa allaattii saniif xiyya bira dabarte hunda kennuufitti waliifgalan,. ibnu umar garraan addafaca'anii dheeysa. ibnu umar eenyu kan akkana hojjatu? nama kana hojjate Rabbi abaare jedhe. nabiin Rabbii nama waan lubbuuqabaa haxxiyyaa godhate abaare" bukhaarii 5515 muslim 1958

namatti meeshaa lolaatiin akkeekuun osoo taphaafillee taatee dhoowwaadha. hadiisatti "tokkoon keessan obboleessa isaatti meeshaa lolaatiin akka hinakeekne, tokkoon keessan hinbeeku sheyxanni isa harkaa butee boolla ibiddarraa taate keeysatti kufa". bukhaarii 7072 muslim 2617 hadiisa birootti namni obboleessa isaatti meeshaan qaraatiin akeke hanga inni dhiisutti malaaykaan isa abaarti. osoo obboleessa isaa kan ahaadhaaf abbaan tokkoollee tahee". muslim2616

namni al'oolu seera al'oolinsaa beekuu barbaachisa. uf eeggannoo nageenyaatis haabeekuu. lubbuu isaatiifii tan nama biroollee akka eeguuf. akkaataan gorraasuu sharii'aa seera qabdi. gorraasuu beeyladaa tan sharii'aa. akkataan saree al'ooltuu, akkaan du'a al'oolamtuu fii kanneen kana fakkaatan murtii ulamaaiitti deebiuu qaban.

seera nyaataa

hundeen nyaanni hundi hayyamamaadha waan ragaan dhoowwe malee.

nyaataafii dhugaatii haraam.

١
baktiifii waan isirraa tahe
٢
karkarroo
٣
farshoofii waan sammuu namaa hadoochu, wanni hedduun isii aqlii narraa ooftu xiqqoon isiitis haraami.
٤
waan qaama namaarra rakkoo fidu.
٥
waan kalaadaa ittiin al'oolatu qabu akka leencaa, saree, adurree. yookaa qottoolloo qabu akka rumichaa fii risaa.
٦
nyaataafii dhugaatii hatamteefii saamamte.

hundi biqiltoota oorruufii dukkaanarra jirtu hundi hayyamamaadha. garuu muslimni waan isa miidhu hin nyaatin. yookaa waan nagaya tahuu isaa hinbeeyne hin nyaatin.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi