barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Mata duree caalmayina sadarkaa makkaafii masjidal haraam.

ibsa magaalaan makkaa biyyattii arabaa gara dhihaatti argamti. masjidalharaam ufkeessaa qabdi. irra qulqulluu masgiida lafatanarra jiruu. biyyiti tuniifii masgiinni kunis sadarkaa guddoo islaamummaa keessatti qaban. barnoota kana keessatti waayee kanaati baratta.

kaayyoo    sadarkaa makkaa baruu.                   sadarkaa masjidalharaam baruu.

sadarkaa caalmayina makkaa: biyya gaariin tuni kabajaa guddaa qabdi. sadarkaa hedduu qabdi. sankeessaa:

1- isiin Rabbiifii ergamaa isaa nabi muhammad biratti biyya haalaan jaalatamtuudha.

abdilaah bin adiyyi bin hamraa'i Rabbi isarraa haajaalatuu akkana jedhe nabiin kharuurrarra kan dhaabbatee jedhu " Rabbitti kakadhe ati irra caaltuu dachii Rabbiiti, irra jaalatamtuu dachiiti gara Rabbiitti, osoo sirraa baafamuu baadhee silaa hinbahu". tirmizii 3925 oduu birootti irra jaalamtuu dachiiti gara kiyyatti". ibnu maajah 3108.

2- isiin harama (kabajamtuu) Rabbiiti.

Rabbiin isii keessatti dhiiga dhangalaasuu haraam godhe, isii keessatti nama tokkollee miidhuu haraam godhe. bineensa isii al'ooluu fii mukaafii mayra isii muruu dhoowwe. Rabbiin akkana jedhe jedhi yaa muhammad jedhi " ani kanin ajajame Rabbii biyya tanaa gabbarutti, kan isii kanaje, kan waa hundi isaaf tahe, muslimtootarraa tahutti ajajme". namli 91.

nabiin s.a.w. akki jedhe "makkaan Rabbiitu kabaje namni hinkabajne, namni Rabbiifii guyyaa qiyaamaatti amanu isii keessatti dhiiga gadi naquun hin hayyamamuuf, muca isii cabsuunis hinhayyamamu".bukhaarii 104 muslim 1354.

isii (makka) keessa masjidalharaamtu jira.masjiidni kuni sadarkaa hedduu qaba. sankeessaa:-

1- inni awwala masjiida ibaadaa Rabbiitiif lafa kaayame.

abuu zarri- algifaariyyiin nabiin kamii masgiidaatu dura lafa keessatti jaarame? jedheen nabiin s.a.w." masjiidul haraami" kamtu itti aane? "masjiidul aqsaa" isaan jidduu hangam adda fageenyi? waggaa afurtama, eessattillee yoo salaanni sitti geesse salaati achumaatu masgiidaa". bukhaarii 3366 muslim 520.

2- isa keessa kaibaa kabajamtuutu jira.

kaibaa jechuun jaarmaya rogee masjidal haraam handhuurarra jiruudha. isiin qiblaa muslimtoonni bahaa dhiha dachiitii itti deebi'ani salaata isaanii hunda keessatti. ajaja Rabbiitiin nabi ibraahiimiifii ilmi isaa nabi ismaa'iil ijaarani. eegasii marsaa hedduu ijaarsi isii haarawoomfame. Rabbiin akkana jedhe "yeroo ibraahiimiifii ismaaiil bu'ura manaa lafarraa olkaasan (akkana jedhan) yaa Rabbii keenya nurraa qeebali ati dhagayaa beekaadhaa".baqaraa 127.qureyshiin yeroo haarawoomsitee jaarte akka nabi muhammad hajaral aswad bakka isaatti deebisu itti waltaatee bnabiin deebisee kaaye.

3 sawaabni salaataa isa keessatti dachaa tahuu.

nabiin s.a.w. akki jedhe " salaanni masjiida kiyya kanatti taate salaata bakka biraa sadarkaa kuma tokkoon caalti masjidal haraam malee. salaanni masjidal haraamitti taate salaata kuma dhibba bakka biroorra caalti." ibnu maajah 1406, ahmad 14694.

4- Rabbiinnama dandayerratti hajjii gara masgidal haraamitti dirqama godhe.

nabi ibraahiim akka hajjitan jedhee ummata yaame. bakka hundaa namni gara beeytii Rabbii hajjiif deeme. nabiyyoonis achitti hajjii godhan. akka nabiin himetti. Rabbiin nabi ibraahiim ajajee akkana jedheen "ummatatti lallabi hajjitti (waami). lafoofii yaabbii geejjiba leenjifamarratti tahanii sitti dhufu. moggaa fagoo hundarra dhufu." hajji 27.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi