kutaan ammaa model
Barnoota jalina qalbii keessatti taheen loluu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
ummanni arabaatis tahee kan biroo jallina himteefii seenaa sodaa kijibaa keessa turan, biyyiti takkalleen jalaa nagaya hinbaane. araboonni yeroo dura qur'aanni buufamu falfala, seenaa duri jechuunii turan
islamummaa yeroma ifaafii qajeelloo isaatiin dhufe qalbii namaa wallaalaafii sodaa jettejetteerraa bilisoomse. qalbiifii ruuhiin namaa qulqullooytee Rabbii qofatti deebite. sankeessaa:
falfalaafii himteen loluu:
islaamummaan nama muslimaarratti falfalaafii raaydutti deemuu haraam goote. waa isaan gaafachuu, wal'aansaafii fayya barbaachaaf dhoowwaadha. namni kana hojjatee waan nabi muhammadirratti gadibuufame islaamummaatti kafare jedhama. faayyaduufii miidhuunis harka Rabbii keessa jirti. waan fagoo Rabbi malee kabeeku hinjiru. nabiin s.a.w. akki jedhe "namni raayduutti dhaqee waan inni jedhe dhuga'oomse diin nabi muhammadirratti bu'etti kafareera".haakim 15
faaydaafii miidhaan harka Rabbii keessa jirti.
namni guddina uumamtoota tanaatiifii miidhaginna uumama isii namni akkeekkate kan isii uume Rabbii dandayaa ogeessa tahe tahuu hubata. Rabbiin kuni kan hunda uume kan waanni hundi uumama isaa taate, kan ibaadaan hundi isuma qofaaf godhamuu qabdu. Rabbiin ol tahe akkana jedhe "mallattoolee dandeeytii isaarraayi halkan, guyyaan, aduun, jiini,s. aduuf hinsujuudinaa, ji'aafis hinsujuudinaa, Rabbii isaan uumeef sujuudaa, yoo ka isa gabbartaan taatan". fussilat 37.
waan dhufuufii fagoo Rabbi malee tokkolleen hinbeeku.
irra caalaafii kabajamaan ilmanamaa nabi muhammad s.a.w. waan fagoo hinbeeku, lubbuu isaatiif toltuufii hamtus fiduu hindandayu, wanni sadarkaafii kabajaanis isaa gadii akkamitti beeyti? Rabbiin oltahe akkana jedhe "jedhi lubbuu tiyyaaf faaydaafii miidhas fiduu hindandayu waan Rabbiin fedhe malee, osoo beekkomsa waan fagoo qabaadhee silaa toltuun heddummeyfadha, hamtuun nan tuuyxu, ani gammachiisaafii sodaachisaa ummata amananiiti". airaaf 188.
faalachuufii hoodni haraami.
z
gama biraatiin tafaaulli gaariin jecha babbareedaa hayyamameera. toltuu abdachuufii rabitti yaada toluun nitaha. "nabiin tafaaula jecha bareedaa nijaalata". bukhaarii5776 muslim 2224