barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota jalina qalbii keessatti taheen loluu

ummanni arabaatis tahee kan biroo jallina himteefii seenaa sodaa kijibaa keessa turan, biyyiti takkalleen jalaa nagaya hinbaane. araboonni yeroo dura qur'aanni buufamu falfala, seenaa duri jechuunii turan. islaamummaan ifaa isaatiin yogguu dhufe qalbii ilma namaa waa himteefii sodaachifturraa bilisoomse, seera qalbii qulqulleessuun ibse ummanni rabbi qofatti garagale waanbiroo hunda dhiisee.. sankeessaa:

ijjannoo islaamaa himteefii dhamaaftee irratti qabu ibsuu.amantaa dharaa tan adda addaarratti ijjannoo islaamaa ibsuu.

ummanni arabaatis tahee kan biroo jallina himteefii seenaa sodaa kijibaa keessa turan, biyyiti takkalleen jalaa nagaya hinbaane. araboonni yeroo dura qur'aanni buufamu falfala, seenaa duri jechuunii turan

islamummaa yeroma ifaafii qajeelloo isaatiin dhufe qalbii namaa wallaalaafii sodaa jettejetteerraa bilisoomse. qalbiifii ruuhiin namaa qulqullooytee Rabbii qofatti deebite. sankeessaa:

falfalaafii himteen loluu:

islaamummaan falfalaa, himteefii raaga gosa hundaawuu haraam goote, gosa shirkiifii jallinaarraa goote. raagaan adduniyaafii aakhirattis akka hinmilkooyne dubbatte. Rabbiin akkana jedhe "eessalle dhaqu falfalaan hinmilkaawu" xaaha 69.

islaamummaan nama muslimaarratti falfalaafii raaydutti deemuu haraam goote. waa isaan gaafachuu, wal'aansaafii fayya barbaachaaf dhoowwaadha. namni kana hojjatee waan nabi muhammadirratti gadibuufame islaamummaatti kafare jedhama. faayyaduufii miidhuunis harka Rabbii keessa jirti. waan fagoo Rabbi malee kabeeku hinjiru. nabiin s.a.w. akki jedhe "namni raayduutti dhaqee waan inni jedhe dhuga'oomse diin nabi muhammadirratti bu'etti kafareera".haakim 15

faaydaafii miidhaan harka Rabbii keessa jirti.

Rabbiin s.w. ibsee jira akka uumamtoonni hundinuu nama, jinnii, dhagaa mukaa urjii kkkf gurguddattus uumaa Rabbiiti, namni tokkolleenuu humna addaa uumaa tana jijjiirtu hinqabu. uumuun, ajajuun, dandeettiin, taliguun tan Rabbii ol tahee qofa. Rabbiin akkana jedhe "dhagayaa uumuufii ajajuunis isumaafi rabbiin gooftaa umamtootaa tahee barakoome".airaaf 54

namni guddina uumamtoota tanaatiifii miidhaginna uumama isii namni akkeekkate kan isii uume Rabbii dandayaa ogeessa tahe tahuu hubata. Rabbiin kuni kan hunda uume kan waanni hundi uumama isaa taate, kan ibaadaan hundi isuma qofaaf godhamuu qabdu. Rabbiin ol tahe akkana jedhe "mallattoolee dandeeytii isaarraayi halkan, guyyaan, aduun, jiini,s. aduuf hinsujuudinaa, ji'aafis hinsujuudinaa, Rabbii isaan uumeef sujuudaa, yoo ka isa gabbartaan taatan". fussilat 37.

waan dhufuufii fagoo Rabbi malee tokkolleen hinbeeku.

waan fagoofii fuulduraa Rabbi malee tokkolleen akka hinbeeyne Rabbiin himee jira.namni raayduufii waa himteerraa tahe kan waan fagoo ninbeeka jedhu nikijibe. Rabbiin oltahe akkana jedhe "bantuun fagoo isa biratti taate, isii isamalee tokkolleenuu hinbeeku".na'aam59.

irra caalaafii kabajamaan ilmanamaa nabi muhammad s.a.w. waan fagoo hinbeeku, lubbuu isaatiif toltuufii hamtus fiduu hindandayu, wanni sadarkaafii kabajaanis isaa gadii akkamitti beeyti? Rabbiin oltahe akkana jedhe "jedhi lubbuu tiyyaaf faaydaafii miidhas fiduu hindandayu waan Rabbiin fedhe malee, osoo beekkomsa waan fagoo qabaadhee silaa toltuun heddummeyfadha, hamtuun nan tuuyxu, ani gammachiisaafii sodaachisaa ummata amananiiti". airaaf 188.

faalachuufii hoodni haraami.

islaamni bifaan wantootaan jechootaan hooddachuufii faalachuu nidhoowwe. tafaaula gaarii nihayyame.

z

gama biraatiin tafaaulli gaariin jecha babbareedaa hayyamameera. toltuu abdachuufii rabitti yaada toluun nitaha. "nabiin tafaaula jecha bareedaa nijaalata". bukhaarii5776 muslim 2224

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi