barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata dure ziyaaraa madiinaa nabii s.a.w.

ibsa madiinaan irra caaltuu lafaati eega makkaatii, barnoota kana keessatti caalmaya sadarkaa madiinaatiifii naamusa ziyaaraa isiiti ibsa.

kayyoo    sadarkaa madiinaa nabii beekuu.                 naamuusa ziyaaraa madiinaa beekuu.

sadarkaa madiinaa nabii s.a.w.

nabiin s.a.w. isitti godaanuudhaan madiinaan kabajaa guddaa gonfatte. waan makka hintahin dachii hundarra caalchifamte. ziyaaraan isii yeroo hunda barbaachiftuudha. garuu hajjiin walitti hidhaa hinqabdu. nabiin s.a.w. akki jedhe "amna deemuun masgiida sadihitti malee hintahu. masjidal haraam (makkaa), masjida Rasuulaa s.a.w. (madiinaa), masjidul aqsaa (kan falasxiin)". bukhaarii 1189. muslim 1397 madiinaan sadarkaa hedduu qabdi sankeessaa:

1- masjiinni nabii s.a.w. keessa jiraachuu.

yeroo madiinaa galee durri waan nabiin dalagee masjiida isaa jaaruudha. kan wirtuu daiwaa barnootaafii kheeyrii ummata keessatti tamsaasuu tahe. masjiinni kabajamaan kuni sadarkaa caalmaya hedduu qaba. nabiin s.a.w. akki jedhe " salaanni masjida kiyya kana keessatti tahe salaata bakka biraa kuma tokkorra caala masjidalharaam malee" bukhaarii 1190. muslim 1394

2- isiin harama kabajamaadha.

ajaja Rabbiitiin nabiin isii kabaje. isii keessatti dhiigni hindhangalaafamu, meeshaan lolaa isii keessatti hinbaatamu, isii keessatti namni yokkolleenuu hin doorsifamu. mukni isii hinmuramu. kanneeniifii kanbiroollee kabajaa hedduu qabdi. nabiin s.a.w. akki jedhe "mukni isii hinciramu, bineensi isii hin rifachiifamu, nama itti iyyaafatuuf yoo tahe malee baddeen isii lafaa hinfuudhamtu, nama gaala isaa okayu uf malee mukni isii hinciramu, meeshaa lolaa isii keessatti lolaaf hinbaatamu" abuu daawuud 2035, ahmad 959

3- barakaa rizqii oomishaafii jiruu gaarii.

nabiin s.a.w. akkana jedhan " yaa Rabbi oomisha keenya keessatti nuuf barakeessi, magaalaa teenyattis nuuf barakeessi, suguda keenya nuuf barakeessi, kabala keenya nuuf barakeessi, yaa Rabbi ibraahiim gabricha keeti jaalallee keeti nabiyyii keeti. anis nabiyyii keeti, gabricha keeti. inni makkaaf sikadhate, ani ammoo madiinaaf sikadha fakkaataa waan inni makkaaf kadhateefii fakkaataa isaatiin sikadha" muslim 1373.

4- Rabbiin koleeraafii dajjaalirraa isii tiiyse.

nabiin s.a.w. akki jedhe daangaa seensa madiinaarra malaaikaatu jira. koleeraafii dajjaalis isii hinseenan." bukhaarii 1880. muslim 1379

5- kabajaafii sadarkaa nama madiinaa keessa jiraateefii achitti du'e.

nabiin s.a.w. nama rakkoofii ulfinna jireenyaa madiinaarratti nama obseef nabiin shafaa'aa waadaa seeneera. sa'aad ibnu abiiwaqqaas nabiin s.a.w. nijedhe "osoo kanbeekan tahanii madiinaatu isaaniif caala. nama isii jibbee irraa deeme Rabbiin nama isa caalu bakka buusaaf. rakkinaafii hiyyummaa isiirratti namni oobse shafaa'aafii ragaa isaaf taha guyyaa qiyaamaa". muslim 1363

nabiin s.a.w. akki jedhe " namni madiinatti du'uu dandaye haadu'uu, ani nama isii keessatti du'eef shafaa'aa fuudha". tirmizii 3917, ibnu maajah 3112

6- madiinaan goda iimaanaati, hamaafii balleessaa hunda ufirraa darbiti.

iimaanni yeroo biyyiti itti rakkatte gara madiinaatti dheeysa. madiinaa keessa badaafii sharriin bakka hinqabdu. nabiin s.a.w. akki jedhe "iimaanni akka jawween boolla isiitti galtutti madiinatti gala.". bukhaarii 1876, muslim 147. nabiin s.a.w. Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtutti kakadhee namni isii jibbee keessaa bahee kan isa caalu Rabbiin bakka isii buusa, dhagayaa madiinaan akka buufaati, fokkataa haxooyti, hanga madiinaan sharriifii hamaa akka buufaa sibiilarraa dandii haxooytutti ufirraa hayxutti qiyaamaan hindhaabbatu". muslim 1381.

7- isiin diliifii dogoggora namarraa hayxi.

zeydi binu saabit nabiin s.a.w. nijedhe " isiin xeeyba, madiinaan, isiin fokkataa hamaa haxooyti akka ibiddi dandii meetarraa hayxutti". bukhaarii 4589, muslim 1384

naamusa ziyaaraa madiinaa.

namni madiinaa nabii ziyaaru naamusa itti aanu kana hordofuu qaba:

1- namni mmadiinaa ziyaaruuf deeme masjiida nabii ziyaaruu itti haaniyyatuu malee qabrii nabii s.a.w. ziyaaruu itti hin niyyatin. nabiin s.a.w. akkana jedhe " karaa deemuun hintahu gara masgiida sadihii malee, masjidal haraam, masjida rasuulaa, masjidal aqsaa". bukhaarii 1189. muslim 1397.

2- ziyaaraan yeroo masjiida gaye miila mirgaati dursa seena akki jedhu "allaahummaftah lii abwaaba rahmatika". muslim 713

3- tahiyyaa masjiidaa raka'aa lama salaata, yoo rawdattushariifaatti salaate irra caalaadha.

4- qabrii nabiitiifii saahibban isaa lameenii ziyaaruun barbaachisaadha. fuuldura qabrii nabii naamusaafii sodaan ufgadi qabee dhaabbata. sagalee qadiqabata. nijedha "assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu, ash hadu annaka rasuulullaahi haqqan, wa annaka qad ballagta rrisaalaa, wa addeeytal amaanaa, wansahtal ummah, wa jaahatta fillaahi haqqa jihaadihii, fa jazaakallaahu an ummatika afdala maa jazaa nabiyyan an ummatihii".

eegsii gara mirgaa tarkaanfii takka yookaa lama tarkaanfatee qabrii abiibakrii dura dhaabbata. salaamtaa jedheenii Rabbi sirraa haajaalatu jedhaan, eegasii gara mirgaa tarkaanfii takka yookaa lama tarkaanfatee qabrii umar dura dhaabbata, salaamtaa jedheenii Rabbi sirraa haajaalatu jedhaan.

5- namni masjida nabii ziyaaru salaata masjiidicha keessatti baay'isuun barbaachisaadha. sawaaba guddaa nabiin s.a.w. dubbate argachuuf. "salaanni masjiida kiyya kana keessatti tahe salaata kuma bakka biroorra caala masjidal haraam malee".bukhaarii 1190, muslim 1394.

6- masjiida qubaai ziyaaruun barbaachisaadha. isa keessatti salaatuunis. sadarkaa qaba waan taheef nabiin s.a.w. "namni manaa bahee deemee masgiida kana dhufr _masjiida qubaa'i- isaa keessatti salaate akka qixa umraati isaaf taha". nasaaii 699.

7- qabroota baqii'i ziyaaruun barbaachisaadha. qabroota shuhadaa'a uhudis. nabiin s.a.w. isaan ziyaaree du'aa'ii isaanii godha. du'aa'ii nabiin s.a.w. warra qabriitii godhe keessaa "assalaamu aleykum ahladdiyaari minal muiminiina walmuslimiin, wa innaa inshaa Allhu bikum laahiquun, as'alullaaha lanaa walakumul aafiyah" muslim 975.

8- muslimtichi maadiin tana keessatti seera Rabbiirratti ajaja isaarratti gadidhaabbachuurratt bololuu qaba. ajaja Rabbiitiifii ajaja ergamaa isaarratti jabaachuu, bid'aafii dilii keessatti bu'ee argamurraa uftiiysuu qaba.

9- madiinaa keessatti muka muruun bineensa al'ooluun dhoowwaadha irraa eeggamuu qaba. hadiisa nabii s.a.w. "ibraahiim makkaan kabajsiise, anis madiinaan kabajsiisekaarra lameen isii jidduu, dameen muka isii hinciramu, bineensi isii hin al'oolamu". muslim 1362.

10-muslimni yeroo madiinaa tana keessa jirutti biyya yeroo duraatiif ifaan islaamaa irraa qabsiifamee addunyaa guutuu ibse keessa jiraachuu isaa beekuu qaba, yaadachuu qaba. beekkomsa islaamaa kan karaa Rabbii isaaf ibsu barachaa dabalachaa taa'uu qaba. keessaawwuu masjiida nabii keessatti barachuu. abii hureyraan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni masjiida keenya kana seenee>>>>>>>>>>>>>>>>>>>

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi