barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota dhukkubni weyraraan gorsaafii ergaadha.

dhukkuba weyraraan mokkoruun murtii Rabbii tan namatti buutu muslimaafii kaafira isaaniillee.  garuu haalli muslimaa rakkoo kanan wajji akka haala nama birootii miti. inni akka Rabbiin isa ajajetti dhukkuba kana simata, sabbaruudhaan , karaalee ittisaa osoo hinbuunee fayyadamuudhaan, eega buemmoo wal'aansa barbaachisoo fayyadamuudhaan.

dhukkuba keessa gorsaafii ergaa jiru beekuu qalbiin Rabbitti rarra'uu.

dhukkuba weyraraan mokkoruun murtii Rabbii tan namatti buutu muslimaafii kaafira isaaniillee. garuu haalli muslimaa rakkoo kanan wajji akka haala nama birootii miti. inni akka Rabbiin isa ajajetti dhukkuba kana simata, sabbaruudhaan , karaalee ittisaa osoo hinbuunee fayyadamuudhaan, eega buemmoo wal'aansa barbaachisoo fayyadamuudhaan.

kabajaa isaaf malu Rabbiin hinkabajne.

vaayrasii xiqqaa maaykirooskoppii malee ijaan hinmul'anneen dhukkubni hamaan addunyaa guutuu miidhe tatamsauun guddinaafii dandeeytii Rabbii nama garsiisa. akkasuma laafinaafii dadhabbii uumamtootaa ibsa. ilmi namaa osoo hangamillee qaroomee, teknoolojii guddaa qabaatellee dadhabbii ilma namaa keessaa hinbahu, Rabbiin dandayaan cimaan isumaa, kan samiifii dachii keessattillee homaa isa hindadhabsiifneedha.

murtiifii hiree

wanni Rabbi fedhe nitaati, wanni inni hinfedhin hintaatu. sanirraa musiibaaleefii dhukkubafaca'aadha. Rabbiin akkana jedhe "balarra wanni nama tuqe dachii keessattiifii lubbuulee teessan keessatti hintaane kitaaba keessatti maleeosoo isii isiniif hinmul'isin dura. kuni Rabbirratti laafaadha" hadiid 22.

muslimtoonni ni amanan waan uumamtoota keessatti tahe hundi osoo uumamtoota hinuumin Rabbiin murteesse. aqiidaan tuni yeroo baaragaa akka tasgabbaawan akka gadi dhaabbatan isaan gooti. murtii Rabbi qoma bal'oon qeebalan.

gorfamuufii akeekkatuu.

xiqqeenyaarraa yeroo balaan namatti buute oduu daddabarsuu qofatti shaagalamuu. osoo ittiin hingorfane osoo hinxiinxalline. dhukkubni faca'aan waan ittiin gorfamani kuni sunnaa irraanfatamte, ibaadaa guddoodha. kitaaba hilyatul awliyaa jedhamu keessatti abiiddardaai irraa odeeffamee "xiinxallaan saa'aa takkaa halkan guutuu salaataan dhaabbachurra caalti".

balaafii rakkoon muslimarratti taate gosa heddutti jirti.

١
hamtuu irraa haquufii sadarkaa isaaf olfuudhuu, gabrichi iimaana yaqiinaa, obsa, cichoomina.
٢
yaadachiiftuu: muslimtichi irranfiifii Rabbirraa fagaachurraa dammaqutti haajama
٣
adabbii: yeroo isii tawbatti haajama, Rabbiif ufgadiqabuufii ibaadaa heddummeessuu barbaachisa.

Rabbiif ufgadiqabanii waywaachaa Rabbi kadhachuu.

yeroo musiibaan tuni namatti buute Rabbiif uf gadiqabanii gadi kufanii ufxiqqeessuudhaan kadhachuu. Rabbi dirmachiifachuufbalaan akka irraa deebitu Rabbi kadhachuu. Rabbin akkana jedhe "Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatinGaruu onneen isaanii ni gogdeSheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse" an'aam 43. du'aa'iin dhugaa hulaan samii isiif banamti. girdoo hunda fullaati, fageenya dhiheysiti, Rahmaanitti nama dhiheysiti. "yoo gabroottan kiyya narraa sigaafatan ani isaanitti dhihoodha, kadhaa kadhataa niin awwaadha yeroo inni nakadhate" baqaraa 186. wahbi binu munabbih akki jedhe du'aa'ii burqisiisuuf balaan buuti".

ibnu kasiir akki jedhe "maaliif yeroo qabaan teenya isaanitti dhufte waywaachuu dhaban" maaliif yeroo nuti saniin isaan qabne gama keenya iyyachuu dhaban, "ammoo haajennuu qalbiileen isaanii goggoyde" hin laafte hinjiine, "shexaanni waan isaan dalagan isaaniif bareeche" diliifii shirkirraa.

waan harki keessan dalaydeeti.

tarkaanfii Rabbii sodaatuu dhabanii uf dagurraayi balaafee dhukkuba sanirraa nuti fagoo jirra jedhanii yaaduun. badiin teenyaafii balaan nutti buutu walqabatti. kuni ibsa sharii'aati. Rabbiin akki jedhe "Sila yeroma rakkoon kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan isin mudattu “kun eessaa nutti dhufe” jettuu? “Inni isinuma biraayyi" jedhiDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha." aala imraan 165 ammas akkana jedhe " Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha". shuuraa 30

Rabbiin gabroottan isaatiif tolaadha.

yeroo cinqiin jabbeessitee rakkoon walittidhaabbatte tolli Rabbiin warra iimaattii oolu dirree bahee mul'ata. isaanirraa laaffisuudhaan, hamturraa isaan tiiysuudhaan, waan nama birootti bu'erraa isaan tiiysuun, yeroo rakkoo murtii Rabbiitti obsuufii jaalachuu isaan gaxxamuun isaanitti tola oola. osoo tolli Rabbii jiraachuu baatee silaa qalbiin rifannoota, sodaafii baaragaan guutamti.

saidiin tafsiira aayata tanaatti akki jedhu (Rabbiin kiyya tolaadha waan fedheef) tolaafii arjummaa isaa kara inni hinbeeyneen gabrichatti geessa.waan inni jibbu keessatti sadarkaa olfuudhamtuun isa gaya.

Rabbirratti irkachuu

Rabbi abdachuufii isarratti irkachuun karaa ittiin cinqiifii rakkoo keessaa bahaniidha. furmaata dhihotti tahe dhuga'oomsi. nama naannoo keejiru abdii itti hori, hooddannaafii abdii muratuu dhiisi. rakkoon takka bal'oo lama hininjifattu. "rakkoon wajji bal'ootu jira, rakkoon wajji bal'ootu jira". sharhi 5,6

"isin yaa warri amantan dammaqqii keessan qabaadhaa".

seera Rabbiin uumaa keessa kaayerraa sababaa hayyamamaa taate tan hamtuu ittistu qabaachuudha. nabiyyootaafii gaggaaronnis isii qabatan. kuni guutuu irkannootiifii mirkanii gabrummaadhaati.

hundeen tawakkulaa qalbiin Rabbirratti irkachaa sababaa hojjachuudha. Rabbirratti iirkaachaa sababaa geessuu dhiisuun shari'aa diiguudha, hubannoo faallessuudha. sababaa qofa qabatanii qalbiin Rabbirratti irkachuu dhabuun tawhiida ir'isuudha, sababaa keessatti qindeessuudha.

"jiruun duniyaa tuni qananiidha"

uumama dhokataa warra duniyaarratti jiruu isaanii fi qananii isaanii busheesse,nageenya isaanii, tasgabbii isaanii, juruu isaaniillee busheesse. namni qalbii qabu kan muimina tahe ganda teessumaafii qubannootaa nigodhataa? kan isirratti waru, kan isirratti wal waraanu, qoraan isiirratti kanwal dorgomu.

"yoo muimintoota taatan na sodaadhaa."

veyruusni tuni aayata Rabbiin ittiin gabroottan isaa sodaachisu. isiidhaan hubannoofii gorsatti isaan kakaasa. gabrummaa sodaa jiraachisa. Rabbiin akki jedhu "aayataan hinerginu sodaachisuuf malee" israai 59.

ibaadaa sodaa jiraachisuun aayatoota Rabbiirraayi.

sunnaan nabii aayata Rabbii sodaachuudha. anas nijedhe "yeroo bubbeen hamtuun bubbifte sodaan fuula nabiirraa mul'atti". bukhaarii 1034.

"yogguu raawwate dhaabbadhu".

yeroon mataa qabeenya muslimaati. inni maallaqarra qaali, maallaqa kamirraayyu qaalii. ibnu abbas Nabiin akkana jedhe "qananii lama ilminamaa isii geesstti dagamaadha. fayyaafii yeroo". bukhaarii 6412

namni aqlii qabu yeroo isaa yeroo hunda itti fayyadama. yeroo rakkinaa ammoo kuni nijabeeffama. yeroo isaa waan Rabbiin jaalatuufii tan isatti isa dhiheessitutti fixa. ibnulqayyim akki jedhe yeroo balleessuun du'arra hamtuudha. yeroo balleessuun Rabbiifii ganda aakhiraarra simurti, duuti ammoo duniyaafii warra isiirraa simurti.

shanqiixiin aayata kana keessatti akki jedhe " yogguu raawwatte taaniif dhaabbadhu" furmaata hojii dhabummaa addunyaa jeeqaa jirtuuf. muslimaaf yeroo banaa waan hin dhiisiniif. inni yooka hojii duniyaa yookaa hojii aakhiraa keessatti taha.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi