kutaan ammaa model
Barnoota dhukkubni weyraraan gorsaafii ergaadha.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
dhukkuba weyraraan mokkoruun murtii Rabbii tan namatti buutu muslimaafii kaafira isaaniillee. garuu haalli muslimaa rakkoo kanan wajji akka haala nama birootii miti. inni akka Rabbiin isa ajajetti dhukkuba kana simata, sabbaruudhaan , karaalee ittisaa osoo hinbuunee fayyadamuudhaan, eega buemmoo wal'aansa barbaachisoo fayyadamuudhaan.
vaayrasii xiqqaa maaykirooskoppii malee ijaan hinmul'anneen dhukkubni hamaan addunyaa guutuu miidhe tatamsauun guddinaafii dandeeytii Rabbii nama garsiisa. akkasuma laafinaafii dadhabbii uumamtootaa ibsa. ilmi namaa osoo hangamillee qaroomee, teknoolojii guddaa qabaatellee dadhabbii ilma namaa keessaa hinbahu, Rabbiin dandayaan cimaan isumaa, kan samiifii dachii keessattillee homaa isa hindadhabsiifneedha.
murtiifii hiree
muslimtoonni ni amanan waan uumamtoota keessatti tahe hundi osoo uumamtoota hinuumin Rabbiin murteesse. aqiidaan tuni yeroo baaragaa akka tasgabbaawan akka gadi dhaabbatan isaan gooti. murtii Rabbi qoma bal'oon qeebalan.
gorfamuufii akeekkatuu.
balaafii rakkoon muslimarratti taate gosa heddutti jirti.
yeroo musiibaan tuni namatti buute Rabbiif uf gadiqabanii gadi kufanii ufxiqqeessuudhaan kadhachuu. Rabbi dirmachiifachuufbalaan akka irraa deebitu Rabbi kadhachuu. Rabbin akkana jedhe "Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatinGaruu onneen isaanii ni gogdeSheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse" an'aam 43. du'aa'iin dhugaa hulaan samii isiif banamti. girdoo hunda fullaati, fageenya dhiheysiti, Rahmaanitti nama dhiheysiti. "yoo gabroottan kiyya narraa sigaafatan ani isaanitti dhihoodha, kadhaa kadhataa niin awwaadha yeroo inni nakadhate" baqaraa 186. wahbi binu munabbih akki jedhe du'aa'ii burqisiisuuf balaan buuti".
tarkaanfii Rabbii sodaatuu dhabanii uf dagurraayi balaafee dhukkuba sanirraa nuti fagoo jirra jedhanii yaaduun. badiin teenyaafii balaan nutti buutu walqabatti. kuni ibsa sharii'aati. Rabbiin akki jedhe "Sila yeroma rakkoon kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan isin mudattu “kun eessaa nutti dhufe” jettuu? “Inni isinuma biraayyi" jedhiDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha." aala imraan 165 ammas akkana jedhe " Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha". shuuraa 30
Rabbiin gabroottan isaatiif tolaadha.
Rabbi abdachuufii isarratti irkachuun karaa ittiin cinqiifii rakkoo keessaa bahaniidha. furmaata dhihotti tahe dhuga'oomsi. nama naannoo keejiru abdii itti hori, hooddannaafii abdii muratuu dhiisi. rakkoon takka bal'oo lama hininjifattu. "rakkoon wajji bal'ootu jira, rakkoon wajji bal'ootu jira". sharhi 5,6
seera Rabbiin uumaa keessa kaayerraa sababaa hayyamamaa taate tan hamtuu ittistu qabaachuudha. nabiyyootaafii gaggaaronnis isii qabatan. kuni guutuu irkannootiifii mirkanii gabrummaadhaati.
uumama dhokataa warra duniyaarratti jiruu isaanii fi qananii isaanii busheesse,nageenya isaanii, tasgabbii isaanii, juruu isaaniillee busheesse. namni qalbii qabu kan muimina tahe ganda teessumaafii qubannootaa nigodhataa? kan isirratti waru, kan isirratti wal waraanu, qoraan isiirratti kanwal dorgomu.
veyruusni tuni aayata Rabbiin ittiin gabroottan isaa sodaachisu. isiidhaan hubannoofii gorsatti isaan kakaasa. gabrummaa sodaa jiraachisa. Rabbiin akki jedhu "aayataan hinerginu sodaachisuuf malee" israai 59.
ibaadaa sodaa jiraachisuun aayatoota Rabbiirraayi.
yeroon mataa qabeenya muslimaati. inni maallaqarra qaali, maallaqa kamirraayyu qaalii. ibnu abbas Nabiin akkana jedhe "qananii lama ilminamaa isii geesstti dagamaadha. fayyaafii yeroo". bukhaarii 6412