kutaan ammaa model
Barnoota dhala
shala nyaachuun sharii'aa islaamaa keessatti dilii gorguddoodha.ummata nuduraarrattillee haraam ture. waan hawaasa diiguuf waan dhuunfarrattis rakkoo fiduuf jecha. Rabbiin akkana jedhe "sababaa miidhaa warreen yahuudaa tahan hojjataniif jecha gaggaarii isaanii halaal turte isaanirratti haraam goone. wan hedduu karaa Rabbiirraa nama dhoowwaniif jecha.(160 ) waan dhala fudhataniif jecha, kan irraa dhoowwamanii jiran...." suuraa nisaa'ii 160-161.
wanni hammeenya dhala nyaachuu haalaan ibsu akeekkachiisa hamaa isa keessatti dhufeedha. Rabbiin akkana jedhe " yaa warra amantan Rabbi sodaadhaa dhalarraa waan hafe dhiisaa yoo mu'imintoota taatan. (278) yoo kana hinhojjatin lola Rabbiifii ergamaa isaarraa tahe ufirratti beekaa>>". baqaraa 278-279Rabbiin dhalarraa dhoowwee haraam godhee nama isandhiifnes lola akeekkachiise.
Nabiyyiin s.a.w. haraamummaa isaa akkan gadijabeesse. akka jabatti akeekkachiise jabiir nabiyyirraa odeessee akki jedhe Nabiyyiin dhala nyaataa abaare, nyaachisaa isaatis, barreeessaa isaatis, ragaa lameen isaatis, isaan balleessaa keessatti waluma qixa" jedhe. (muslim 1598).
hiikkaa dhalaa
dhalti akka afaaniitti dabaluu jechuu. sanirra jecha Rabbii oltaheeti "tuutti takka tuuta biroorra hedduu tahuuf) nahli 92 hiikkaan lakkoofsaan hedduu jechuudha.
hiikkaa dhalaa.
akkaa hiikkaa shari'aatti, dhala jechuun waan lama walcaalchisanii walirraa biituufi, wan garii beellama godhanii walirraa bituudha. waan shari'aan dhoowwite keessati.
gosa dhalaa.
dhala dabalataa.
waantoota daliilaan himame keessatti, qabeenya walfakkaatu walcaalchisanii walitti gurguruu, waljirjiiruu, akka timira cima kooboo 1 timira fokkataa kooboo2n jirjiiruu, bituuti.
dhala qaaxaroo.
waan sila harkatti walirraa fuudhuun dirqamaa keessatti qaaxaroo dabaluun taha. gosa lama kawalfakkaatu keessatti walirraa fuudhinsa itti beellamanii walirraa bituudha. qunnaa qamadii qunnaa garbuutti gurguruu beellamaan kan harkaa harkatti hintahin.
murtii dhalaa.
dhalti qur'aanaa, hadiisaafii ijmaa'aan haraamoyte. nawaawiin nijedhe "ribaan haraam tahuufii dilii gurguddorraa tahutti muslimtoonni waliifgalan." majmuu'i 9/391
ogummaa dhalti haraam godhamteef.
1- sossoha daldalaa seera qabeessa jajjabeessuuf, namni dhala nyaatu qabeenya isaa hojii isaafii saba isaa fayyadurratti hinbaasu. kanneen akka qonna, industirii, daldalaa fii kkf.
2-laffaatii malee galii argachuu dhoowwuufi. seerri islaamaa hojii diinaggee akkaataa gara lameen fayyaddurratti kaaye. jarri lachuu waabaasee waa argata. kuni dhala keessa hinjiru.
3-dhalli tola nama jidduu mura. kuni kaayyoo islaamaatiin walfaalleessa. toltuufii gaarii nama jiddutti tamsaasutti ajaja waan taheef.
4- seeran ala fayyadamuu dhoowwuuf. namni dhalaan liqeeysu Rakkoo liqeyfataa laalee seeran ala carraa ittifayyadama.
5- zulmii dhoowwuuf. dalli garalameen keessaa tokko miidha. Rabbiin miidhaa gosa hundaa haraam godhe.
miidhaa dhalaa.
midhaan dhalaa guddoodha.roga jiruu hawaasaatiifii dhuunfaa hunda ufkeessaa qabdi.
1-miidhaa naamusaa lubbuu.
Dhalli bolola nama qabsiisa. qalbii nama giyseeti duniyaa nama gabbarsiisa. nama biroo nama zollomsiisa. laafinna, hiyyummaafii rakkoo namaatti fayyadamee isaan miidha. akkasuma nama maallaqattii haajamu qalbii cabsa. dachiin bal'oon itti rakkatti.
dalli hawaasa diiga, adda babaasee bittinneessa, jabaan laafaa nyaata, bu'aa mataa isaa malee tokkolleenuu walhingargaaru.
3- rakkoo diinaggee.
dalli sadarkaa hundatti akka sirni diinaggee diigamu godha. oomishtummaan hawaasa keessatti nixiqqaata yookaa nibada, mugootni namarra guuta.