kutaan ammaa model
Barnoota dhala
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
shala nyaachuun sharii'aa islaamaa keessatti dilii gorguddoodha.ummata nuduraarrattillee haraam ture. waan hawaasa diiguuf waan dhuunfarrattis rakkoo fiduuf jecha. Rabbiin akkana jedhe "sababaa miidhaa warreen yahuudaa tahan hojjataniif jecha gaggaarii isaanii halaal turte isaanirratti haraam goone. wan hedduu karaa Rabbiirraa nama dhoowwaniif jecha.(160 ) waan dhala fudhataniif jecha, kan irraa dhoowwamanii jiran...." suuraa nisaa'ii 160-161.
wanni hammeenya dhala nyaachuu haalaan ibsu akeekkachiisa hamaa isa keessatti dhufeedha. Rabbiin akkana jedhe " yaa warra amantan Rabbi sodaadhaa dhalarraa waan hafe dhiisaa yoo mu'imintoota taatan. (278) yoo kana hinhojjatin lola Rabbiifii ergamaa isaarraa tahe ufirratti beekaa>>". baqaraa 278-279Rabbiin dhalarraa dhoowwee haraam godhee nama isandhiifnes lola akeekkachiise.
Nabiyyiin s.a.w. haraamummaa isaa akkan gadijabeesse. akka jabatti akeekkachiise jabiir nabiyyirraa odeessee akki jedhe Nabiyyiin dhala nyaataa abaare, nyaachisaa isaatis, barreeessaa isaatis, ragaa lameen isaatis, isaan balleessaa keessatti waluma qixa" jedhe. (muslim 1598).
hiikkaa dhalaa
hiikkaa dhalaa.
gosa dhalaa.
dhala dabalataa.
dhala qaaxaroo.
murtii dhalaa.
ogummaa dhalti haraam godhamteef.
2-laffaatii malee galii argachuu dhoowwuufi. seerri islaamaa hojii diinaggee akkaataa gara lameen fayyaddurratti kaaye. jarri lachuu waabaasee waa argata. kuni dhala keessa hinjiru.
3-dhalli tola nama jidduu mura. kuni kaayyoo islaamaatiin walfaalleessa. toltuufii gaarii nama jiddutti tamsaasutti ajaja waan taheef.
4- seeran ala fayyadamuu dhoowwuuf. namni dhalaan liqeeysu Rakkoo liqeyfataa laalee seeran ala carraa ittifayyadama.
5- zulmii dhoowwuuf. dalli garalameen keessaa tokko miidha. Rabbiin miidhaa gosa hundaa haraam godhe.
miidhaa dhalaa.
1-miidhaa naamusaa lubbuu.
dalli hawaasa diiga, adda babaasee bittinneessa, jabaan laafaa nyaata, bu'aa mataa isaa malee tokkolleenuu walhingargaaru.