barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota aksiyoona

Barnoota kana keessatti waa’ee yaad-rimee aksiyoonaa, fi tumaalee seera Islaamaa keessatti isa waliin walqabatan ni baranna.

Seera Islaamaa keessatti dhaabbatichi maal jechuu akka ta’e beekaa.Gosa dhaabbataa beekuu.Beekumsa kutaalee waliigaltee.Tumaalee dhaabbatichaa tokko tokko beekuu.

sharikaa

kana jechuun fayyadama yookaa hojii keessatti namani lama yookaa sanirra hedduun waliin dalagachuudha. kanduraa fakkiin isaa dhaalmayaa yookaa kennaa keessatti walitti shariikuudha. kanlameessaa bittaafii gurgurtaa keessatti walitti qindaawuudha.

murtii sharikaa

sharikaan hayyamamtuudha. wajji hojiin hundeen isii hayyamamtu waan taateef. akka gabroottan rizqii argatan irratti laaffisuuf Rabbiin hayyame. muslimaafii nama muslima hintahiniin wajjis nitaati.kaafiraan wajjis nitaati garuu seera kopha waan sossoofnerratti.

ogummaa sharikaan karaa godhamteef

namni qabeenya isaa guddisutti haajama. beekkomsaafii dandeeytii waan hinqabneef kopha kana gochuu dadhabuutu mala. yookaa waan maallaqa hinqabneef. akkasumma ummanni proojaktii gurguddatti haajama. tan namni tokko kophaa isaa dhaabbachuuniin ulfaattu. gamtaan kana hunda laaffifti.

gosa sharikaa.

١
sharikaa qabeenyaa.
٢
sharikaa waliigaltee.

sharikaan qabeenyaa gosa lama:

١
shariukaa filannaa.
٢
sharikaa guuttuu.

sharikaa filannaa.

isiin tan hojii nama lamaaatiin wajji jalqaban. akka jaarmaya yookaa hundee qabeenyaa wajji bitachuun isaan jiddutti shariikummaan abbaa qabeenyaa taha.

sharikaa guuttuu.

isiin tan nama lamaa yookaan sanii ol kan hojii isaanii hintahin irraa taateedha. fakkeenyaaf dhaalmaya. wanni dhaalan sun jidduu isaaniitti gamtaa taha.

sharikaa qabeenyaa keessatti hojii shariikotaa.

shariikni lameenuu qoodha obboleessa isaa akka alagaatti laala, hayyamaan malee hinsossoosu. yoo sossoose qooda isaa keessa qofatti taha. yoo saahibni isaa hayyame malee yeroo san hunda keessatti nitaha.

sharikaa waliigaltee.

isiin walitti qabama hojii keessatti tahe akka gurgurtaa, bittaa, kireysuufii kkf.

qooda sharikaa waliigaltee.

١
sharikaa mudaarabaa.
٢
sharikaa fuulaa.
٣
sharikaa gadi lakkifamaa.
٤
sharikaa qaamaa.
٥
sharikaa bakka buufannaa.

sharikaa mudaarabaa

Innis yeroo shariikota lamaan keessaa tokko maallaqa isa kaaniif kafalee, bu’aa isaa keessaa kutaa beekamaa ta’een daldaludha. takka afraffaa ykn sadaffaa fi kan kana fakkaatan, kan hafe immoo abbaa qarshiif deema. Akkasumas maallaqni sun erga seene booda yoo bade bu’aa argame irraa beenyaan kafalama, hojjataa waan tokka irra hin jiru, maallaqni sun irra daddabraa ykn dagannoon malee yoo bade hojjataan wabii hin kennu. Hojjataan maallaqa qabuu irratti amanamaadha, hojachuunii keessatti bakka bu’aadha, hojii keessatti hojjataadha, bu'aa keessatti shariika.

sharikaa fuulaa

Innis namni lama wal shariikuu: kaappitaala osoo hin qabaatin, akka liqiidhaan bitatan - namoota biratti kabaja (fuula) waan qabaniif - maallaqaan gurguran, bu'aa Rabbiin kenneef hunda ni qooddatan, kasaarri uumamus isaan irra jira, isaan lemeenuu bakka bu’aa waliiti, akkasumas bitachuu fi gurguruu fi hojjatuu keessatti wabiidha. sharikaa fuulaa sababni ja'amteef; nama fuula (beekkamtii) qabuuf malee liqiidhaan waan hin gurguramneef.

sharikaa gadi lakkifamaa

isiinis namni lama qaamaa fi maallaqa isaanii beekkamaan yoo hangi adda tahellee wal shariikanii, qaama isaaniitiin ittiin hojjachuuf. kaappitaalli isaan lachuu beekkamuu qaba, bu’aa fi kasaarri isaas akkaataa haal-duree fi waliigalteetiini.

sharikaa qaamaa

isiinis namni lama waan qaama isaaniitiin argataniin wal shariikuudha, ogummaa fi gahee tahus; akka tumtuu, najjaarummaa fi fakkaataa kanaa, takkaa hojii hayyamamaa keessatti; akka qoraanii fi hamaaqa guuruu, waan Rabbi isaaniif kanne akka walii galtee isaanitti adda qooddatan.

sharikaa bakka buufannaa

isiinis shariikonni hundi hojii maallaqaa fi qaamaa sharikaa keessa hunda irratti bakka bu'ummaa guutuu waliif kennuudha; shariikni hundi bittaa fi gurgurtaa keessatti mirga sochii guutuu qaba, fuudhuu fi kennuu, wabummaa fi bakkaa buusuu, liqeeffachuu fi arjoomuu fi fakkaataa kanaa hojii daldalli barbaadu keessattis,

shariikni hundi shariikni isaa hojjatutti dirqama, sharikaan maallaqarraa waan irratti walii galteen godhamteeni, bu'aan isaan jidduutis akka ulaagaa kaayatanitti, kasaarris hanga qooda hundi isaanii qabaniini, sharikaan tun hayyamamtuudha, dharikaalee afran dabarte hunda walitti qabatti, hundi isii hayyamamtuudha; rizqii argachurratti walgargaaruu isii keessa jiruuf, haajaa namaa baasuu fi haqaa fi bu'aan mirkanaawuuf.

bu'aa sharikaa

1- isiin irra caalaa karaa maallaqni itti guddatuu, hojjattoota hojjachiisuu, bu'aa ummataa, rizqii ballisuu fi haqa mirkaneessuuti.

2- argata haraam irraa duroomuu; akka ribaa, qumaaraa fi kana males.

3- karaalee argata hallaal itti baay'isuu; islaamni namni akka dhuunfaa ykn sharikaan argatu hayyamee jiraa.

waan waliigaltee sharikaa balleessu

١
shariika tokkoon sharikaa diiguu.
٢
shariikni tokko du'uu.
٣
shariikni tokko maraachuu
٤
shariikni tokko du'uu fi yeroo dheeraaf dhabamuu; sunis akka du'aati.

utubaa sharikaa

١
shariikota lamaan.
٢
waan irratti waliif galame: innis maallaqa ykn hojii ykn lamaanuu.
٣
dubbii: innis kennuu fi qeebaluu akka barametti.

ulaagaa sharikaa

١
kaappitaalaa fi hojiin hundinuu gama shriikota hundaatiin beekkamuu.
٢
shariika hundaaf bu'arraa qoodni beekkamaa fi ibsamaan jiraachuudha; dhibbentaadhaan ykn tokkoof takka afraffaa ykn sadaffaa haala kanaan kaaniif ammoo waan hafe, haaluma kanaan. ibsamaa tahuu dhabuun sirrii miti; akka tokkoof kumni tahee kaaniif wanni hafe tahuu.
٣
hojiin sharikaa waan shari'aan hayyamtu tahuu, muslimaaf hin hayyamamu sharikaa waan haraam hojjattutti hirmaatuun; akka sijaaraa, hashiisha ykn farshoo, oomishuu fi daldaluu, mannee qumaaraa, sharikaa wallee fii filmii fofokkotaa maxxansituu faa, baankiilee ribaatii fi fakkaataa kanaa waan Rabbii fi ergamaaan isaa haraam gidhan irraa.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi