barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota liqii

barnoota kana keessatti maalummaa liqiitiifii garee seera isaa. heera islaamaa keessatti baratta.

hiikkaa liqii murtii isaatiifii ulaagaa inni ittifayyaa tahu baruu.haala kafaltii yeroo kafaliinsaa baruu.

Rabbiin ogummaa isaatiin hiree jidduu ilmaan namaatti qoode, isaanirraa hiyyeessaafii dureessa jjira. dhabaafii hajamaatu jira. adaan ummataa taate namni walirraa waaliqeeffatee rakkinnaan dabra. diin islaamaa waayee seera liqiirraa ibsaafii barnoota gayaa qaba. Rabbiin irra dheertuu ayata qur'aanaa keessatti waayee liqii bal'innaan dubbate. isiin suuraa baqaraa aayata 282 aayata liqii jedhamtee beekamti.

hiikkaa liqii

inni namaa laafanii maallaqa kennanniifii haajaan bahee yeroo biroo namaadeebissudha.

murtii liqii

liqiin nqmq liqeeysuuf jaalatamtuu. kan liqeeyfatuuf hayyamamtuu. liqeeyfatuun kadhaa jibbamtuu sanii miti. liqeeyfataan maallaqa fudhatee ittiin haajaa bahee deebisa, kanaafuu akka kadhaatti jibbamaa miti.

garuu liqiin yoo liqeeysaaf faaydaa harkifte dhala dhoowwamaa san taati. akka maallaqa liqii kennee faaydaan wajji deebisuuti. akkasuma yoo waliigaltee biroottiin walqabsiises, akka liqiifii gurgurtaa walqabsiisuu, sunis haraami. liqiifii gurgutaan walirratti dhoowwaadha.

ogummaa liqiin karaa godhamteef.

islaamummaan namarratti laaffisuuf liqii karaa godhe, waayee isaanii laaffisuuf, rakkoo isaanii hiikuuf, rakkattoota gargaaruuf, kana hayyame. namni liqeessu Rabbitti dhihaata. hanguma haajaan jajjabduu taateen sawaabni guddata.

liqiin guddos taatee xiqqoon barreeffamuu qabdi, ragaanis itti godhamuu qaba. hangi isii , gosa isii, beellama kafaltii isii barreefamee tiiyfamuu qaba. liqeessaanis nitasgabbaawa. liqeeyfataan du'uun, irraanfachuun, mormuun akka haqxi isaa hinbanne beeka. Rabbiin aayata liqii keessatti akkana jedhe "yaa warra amantan yeroo hanga yeroo beekamaatti liqii walii liqeessitan isa barreessaa. barreessaan jidduu keessanitti haqaan haabarreessuu, akkuma Rabbiin isa barsiiseef barreessaan barreessuu hindidin. haabarreessuu, kan deeyniin irra jirtu jechaan isa haabarreesisiisuu. Rabbii gooftaa isaa haasodaatuu, isarraa akka homaa hinir'ifne".baqaraa 282. Rabbiin aayatuma tana keessatti akkana jedhe "(liqiin) xiqqaa tahus guddaa tahus hanga beellama isaatti barreessuu hinhifatinaa, sun Rabbi biratti haqa, ragaafillee qajeelaadha, shakkuu dhabuu keessaniifis dhihaataadha".baqaraa 282.

ulaagaalee liqii.

١
waliigaltee jechaa kennaafii qeebalaan tahuu. yookaan waan kana bakka bu;uun.
٢
namni liqeessuufii liqeeffatu kanballage, sammuun fayyaa, waabeekaa, filataa kennuufii fudhachuuf mijjaawaa tahuudha.
٣
qabeenyi liqeeffamu kan shari'atti halaalii tahuu.
٤
qabeenyi liqeeyfamu hangi beekamuu.

namni qabeenya namarraa liqeeffate kafaluu niyyaasaatiin murteessuu qaba. osoo kafaluu hinniyyanne dhoowwachuuf qabeenya namaa liqeeyfachuun dhoowwaadha. yogguu yeroon geesse galchhuu qaba. abiihureyrarraa nabiin s.a.w. akki jedhan "namni kafaluu niyyachaa qabeenya namaa liqeeffate Rabbiin irraa kafala. namni balleesuu niyyachaa liqeeyfate Rabbiin isa balleessa." bukhaarii 2387

haala nama liqeeyfatee yeroo kafaltiin geesse.

١
kan qabeenyarraa homaa harkaa hinqabne tahuu. kuni waan deegeef eeggachuun dirqama taha. Rabbiin akkana jedhe "yoo ka deeyniin irra jirtu Rakkataa tahe hanga bal'attuufii eeggachhuutu barbaachisa. sadaqachuutu irra isiniif caala yoo kan beeytan taatan"baqaraa 280.
٢
qabeenyi isaa deeynii isaarra guddaa tahuu. kana deeynii isaa kafaluun isarratti dirqama. namni dureeysi deeynii yeroo geesse kafaluu dhabee tursiisuun zulmiidha. abiihureyrarraa nabiin s.a.w. akki jedhe "dhibaawuun dureessaa zulmiidha".bukhaarii2288 muslim 1564
٣
qabeenyi isaa hanga deeynii isaa tahuu. kuni deeynii kafaaluun isarra jira.
٤
qabeenyi isaa deeynirra xiqqaa tahuu. kuni deegaa jedhamaa qabeenya isaa uggurri irrakaayama, yoo warri deeynii irra qaban hundi yookaa cinaan kana barbaadan, qabeenyi isaa akkuma deeynii isaaniitiin isaaniif qoodama.

murtii maallaqa baankii kaayyachuu.

١
maallaqa baankii islaamaa tan shari'aan hoogganamtu keessa kaayachuun hayyamamaadha.
٢
maallaqa baankii dhalaa keessa kaayyachuun bifuma lama qabaata. 1ffaan kayyatiinsi kan bu'aa irratti argatan tahuu, kuni dhala haraami hinhayyamamu. 2ffaan herrega sossohaa irratti bu'aan malee kaayyachuudha, kunis hinhayyamamu baankicha dhala hojjatatu maallaqaan gargaaruu waan taheef. kana keessaa rakkoon qabatamaan yoo jiraate nibaha. akka namtichi maallaqa isaarratti miidhaa sodaachuutiifii bakka biroo tan sirrii dhabuu isaati. yeroo kana qabeenya tiikfachuuf akka rakkinnaatti nihayyamama.

nama liqeyfatee yeroo kafaltii dabarse mallaqa itti dabaluun adabuun hintahu. dhala taha waan taheef. waliigaltee kanaan jalqabumaawu liqeeyfattuun hantahu. osoo yerorratti kafaluu isaa beekellee waliigaltema kana seenuun hintahu, waliigaltee dhalaati waan taheef.

yeroo liqii kafalan tola ooluu.

yeroo liqii kafalan waan irraguddaa, irra bareedaa irrahedduu kafaluu gaariidha. garuu waliigalee keessa osoo hinjiraatinitti. kuni kafaltii tolchuudha. haala gaariidha. yoo waliigaltee keessa jiraatemmoo dhala haraam taha.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi