kutaan ammaa model
Barnoota Dubartii fi waamicha yeroo ammaa
Baroota dabranii fi irra hedduu qaroomina dabranii keessatti, dubartiin ilaalcha namummaa kamuu hin arganne, inumaa moggatti kan laalamtuu fi gatiin tokko kan hin kennamneef ture, inumaa mirgaa fi gaheen takkalleen isiif hin turre, namummaan isii osoo hin millatamne bitamtee gurguramuu turte, sadarkaa dhiirarraa gadii akka qabdutti laalamaa turte.
Sirni dhimma dubartii xiqqeessuu kun qaroominaa fi aadaa gara garaa keessatti hanga yeroo dhihotti itti fufee jira, biyyoonni lixaa -fakkeenyaaf- sadarkaa jijjiiramaa, olaantumma moototaa fi miidhaa mataskaanaa jalaa bahuu jalqabanis, jijjiiramni kun dubartii fi dhimma isii booda kana malee hin geenye.
Ilaalchi dhukkubsataan kun kallattii lamaan deeggaramaa ture:
Feeylasuufonni jaarraalee durii dubartii tufachaa turan, dhimma isii xiqqeessaa turan, sadarkaa fi mirga isiif hin kaayan, Feylasuufota kanneen keessaa: Soqraaxos, Aflaxuunii fi Aristootil faadha.
Amantii Hinduu keessatti dubartiin abbootii isii hin dhaaltu, tan abbaan manaa irraa du'es isaa wajjiin gubuun dirqama taha isa booda jiraachuu isiif hin wayyu! Yahuudaa fi Nasaaraan ammoo dubartiin isaan biratti sadarkaa gadi aantuu qabdi, isiin madda hamtuu, baddii fi diliiti jachuun yakkamti, akka najisatti laalamti, ilaalchonni kun kitaabban isaanii balleeffame irraa fudhatame, yaa'ilee amantii gaggeeffamaa turte irraa madde, aangoo mataskaanaatii fi qeesotaatiin deeggaramte.
Dhimma dubartiitiin walqabatee yeroo ammaa keessa amantiilee, yaadotaa fi ilaalchonni yaada, hubannoo fi adeemsa ummatootaa irratti dhiibbaa godhan -ammas godhaa jiran- hedduun mullatan.
1- Ammayyummaa fi isii booda
Ammayyummaan ilma namaa jiddu gala waan hunda gooti, wahyii -ergaa samii- irraa bilisa akka tahu murteessiti, inni ifumaaf mataa isaa, naannoo isaatii fi argamaaf hiika kennuu akka dandahu gooti, yaadotaa fi hubannoo fi hiikni san booda bahe irra hedduun ammayyummaa irraa madde.
2- Sammummaa
Dhimma sammuutii fi safara isii ol kaasuu; ilmi namaa jiddu gala waan hundaa tahuu irratti hundaa'uun.
3- Walabummaa fi dhuunfummaa
Ilmi namaa hegeree hawaasummaa isaa akka isaaf taha ja'ee yaadutti murteeffachuu.
Isiin yaada aslii ilma namaatii fi waggaa miliyoonotaaf fooyya'aa dhufee sadarkaa amma irra jiru gahuu isaa himti.
5- Dubartii bilisa baasuu
Yaanni dubartii walaboomsuu Awrooppaa keessatti mullate, bakka dubartoonni cunqursaa fi miidhaa gara garaa keessa turtetti, dhaalmaa dullooman irraa aasxaa walabummaa fi bilisa bahuu ol qabde, dubartiin achitti mirga namummaa fi hawaasummaa fi siyaasaa fi misoomaa baay'ee argattee, garuu gaafiin jaraa seera amantii ykn aadaa kan sirna itti godhu hin qabdu, kanaaf gara amantii fi aadaa irraa bilisa tahuu waamutti jijjiiramte.
Sekulaarizimii fi dubartii bilisa baasuu
Yaadotaa fi waamichoota yaada dubartii bilisa baasuutiin walqabatan keessaa: amantii dhimmoota jireenyaa hunda keessaa baasuu, seekulaarizimii -amantirraa bilisa tahuu- akka sirna jireenyatti hojirra oolchuu, yaadni kun karaa waan fedhii dubartii sakaalu hunda irraa bilisa isii baasuutiin sekulaarizimii waliin wal qabata; keessumaafuu seerotaa fi gajeelfamoota amantii irraa.
Waan dhimmoota jireenyaa bulchuun wa lqabatu hunda amantiin gar gar baasuu jachuudha, waan hunda keessatti ilmi namaa hubannoo madda hojiilee ilma namaa akka tahe amanu irraa ka'uun; siyaasaa fi misoomaa fi hawaasummaa fi kanneen biraatiinis.
7- Saala lamaan walqixxeessuu
Waamichi kun jalqabarratti mirga barnootaa, hojii, mirgoota hawaasummaa fi siyaasaafi kanneen biroo keessatti dhiiraa fi dhaa wal qixxeessuu irratti gadi dhaabbata, garaagarummaa dubartii irratti jira kamuu kaasuu irratti, haa tahu malee waamichi mirga walqixxummaa kallattii jalqabaa sanirraa bahe, garaagarummaa fi waldhabbii dhiiraa fi dhalaa jidduu jiru dhimma kan hin qabne taate, waamicha waan wal hin fakkaanne wal qixxeessuu taate.
Yaada dubartii bilisa baasuu, saala lamaan walqixxeessuu "yaada dubartummaatti" yaamuun moggaasan, yaada kana irraa sochiileen hedduun hojiilee yaadaa fi siyaasaa fi hawaasummaa fi kanneen biraas hojjatan maddanii jiran. Yaadni dubartummaa hojiilee isaa adda addaatiin bobba'ee yaadotaa fi barteewwan hedduu hawaasa keessatti biqilchuu iiratti hojjate.
Duudhaalee yaada dubartummaa
Waliigaltee (Siidaaw)
Jaarmiyaaleen mirga dubartootaatii fi dubartummaa deeggarsa siyaasaa argachuuf laffa'anii jiran, karaa waliigaltee biyyoolessaa Walitti Qabamni Walii Galaa Ummatoota Gamtoomanii bara 1979 garaagarummaa dubartii irra jiru kamuu dhabamsiisuuf baase biyyoonni dhugoomsuutiin, waliigalteen sun waliigaltee (siidaaw) ja'amti.
Ijoo waliigaltee (siidaaw)
waliigalteen walqixxummaa daangaa hin qabne irratti dhaabbatti, dhiiraafi dhalaan waan hunda keessatti walqixa tahuu; siyaasaa fi misoomaa fi hawaasummaa fi ispoortii fi seeraa fi kkf keessatti, ka'umsi kun kan haqa irraa dabe, shari'aa samii, qur'aanaa fi hadiisa, waan sammuun nagayaa fudhattuu fi uumamni sirrii murteessu kan faalleessudha. Qur'aana faalleessuun isaa jacha isa oltaheetiifi {Dhiirti akka dhalaatii miti} [Aali-imraan: 36], ammas jacha isa oltaheetiifi {Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha} [Annisaa'i: 34], ammas jacha isa oltaheetiif {Dhiironni isaan irra sadarkaa qabu}, [Albaqaraa: 228], hadiisa faalleessuun isaa, jacha isaatiifi -rahmataa fi nageenyi irratti haa jiraatuu "Hundi keessan tiisiteedha, hundi keessan waan tiissu irraa gafatamaadha... namtichis mana isaa keessatti tiissiteedha waan tiissu irraa gaafatama, intaltis mana abbaa manaa isii keessatti tiissiteedha waan tiissitu irraa gaafatamtuudha" (Albukhaarii 896, Muslim 1829). Akkaataa namni irra ture faalleessuun isaa, ibsa hedduu hin barbaachisu, garaagarummaan uumama qaamaa fi lubbuu garaagarummaa dandeettii fi gahee jiruu keessatti jiruutii geessuun waan hafa hin qabne, walqixxummaa fi walfakkii guutuu hojii irra oolchuun aslii uumama dhiiraaa fi dhalaa san faalleessa.
Siidaawii fi diinummaa jidduu dhiiraa fi dhalaatti
Siidaawii fi sochiileen dubartummaa hariiroo dhiiraa dhalaa jidduu jirtu akka hariiroo dorgommii fi mormii seenaa daangaa itti godhoo barbaaddutti fakkeessiti, karaan isiin sanitti geessuun walqixxummaa guutuu dhiiraa dhalaa jiddutti godhuuni, garaagarummaan dhiiraa dabalataa kamuu gatii dubartirratti mormii jattuun. Kun ammoo ilaalcha dhiphaadha; hariiroon dhiiraa fi dhalaa jidduu hariiroo walguutiinsaa fi wal deeggarsaati, mormii fi diinummaa miti, lameen isaaniitiifuu gahee fi hojii if dandaheetu jira. walsimannaa fi walguutiinsaan; jiruu bareechuuf, walbeekkumsaa fi jaalalaa fi walmararfannaa galmaan gahuuf, gosa eeguuf: Rabbiin oltahe ni ja'e: {Isin Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne, sabootaafi gosoota isin taasifne akka wal beektaniif jecha. Rabbi biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbi sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha.} [A;hujuraat: 13], Rabbiin oltahe ni ja'e: {Mallattoolee Isaa irraayyi lubbuulee teessan irraa jaartiilee teessan isinii uumuun, akka gara isheetti boqottaniif jecha, gidduu keessanitti jaalalaafi mararfannaa godhe. kana keessa mallattooleetu jira. namoota xiinxalaniif.} [Arruum: 21], Gaheen jireenya garagara tahuun mirgaa fi dirqama keessattis garaagarummaan akka jiraatu dirqamsiisa miidhaa fi cubbuu malee, dirqamni dabalame hundi mirga dabalame if biraa qaba, kanaatu haqa.
Shari'aan dhiiraa fi dhalaa walqixxeessutti ni yaamtii?
Shari'aan walqixxummaa dhiiraa fi dhalaa aslii namummaa fi kabaja uumamaa keessatti murteessite, itti gaafatamummaa fi amaanaa ba'achuu keessatti, addunyaa fi aakhiratti galata galfamuu keessatti, isaan hundinuu haqa fii qabaachuu keessatti, seera gadi dhaabuu fi seeratti murteeffatuu fi haala gaarummaa keessatti, ammas shari'aan garaagarummaa bu'aa qabdu tan isaan jidduu jirtu murteessiti: garaagarummaa uumama qaamaa fi lubbuu isaan qabaniif; dhalaan jihaadatti hin ajajamne qaamni isii waan laafaa taheef, gizee xahaara hin qabnes hin soomantu hin salaattu, mana isii nafaquu dirqama hin qabdu osoo tujjaara taatellee, faallaa kanaa shari'aan jihaada dhiirarratti dirqama goote, dubartii fi ilmaan isii nafaquu dirqama yoo dhiise takkaa irrisi itti gaafatamu irratti goote, dirqamoota dabalataa irra keesse kanaaf mirga dabalataa kenniteef, kunis ijoo walqixxummaati.
Haqqummaa shari'aa dhaalmaya keessatti
Seera shari'aa islaamaa keessatti miidhaan kamuu gama dhaalmayaatiin dubartii irra hin jiru; yeroo garuii dhiiraa gad fudhatti, yeroo garii isaan wal qixa fudhatti, yeroo garii isaa ol fudhatti, yeroo garii isiin ni dhaalti inni hin dhaalu, sun hundi murtii Rabbiin beekuufi, ibsi kanaatis kitaabban warra beekkumsaa keessa jirti.
Akkaataa shari'aan dubartii itti kabajje keessaa
Shari'aa islaamaa keessatti dubartiin kabajamtuudha tiiyfamtuudha, Rabbiin guddate oltahe ni ja'a: {Namni hamtuu hojjate, fakkaattuu isiitiin malee galata hin galfamu. Namni toltuu dalage, dhiiras ta’ee dubartii irraas,odoo amanee jiruu, isaan sun jannata seenan. ishee keessatti herrega malee kennamu.} [Ghaafir: 40], Nabiin -rahmataa fi nageenyi irratti haa jiraatuu ni ja'e: "Dubartiin obboleeyyan dhiiraati" (Tirmizii 113) Waliyyiin dubartii (Abbaa ykn jaarsa isii) bikka jireenya isiitii fi nafaqaa isii itti dirqama, isiin ammoo qarshii takka baasuuf dirqama hin qabdu -fedhii isiitiin yoo tahe malee- hangam yoo qabaattellee, isiin qabeenya isii keessatti akkuma dhiiraati, eenyulleen aangoo maallaqa isirritti hin qabu abba isii tahee jaarsa isii tahee, dubartiin miraga sochii bittaa gurgurtaa fi kireessuu fi walshariikummaa fi qabdii fi qooduu fi ragaa bahuu fi waasummaa fi waliigaltee uumuu hunda qabdi, kana males waliigaltee fi itti gaafatamummaalee jiranis mirga qabdi.