barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota naamusa qaadhimannaa

barnoota kana keessatti waahee qaadhimannaatii fi naamusa isii baranna.

  • hubannoo qaadhimannaa barachuu.
  • garii naamusa qaadhimannaa islaama keessatti.
  • gaarommina islaamaa garii kan qaadhimannaan walqabatu ifa baasu.

qaadhimannaa jachuun gurbaan waliyyii hintalaa fedhii isii fuudhuuf qabu beeysisuu sunnaa Rabbii fi rasuulaa s.a.w irratti.

qananii Rabbii oltahee keessaa qaadhimannaaf naamusa jaalalaa fi filannoo gaarii fi tasgabbitti geessu karaa godhuun, jaarsaa jaartii hunda walsimannaa fi walii galiinsarratti gargaartis.

naamusa qaadhimannaa keessaa

1- muslimni qaadhimannaa muslima biraa irratti qaadhimachuu dhabuu, Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "namtichi gurgurtaa obboleessa isaa irratti akka hin gurgurre, qaadhimannaa obboleessa isaa irratti akka hin qaadhimanne, yoo isaaf hayyame malee" (Bukhaarii 5142, Muslim 1412).

2- qaadhimamtuu laaluu waan nikatti yaamu, wayta Ergamaan Rabbii s.a.w Mughiira binu shu'ubaatiin ja'u wayta inni qaadhimannaa barbaadu: "gama isii laali isi jidduu jaalalti turuutu kajeelama" (Tirmizii 1087) qaadhimataa laaluunis mirga dubartiiti, gariin ulamaa isiitu irra haqa godhata ja'an.

Jaabir bin abdallaah irraa Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "tokkoon keessan wayta hintala qaadhimatu waan isii fuudhutti isa yaamu isirraa laaluu yoon dandahe haa laalu". Ni ja'e: gabrittii takka qaadhimadhee dhokadhee isii laaluun ture hangan waan isii fuudhutti na yaamu irraa argetti, eegasii nin fuudhe. (Abuudaawuud: 2082).

naamusa qaadhimamtuu laaluu keessaa

١
qaadhimataan qaadhimamtuu laaluu dhabuu erga fuudhaaf murannoo dhugaa murate malee.
٢
isii laaluun isaa qaadhimannaa dura tahuu qaba, qaadhimannaa dhiisuun akka isitti hin ulfaannef yoo isiif tahuu dhabde.
٣
laalcha irra daddeebiin laaluun ni taha hanga qaadhimataan waan arge jaalatuu isaa itti tasgabbaa'utti.
٤
fedhiin qaadhimataa wayta taate irra deebi'ee laaluu irraa if dhoorga; isiin isaaf amallee ajnabii waan taateef.

3- naamusa qaadhimannaa barbaachisaa keessaa dhiiraa fi dubartiin filannoo isaanii tolchuudha, hundeelee sirritti deebi'an tan gama isiitiin mana ziqii fi nageenyaa fi tasgabbiin jirtu uumtu hayyama Rabbiitiin.

4- naamusa qaadhimannaa keessaa gurbaan hintala deessuu fuudhuuf kajeeluudha hortee gaarii heddummeessuuf, wayta Ergamaan Rabbii s.a.w dhaamu ni ja'e: "jaalattuu fi hortuu fuudhaa; an heddummina keessaniinin ummatatti dhaadadha" (Abudaawuud 2050).

5- marii fi istikhaaraa fi du'aa'iidha, muslimni Rabbii isaa qulqullaawaa istikhaaraa godha ni kadhatas, warra hubannootii fi qajeelloo mariisisa amrii hunda keessatti, murtiin fuudhaa jireenya namaa keessatti yaachisaadha, waan ia dura jiru marii fi istikhaaraa fi du'aa'ii irraa akkaan isa gaafatti.

6- gamni lamaan haalaa fi waan jiru hunda ibsuu keessatti iftoominaa fi dhugaa irraa sadarkaa ol'aanaa irra tahuudha, hanqina tokko dhoysuun hin tahu, yookiin waan fuudha booda fuuldura hariiroo isaanii irratti dhiibbaa qabu beekaa kijibuu fi fakkeessuun.

7- seerotaa fi ulaagaalee shari'aa tan qaadhimannaan walqabattu eeggachuu, isiin beellama fuudhaati malee fuudhaa miti, harka walfuudhuu fi kophaa waliin bahuu fi jacha lallaaffisuu yookiin urgeeffachuu fi qaadhimataaf babbareeffachuun hin tahu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi