barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota haqa haadhaa abbaa

barnoota kana keessatti hubannoo haadhaa abbatti tola ooluu fi waan isatti rarra'u garii baranna.

  • guddina sadarkaa haadhaa abbaa islaama keessatti ibsuu.
  • haadha abbatti tola ooluu irratti kakaasuu, isaanitti jallatuu irraa dinniinuu.
  • dirqamoota ilmaanii yaachisoo gama abbootitti beeysisuu.
  • garii naamusa haadhaa abbaa wajjiin jiraachuu ibsuu.

sadarkaa haadhaa abbaa islaama keessatti

islaamni haadhaa abbaa kabajaa guddoo kabaje, isaanitti toluu waan islaama keessaa guddaatiin walitti qixxeesse, innis Rabbi tokkoomsuudha, Rabbiin oltahe ni ja'e: Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira. [Alisraa'i: 23 ]. Rabbiin oltahe haadhaa abbaa sababa ilmaan itti argaman godhe, ilmaan hanga fehdhe laffa'anis galata haadhaa abbaa galchuu hin dandahan, laffaatii fi rakkinaa fi miidhaa isaanirratti arganiif kafaluu hin dandahan, gammchuu ilmaan isaaniitiif hirriba dhabuu, dhaabbachuu fi hafuura dhabuu isaanii, isaan eeguu fi kunuunsuuf jacha.

haqqummaa Rabbii oltahee keessaa haadhaa abbaaf ilmaan isaanii irrratti haqa murteesseef, isaan kunuunsuuf laffaatii faarfamtuu godhanii ammas godhaa jiran saniif galata akka taatuuf, Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamne. [Ankabuut: 8], ni ja'e ammas: Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. [Luqmaan: 15]. sahaabaan tokko wayta Nabii s.a.w gaafatu: yaaa Ergmaa Rabbii, namni shariikummaa tiyya irra haqa godhatu eenyu? ni ja'e: "haadha teeti" ni ja'e: eegasii hoo? ni ja'e: "eegasiihis haadha teeti" ni ja'e: eegasii hoo? ni ja'e: "eegasiihis haadha teeti" ni ja'e: eegasii hoo? ni ja'e: "eegasiihii abbaa keeti" (Bukhaarii 5971, Muslim 2548).

sadarkaa haadhaa abbatti tola ooluu

haadhaa abbatti tola ooluun ilmaanirratti dirqamaa fi ijoodha, isaanitti tola ooluu keessatti galataa fi mindaa guddaatu jira, sababa barakaa fi rizqii fi toltuu addunyaa keessaa hundaati, sababa guyyaa boodaa jannata itti seenani, Nabii s.a.w ni ja'e: "funyaa isa lafa haa rigu, eegasii funyaa isa lafa haa rigu, eegasii funyaa isa lafa haa rigu. ni ja'ame: eenyu yaa ergamaa Rabbii? ni ja'e: nama haadhaa abbaa isaa guddina keessatti dhaqqabee, tokkoo isaanii yookiin lamaan isaanii, eegasii jannata hin seenin" (Muslim 2551).

haadhaa abbatti tola ooluun irra caaltuu fi Rabbi biratti irra jaalatamtuu dalagaati; Abdallaa ibnu Mas'uud Rabbi irraa haa jaalatuu Nabii s.a.w ni gaafate: dalagarraa tamtu Rabbi biratti irra jaalatamtuudha? Ni ja'e: "Salaata yeroo isirratti" ni ja'e: eegasii tami? ni ja'e: "eegasii haadha abbatti tola ooluu" ni ja'e: eegasii yoo? ni ja'e: "karaa Rabbii keessatti duuluu" (Bukhaarii 527, Muslim 85).

haadha abbatti tola ooluun duula irra caalti, gurbaan tokko Nabitti s.a.w dhufee ni ja'e: nin duulaa? ni ja'e: haadhaa abbaa qabdaa? ni ja'e: ee, ni ja'e: "isaan lamaan keessatti qabsaawi" (Bukhaarii 5972, Muslim 2549).

haadhaa abbatti jallachuu

haadhaa abbatti jallachuun dilii gurguddoo fi kabaa'ira irraahi, hadiisa keessatti Nabiin s.a.w ni ja'e: "irra guddoon badii: Rabbitti qindeessuu, haadha abbatti jallachuu...hadiisa" (Bukhaarii 6919, Muslim 87).

dirqama ilmaanii gama haadhaa abbatti

١
tolturraa waan isaan ajajan tole jachuu waan dandeettii isaanii waan taheen, ammoo yoo baditti ajajan tole hin ja'aman isii keessatti, uumamni badii khaaliqaat keessatti tole hin ja'amu.
٢
toltuun isaan shariikuu yoo ilmatti balleessanillee, Rabbitti qindeessuu fi ibidda keessatti turutti yaamuu irra balleessaan guddoon ni jirtii? sanumaa wajjiin Rabbiin oltahe ni ja'e: Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. [Luqmaan: 15].
٣
isaan toohachuu fi isaanitti toluu, sunis walumaa gala toltuu fi tajaajilaa fi tole jachuu dhiheessuuni, isaan jaalachuu fi irra gaarii amalaatii fi naamusaatiin isaanii wajjiin jiraachuu wajjiin, Rabbiin oltahe ni ja'e: Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira. [Alisraa'i: 23].
٤
isaan miidhuu dhabuu fi miidhaa xiqqoonillee isaanitti dhabuu, "uff" isaaniin ja'ullee yoo taaate, guddina isaanii keessa taatullee, Rabbiin oltahe ni ja'e: oo sibiratti tokkoon isaanii yookiin lamaanuu sadarkaa dullummaa irra ga’an, ish (jecha hifannaafii tuffii) isaaniin hin jedhin. Isaaniin hin lolin. Jecha kabajaa isaaniin jedhi. [Alisraa'i: 23].
٥
koola gad qabachuu fi isaan biratti if gad qabu, akkauma Rabbiin tahe oltahe ja'e: Isaaniif koola (qoochoo) xiqqeenyaa rahmatarraa kantahe isaaniif gadi qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi. [Alisraa'i: 23].
٦
yeroo hunda isaan galateeffatuu fi galata isaanii himuu irra jirra jiraadhu, Rabbiin oltahe ni ja'e: Namaaf haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaa dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti, “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi, Deebiin gara kiyyatti” (jechuun isa ajajne). [Luqmaan: 14].
٧
waan gaggaariin isaanirratti baasu. Nabiin s.a.w ni ja'e: "sii fi qabeenyi keetis ka abbaa keetiti, ilmaan keessan irra gaarii waan isin qabdaniiti, waan ilmaan keessan argatan irraa nyaadhaa" (Abudawud 3530).
٨
Jiruu isaaniitii fi du'a isaanii boodas du'aa'ii isaaniif godhuu, Ergamaan Rabbii s.a.w s.a.w ni ja'e: "ilmi namaa hogguu du'e hojiin isaa waa sadi malee addaan citti: sadaqaa jaariyaa, beekkumsa itti fayyadamamu, ilma gaarii isaaf kadhatu" (Muslim 1631).
٩
saahibban haadhaa abbaa dua'a isaanii booda kabajuu, Nabiin s.a.w ni ja'e: "irra gaariin toltuu ilmi warra abbaan isaa jaalatu maxxanfatuudha." (Muslim 2552).

naamusa haadhaa abbaaf dirqamtu

١
tolchanii isaan dhaggeeffachuu fi oduu isaanii caqasuu fi waan takkaanillee irraa shaakalamuu dhabuu akka bilbilaa fi kana males.
٢
osoo isaan hin gaafatin waan isaan jaalatan godhuuf dorgomuu, waan isaan aarsu hunda osoo isaanitti hin dhufin deebisuu.
٣
yaamicha isaanii dafanii awwaachuu, awwaachuu fi turuu dhubuun jaalala garsiisuu.
٤
yoo tokkoon isaanii dogongora hojjate nasihaa lallaaftuu fi hayyuu isaaniif dhiheessuu.
٥
miidhaa fi jabeenya haadhaa abbaa -yoo argame- obsaa fi toltuu fi kabajaan qeebalu.
٦
mataa jabaachuu fi mormuu dhabuu.
٧
fuula isaanii duratti gammaduu heddummeessuu.
٨
isaaniin mari'achuu, dhimma dhuunfaa keessatti isaan hirmaachisuu, yaada isaanii kabajuu.
٩
haasawaa fi marii isaaniif godhuu kajeeluu, dhimma jiruu guyyaa guyyaanii keessattis yoo kun isaan jaalachiisa tahe.
١٠
sababa ilmaltuutiin yoo adda bahan, ilmi yeroo hunda isaanii wajjiin wal quba qabaachuu fi isaan toohachuu qaba.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi