barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Fira Maxxansuu

Barnoota kana keessatti hubannoo fira maxxansuu islmaamummaa keessattii fi waan isaan walqabatu baranna.

  • Hubannoo fira maxxansuu baruu
  • Barbaachisummaa fira maxxansutii fi isii muruu irraa dhoorkuu.
  • Akkaataa fira itti maxxansan garii ibsuu.
  • Sadarkaa fira maxxansuu garii ibsuu.

Hiikkaa fira maxxansuu

Isiin nama sitti dhihoo toltuu wajjiin qoodachuu fi, isaanitti toluu, isaaniif yaaduu, isaaniif laafuu, isaan ziyaaruu fi haala isaanii toohachuu, haajamaa isaaniitiif kennuu.

Barruuleen Qur'aanaa fi sunnaa Nabii fira maxxansuu irratti kakaasuu fi isii muruu haraam godhuun dhufte, Rabbiin oltahe kaafira wayta ibsu ni ja'e: [Isaan] warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin fufamuu isaatti ajaje muranii, dachii keessatti badii raawwataniidha. Warri sun hoonga’oon isaanuma. [Baqaraa: 27], Inni oltahe ni ja'e: Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii? [Muhammad: 22].

Nabiin s.a.w ni ja'e: "namni Rabbii fi guyyaa boodatti amanu fira isaa haa maxxansu" (Bukhaarii 6138), ammas ni ja'e: Rabbiin uumama ni uume, hanga uumaa isaa raawwatutti, gadaamessi ni jatte: kuni iddoo isa muramurraa sitti maganfateeti, ni ja'e: ee, isa si maxxanse akkan maxxansuu fi isa si si mure akkan muru hin feetuu? ni jatte: ee yaa Rabbi, ni ja'e: sun siifi. Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: yoo feetan qara'aa: Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii? [Muhammad: 22]" (Bukhaarii 5987), Muslim 2554).

Shari'aan fira maxxansutti ajajje akkaataa firummaa fi dhiheenyaatiin.

fira maxxansuu dirqamaa

isiin fira mahaarimaa maxxansuudha akka; haadhaa abbaa, ilmaan, obboleeyyan, adeerranii fi eessumman, adaadaawwanii fi haboowwanii.

rahima maxxansuu jaalatamtuu

isiinis rahima mahaarima hin tahin maxxansuudha akka; ilmaan adeerranii fi eessummanii, fi akkanumatti.

akkaataa fira itti maxxansan

fira maxxansuun fuula tolinaa irraa waan dandahame dhaqqabsiisuun taati, fuula hamtuu irraa waan dandahame deebisuun taati, akkaatuma dandeettiitiin. Nageenyaa fi haasawaan tahuu dandaha, maallaqaa fi haajaa irratti gargaaruunis, miidhaa deebisuunis, fuula ifuu fi kadhaadhaanis, kana maleenis.

Fakkeenya fira maxxansuu

١
bilbilaan dubbisuu, yookiin ergaa bilbilaa erguu, karaa intarneetiitiinis.
٢
horii baasuun; nafaqaa dirqamaatiin, nama nafaqaan isaa dirqama irratti hin taaneef zakaa kennuu, yookinn sadaqaa, kennaa, wabummaa, dhaamsaan.
٣
gammachuu kessatti hirmaatuu, gadda keessatti jajjabeessuu.
٤
ziyaaraa.
٥
yaamicha awwaatuu.
٦
dhukkubsataa laaluu.
٧
janaazaa jala deemuu.
٨
jidduu walii tolchuu.

sadarkaa fira maxxansuu keessaa

١
firri akka wal jaalatuu fi hariiroon matii isaan jiddutti akka jabaattu gochuu.
٢
rizqii ballisuu fi umrii dabaluu.
٣
Rabbiin oltahe nama fira isaa maxxansu maxxansuu.
٤
sababa jannata ittii seenan tahuu.
٥
isii keessa ajaja Rabbii tole jachuu fi jaalala isaa argachuun keessatti jiraachuu.

1- isiin firri wal jaalachuu fi hariiroon maatii cimuuf sababa

Ergamaan Rabbii ni ja'e: "gosa teessan irraa waan fira keessan ittiin maxxanfattan baradhaa, fira maxxansuun warra keessatti jaalala, qabeenya keessatti heddummina, faana keessatti irkoodha" (Tirmizii 1979)

2- isiin rizqii ballisti umrii idaatis

Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "Namni akka rizqiin isaa isaaf banamtu jaalate, faana isaa keessattis akka utubamu, fira isaa haa maxxansu" (Bukhaarii 2067, Musilm2557).

3- Rabbiin oltahe nama fira isaa maxxanse maxxansuu

Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: Rabbiin uumamtoota uumee, handa uumaa isaa raawwatutti, gadaamessi ni jatte: kuni iddoo isa muramurraa sitti maganfateeti, ni ja'e: ee, isa si maxxanse akkan maxxansu, isa si mure akkan muru hin jaalattuu? ni jatte: ee yaa Rabbi, ni ja'e: suni siifi" (Bukhaarii 5987, Muslim 2554).

4- Fira maxxansuun sababa jannata seenuuti

Gurbaan tokko Nabii s.a.w hojii jannata nama galchitu irraa gaafate, isaan ja'e: "Rabbi gabbarta humaa ittin qindeessitu, salaata gad dhaabda, zakaa kennita, fira maxxansita" (Bukhaarii 1396, Muslim 13).

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi