Barruuleen Qur'aanaa fi sunnaa Nabii fira maxxansuu irratti kakaasuu fi isii muruu haraam godhuun dhufte, Rabbiin oltahe kaafira wayta ibsu ni ja'e: [Isaan] warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin fufamuu isaatti ajaje muranii, dachii keessatti badii raawwataniidha. Warri sun hoonga’oon isaanuma. [Baqaraa: 27], Inni oltahe ni ja'e: Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii? [Muhammad: 22].
Nabiin s.a.w ni ja'e: "namni Rabbii fi guyyaa boodatti amanu fira isaa haa maxxansu" (Bukhaarii 6138), ammas ni ja'e: Rabbiin uumama ni uume, hanga uumaa isaa raawwatutti, gadaamessi ni jatte: kuni iddoo isa muramurraa sitti maganfateeti, ni ja'e: ee, isa si maxxanse akkan maxxansuu fi isa si si mure akkan muru hin feetuu? ni jatte: ee yaa Rabbi, ni ja'e: sun siifi. Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: yoo feetan qara'aa: Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii? [Muhammad: 22]" (Bukhaarii 5987), Muslim 2554).
Shari'aan fira maxxansutti ajajje akkaataa firummaa fi dhiheenyaatiin.
fira maxxansuu dirqamaa
isiin fira mahaarimaa maxxansuudha akka; haadhaa abbaa, ilmaan, obboleeyyan, adeerranii fi eessumman, adaadaawwanii fi haboowwanii.
rahima maxxansuu jaalatamtuu
isiinis rahima mahaarima hin tahin maxxansuudha akka; ilmaan adeerranii fi eessummanii, fi akkanumatti.
akkaataa fira itti maxxansan
fira maxxansuun fuula tolinaa irraa waan dandahame dhaqqabsiisuun taati, fuula hamtuu irraa waan dandahame deebisuun taati, akkaatuma dandeettiitiin. Nageenyaa fi haasawaan tahuu dandaha, maallaqaa fi haajaa irratti gargaaruunis, miidhaa deebisuunis, fuula ifuu fi kadhaadhaanis, kana maleenis.
3- Rabbiin oltahe nama fira isaa maxxanse maxxansuu
Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: Rabbiin uumamtoota uumee, handa uumaa isaa raawwatutti, gadaamessi ni jatte: kuni iddoo isa muramurraa sitti maganfateeti, ni ja'e: ee, isa si maxxanse akkan maxxansu, isa si mure akkan muru hin jaalattuu? ni jatte: ee yaa Rabbi, ni ja'e: suni siifi" (Bukhaarii 5987, Muslim 2554).