barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota uffata duabartii muslimaa

barnoota kana keessatti wantoota barbaachisoo uffata dubartiitiin walqabatan baranna.

  • qananii Rabbiin uffataa fi bareedinaan nurratti oole baruu.
  • ogummaa shari'aa islaamaa waahee uffata  dubartiitiin walqabatu baruu.
  • ulaagaalee dirqamaa hijaaba shari'aa keessatti jiraachuu qabdu baruu.
  • daangaa waan dubartiin muslimaa namoota gara garaatti mullisuu dandeessuu.

qananii uffataa

uffanni qananii guddoo Rabii oltahe irraahi tan Rabbiin namarratti oole; isaani namni qaama isaa sattara oowwaa fi qabbanarraa waan birarraas itti tiiysa, akkasuma bareedinaa fi faaya. Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne). [ala'araaf: 26]. uffatarraa waan dhiiraa fi duabartii hundarratti dirqamaatu jira, innis waan awraa sattaaru, isarraa ammas waan bareedinaa fi faayaatu jira sagantaa akka aruuzaa fi iidaa fi kanneen biraatiifis.

murtiileen shari'aa uffata dubartiitiin walqabatan gahee guddaa mirkaneessiti; gama dubartiitiin iccitii isii isiif dhugoomsiti, laalcha dhiiraa irraa isii tiiysiti, gochootaa fi jachoota baalagee irraa isii eeydi, akkasuma uffanni shaari'aa dubartii ni uffisa: tasgabbii fi nageenyaa fi kabajaa fi ulfina, san hunda dura dubartiin uffata shari'aa qabachuun isiitiin Rabbiif gabrummaa fi if gadi qabuu isiiti agarsiifti, ajaja isaa fudhachuu fi waan irraa dhoorke irraa dhoorkamuu isiitiin, saniin haqagodhatti barakaa isaatii fi kennaa isaatii fi rahmata isaa quluqullaawee.

sadarkaa hawaasatti ammoo, ufafnni dubartii kan shari'aa ykn hijaabni isii hawaasa guutuuf fitnaa irraa tika, nageenyaa fi tasgabbii miseensota isaa hundaaf tursiisaadha, fitnaan hogguu buute hawaasa guutuu diiydi dhiiraa fi dhalaa isaatiin, eegasii tokkummaan maatii tii fi nageenyii fi tasgabbiin isii ni boorawa inumaa baduu dandaha, kunis waan biyyoota hedduu keessatti mullataa jiru.

ulaagaalee hijaaba dubartii muslimaa

١
qaama guutuu sattaruu akka jacha ulamaa garitti, yookaa fuulaa fi shanacha lameen malee waan jiru sattaruu akka jacha gariitti.
٢
mataa isaatiif faaya tahuu dhabuu.
٣
furdaa waan isa jalaa hin mllisne tahuu,
٤
ballaa dhibbataa hin tahin, qaama qaama isii kan hin garsiifne.
٥
urgeeffamaa kan hin taane.
٦
uffata dhiiraa akka hin fakkaanne.
٧
uffata dubartii kaafiraa akka hin fakkaanne.
٨
uffata beekkamtii akka hin taane.

1- qaama sattaruu

Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. [alahzaab: 59], fuulaa fi shanacha dhoysuu keessatti ulamaan waldhaban gariin isaanii ni ja'an: dirqama, gariinis ni ja'an: jaalatamaadha, garuu isaan hundinuu waan san malee jiru dhoysuun dirqama tahuu irratti waliif galan.

2- akka ifiif faaya hin taane

kunis walumaagala jacha Rabbii keessa seena: faaya isaanii akka hin mullisne. [nuur: 31].

3, 4- ballaa fi furdaa tahuu

ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "garee lama warra ibiddarraa hin argine, orma halnagaa akka gaafa horii qaban tan nama ittiin tuman, ammas dubartoota uffata qabdu tan garuu qullaa jajalloo jallattuu, mataan isaanii akka dalluu gaalaa jajallattuu, jannata hin seenan foolee isiitis hin argan, fooleen isii fageenya akkasii irraa aragamti" (muslim 2128). usaamaa ibnu zeyydii irrraa rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: ergamaan Rabbii s.a.w na uffise uffata qibxii haphii dihyatal kalabiin kenneef, haadha manaa tiyyan uffise, ergamaan Rabbii s.a.w naan ja'e: "maaliif uffata qibxii hin uffatin?" nin ja'een: yaa ergamaa Rabbii, haadha manaa tiyyan uffise, eergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "waa jalaan akka godhattu ajaji, hanga lafee isii akka hin garsiisnen sodaadhe" (ahmad 21786).

5- urgeeffamaa tahuu dhabuu

ergamaan Rabbii ni ja'e: "hintalti tamuu tan urgeeffattee akka urgaa isii arganiif orma tokko cinaan dabarte zinaa daleydee jirti" (nasaa'ii: 5126)

6- uffata dhiiraa fakkaachuu dhabuu

ibni abbaas irraa Rabbi iraa haa jaalatuu ni ja'e: "ergamaan Rabbii s.a.w ni abaare dubartirraa dhiiratti fakkaattota, dhiirarraa dubartitti fakkattota" (bukhaarii 5865).

7- uffaata dubartii kaafiraa akka hin fakkaanne

shari'aa keessatti murta'ee jira muslimtootaaf akka hin hayyamamne -dhiiraa fi dubartiinillee- kuffaaratti fakkaachuu ibaadaa fi ayyaana isaanii keessatti, uffata isaanii keessatti, jacha ergamaa Rabbiitiif s.a.w: "namni orma tokkotti fakkaate isaanumarraahi" (abuudaawuud 4031).

8- uffata beekkamtii akka hin taane

jacha ergamaa Rabbiitiif s.a.w: "namni uffata beekkamtii addunyarratti uffate, Rabbiin guyyaa qiyaamaa uffata xiqqeenyaa isaan uffisee eegasii ibidda itti qabsiisa" (ibnu maajah 3607). uffanni beekkamtii: uffata ittiin nama keessatti beekkamuu itti fedhan hunduma.

ulaagaaleen dabran uffata dubartii muslimaa yeroo manarraa baatuutiin walqabatti, yookiin yeroo bakka dhiirti jirtutti argamtu mahrima isii malee, ulaagaalee kana mahaarima isii birattii fi dubartii akka isii cinatti dirqamaa miti, haala kana keessatti urgeeffachuu fi bareedina isii garii mullifachuun isiif hayyamama ulaagaalee murtooytuun.

if mullisuu

innis dubartiin bareedina isii irraa faayaa fi bareedina isii kan sattaruun isirratti dirqamaa mullisuudha.

uffata dubartii muslimaa nama isii cinaa jiru biratti

١
uffata isii nama ajnabii duratti (mahrima kan hin tahin).
٢
uffata isii mahrima isii kan dhiiraa cinatti.
٣
uffata isii dubartoota muslima hin tahin biratti.
٤
uffata isii dubartoota warra kitaabaa biratti.

uffata dubartii muslimaa nama ajnabii (kan mahrima hin tahin) biratti

inni hijaaba shari'aa tan Rabbiin oltahee fi ergamaan Rabbii s.a.w itti ajajani, tan ulaagaalee isii himne san.

uffata dubartii muslimaa mahrima isii kan dhiiraa cinatti

isaan duratti qaama isii guutuu sattaruun irratti dirqama, waan yeroo baay'ee irraa mullatu malee; akka mormaa, rifeensaa fi faana lameenii, fuulaa fi shanacha lamaan cinatti. Rabbiin oltahe ni ja'e: Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu; miidhagsituu isaanii dhiirsoowwan isaaniif malee akka hinmul'ifne, yookiin abbootii isaaniif, yookiin abbootii dhiirsoowwan isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsoowwan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii. [annuur: 331].

uffata dubartii muslimaa dubartoota muslimaa cinatti

isirratti dirqama taha -akkuma haala mahrima isii sanitti- qaama isii guutuu sattaruun waan yeroo bayy'ee mullatu malee; akka morma, rifeensaa fi faana lameen, fuulaa fi shanacha lamaan cinatti, Rabbiin oltahe ni ja'e: Jedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu; miidhagsituu isaanii dhiirsoowwan isaaniif malee akka hinmul'ifne, yookiin abbootii isaaniif, yookiin abbootii dhiirsoowwan isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsoowwan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an). [annuur: 31], jachi isaa: (dubartoota isaanii) jedhu dubartoota mu’uminootaa jechuudha.

uffat dubartii muslimaa dubartoota warra kitaabaa cinatti

isirratti dirqama taha -akkuma haala dubartoota muslimaa cinattii sanitti- qaama isii guutuu sattaruun waan yeroo bayy'ee mullatu malee; akka morma, rifeensaa fi faana lameen, fuulaa fi shanacha lamaan cinatti; sunis duabrtoonni warra kitaabaa haadha mu'umintootaa irratti seenuu turan, ergamaan Rabbii s.a.w hijaaba uffachutti isaan ajajuun hin dabarfamne.

gosoota dubartii muslimaatii fi faaya isii haraamummaa fi halaalummaa isaaniitiin

١
uffataa fi faaya hayyamamaa.
٢
uffataa fi faaya jaalatamaa.
٣
uffataa fi faaya dhoorgamaa.

uffataa fi faaya dubartii hayyamamaa

asliin uffataa fi faaya keessatti hayyamamummaadha, san keessaa waan shari'aan haraamiin keessaa baafte malee; dubariif ni hayyamama uffata gosa hundarraa uffachuun, bifa isiitii fi carqii isiitirraa, gosa faayaa hayyamamaa hundarraa faayamuun bareedinaa fi shittoo fi meeshaa bareedinaa irraa, miidhaa kan irratti hin qabne tahuu wajjiin, kuuffaaratti fakkaachuun kan keessa hin jirretti, isii tolchuu keessatti waan haraam kan hin fayyadamin; akka cooma booyyee faa.

uffataa fi faaya jaalatamaa

isaanis waan shari'aan jaalatamuu isaatiin dhufte hundaatu itti fedhama, akkasuma waan dubartiin jaarsa isii jaalachiisuu fi isaaf jaalatamuuf uffattee ittiin faayamtu, waan haraam tahuu dhabuu wajjiin.

uffataa fi faaya dhoorkamaa

isatti ni fedhama; cufa waan shari'aan haraam gootee irraa dhoorkitee uffataa fi faayarraa, shari'aan haraam gootee, yookiin ulaagaa shari'aan keesse itti ajajje faallessaa tahee, akka yahuudaa fi nasaaaraa faallessuu, dhiiratti fakkaachuu dhabuu fi kana males.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi