barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Hiikkaa suuraa faatihaa

Suuraa faatihaa qara'uun roga irra jajjabaa salaataa tan isiin malee salaanni hin argamneeti. barnoota kana keessatti hiikkaa aayatoota suuraa guddoo tanaati baratta.

Hiikkaa aayatoota suuraa faatihaa barachuu.

hiikkaa suuraa faatihaa.

suuraa faatihaa qara'uun arkaana jabaa salaanni isiin malee hintaaneedha.

Rabbiinin faarsa sifaafii hojii isaa hundaan, qananii isaa tanmul'attuufii tan dhokatturrattis jaalalaafii kabajaan wajji. Rabbi jechuun kan hunda uumee garagaggalchu kan qabuufii kan qananiisuudha. aalamiin jechuun uumaamtoota waan Rabbi malee jiru maleeykaa, nama, jinniifii bineensota.

maqaa lama kan maqaa Rabbiirraa tahe. Rahmaan kan rahmata bal'aa waliigalaa uumamtoota hundaaf godhu. Rahiim kan rahmanni isaa gabroottan muimintoota kophatti geessu jechuudha.

kan guyyaa galataa fii qorannoo qabu, kan isa keessatti akkafede hojjatu. kana keessatti muslima guyyaa qiyaamaa yaadachiisuutu keessa jira. akkasuma guyyaa saniif hojjachuu.

yaa Rabbii keenya suma qofa gabbarra, gosa ibaadaa kamiyyuu keessatti tokkollee sitti hinqindeessinu, waayee keenya hunda keessatti suma qofa gargaarsifanna, amriin hundi harkuma keeti jirti tokkolleen waatakka harkaa hinqabu.

yaa Rabbi nuqajeelchi karaa qajeelarra nukaayi, irratti gadi nudhaabi hanga siin walgeenyutti. kara qajeelaa jechuun diin islaamaati. mul'ataa jaalalaafii jannata Rabbiitiin nama gayu. kan caalaafii quxisuun nabiyyoota muhammad s.a.w. itti yaame. gabrichi yoo diin kanarratti gadidhaabbate male milkii waaraa hinargatu.

karaa warra qajeelloo fii gadidhaabbanaan qananiiftee, nabiyyootaafii qajeeltotarraa kan tahan, kanneen haqa bekaanii jala deeman. karaa warra itti dallanteerraa nufageessi. isaan warra haqa beekee itti hojjachuu dide. karaa warra jallateerraayis nufageessi, isaan warra wallaalaaf haqarraa fagaate.

sagalee qaraatii faatihaa dhaggeefadhu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi