barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Rogaalee salaataa, dirqamoota isii, balleessituu isiitiifii jibbamtuu isii.

Salaanni rogaafii dirqamoota isiin malee hin dhaabbanne qabdi, kan isii dhiisuudhaan baddu, barnoota kana keessatti roga salaataa, dirqamoota isii, balleessituu isii, jibbamtuu isiiti baratta.

  • roga salaataa baruu.
  • dirqamoota salaataa baruu.
  • balleessituu salaataa baruu.
  • sujuuda irraanfii barachuu.
  • jibbamtuu salaataa baruu.

Rogaalee salaataa.

isiin qaama salaataa hangafoota, tan yoo beekaa dhiisan salaanni badu. tan yoo irraanfatanii dhiisan isii fiduun sujuuda irraanfii godhuun dirqamaati, kana godhuu baannaan salaanni nibaddi.

Rogaaleen salaataa

١
takbiira hidhannaa.
٢
dandeenyaan dhaabbachuu.
٣
faatihaa qara'uu.
٤
rukuu'a
٥
irraa ol jedhanii diriiranii dhaabbachuu.
٦
sujuuda.
٧
sujuuda lameen jidduu taa'uu.
٨
tashahudaa boodaa taa'anii qara'uu.
٩
gadi itituu
١٠
salaammatuu
١١
tarree arkaanaa eeggachuu.

dirqamoonni salaataa

isiin qaama salaataa kan dirqama tahe, tan yoo beekaa dhiisan salaanni baddu. yoo irraanfatee dhiise salaata guutee xumura salaata isaarratti sujuuda irraanfii lama sujuuda.

dirqamoota salaataa.

١
allaahu akbarii hunda tan hidhannaa malee.
٢
(subhaana Rabbiyal aziim) rukuu'a keessatti yoggu takka jechuu.
٣
(sami'allaahu liman hamidahuu) jechuu imaamaafii kophaween.
٤
(Rabbanaa walakal hamdu) jechuu hundinuu.
٥
(subhaana Rabbiyal a'ilaa) yoggu takka jechuu sujuuda keessatti.
٦
(Rabbigfirlii) yoggu takka jechuu teessuma sujuuda lameen jidduutti.
٧
tashahuda duraa taa'anii qara'uu.

dirqamoonni kuni yoo irraanfiin dhiisan namarraa buuti, sujuuda irraanfiittu guuta.

sunnaalee salaataa.

wanni salaata keessatti dhufe jechootaafii hojiinis, tan rogaafii dirqamoota salaataa hintahin hundi sunnaa salaata guuttu, isirratti tiiyfachuun dirqama, garuu ammoo salaanni isii dhiisuun hinbaddu.

sujuuda irraanfii.

inni sujuuda lama kan Rabbiin ir'innaafii dogoggora salaataa guutuuf karaa godhe.

sujuunni irraanfii yoom barbaachisa?

١
salaatarratti dogoggoraan rukuu'a yookaa sujuuda, yookaa dhaabbata, yookaa teessum yoo dabale dhumarratti sujuuda irraanfii sujuuda.
٢
yoo roga salaataa ir'ise roga ir'ise san fideeti waan sanii asiillee irra deebiee boodarra sujuuda irraanfii sujuuda.
٣
dirqamoota salaataa kan akka tashahuda duraa yoo irraanfatee dhiise sujuuda irraanfii sujuuda.
٤
yoo heddummina raka'aa shakke yaqiina qabata suni kan irra xiqqaati, eegasii irratti guutee sujuuda irraanfii sujuuda.

akkaataa sujuuda irraanfii.

sujudni irraanfii bekka lama qaba. lameen keessaa kama fedhetti sujuuda.

١
tashahuda boodaa dhumarratti osoo hin salaamanne sujuudee eegasii salaammata
٢
eega salaatarraa salaammate sujuuda eegasii irra deebi'ee salaammata.

waan salaata balleessu.

isiin waan salaata balleessaati, salaata irra deebianii salaatuu barbaachisa.

waan salaata balleessu.

١
roga yookaa ulaagaa salaataa tokko dandayaa osoo yaadatuu dhiisuu. irraanfirrattis eega yaadachiifame yoo dhiise salaanni nibaddi.
٢
dirqamoota salaataa yaadataa dhiisuu.
٣
beekaa haasawuu
٤
sagaleen kofluu
٥
sossohiinsa hedduu walittidhaabbatu rakkoon maletti.

jibamtoota salaata keessatti.

isiin hojii sawaaba salaataa ir'istu, tan khushuu'aa fii kabajaa isii ir'iftu.

salaata keessatti mil'atu.

nabiin s.a.w. salaata keessatti mil'aturraa gaafatamanii akki jedhan " isiin butatiinsa salaata gabrichaarraa butatuudha". bukhaarii 751

harkaafii fuulaan yookaa kan birootiin taphachuu.

harka kalerra kaayaachuu, quba walkeessa naquu

osoo qalbiin irraa shaagalamtee jirtuu salaatatti seenuu.

osoo mana fincaaniifii udaan isa qabee jiruu, yookaa beelayee nyaata dhihaate biratti mashguula tahaa salaatuun jibbamaadha. nabiin s.a.w. akkana jedhe "nyaataa dhihaate salaatuun hintahu, osoo fincaaniif udaan nama jarjarsaniis salaanni hintahu" muslim 560

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi