barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree salaata jum'ah (gamtaa).

ibsa salaanni jum'ah salaatoowwan muslimarratti dirqama godhaman hangafoota keessaayi, barnoota kana keessatti sadarkaa salaata jum'aatiifii sadarkaa isii baratta.

kayyoo      sadarkaa salaata jum'ah baruu.                  seeraafii akkaataa salaata jum'ah baratta.                  nama rakorraa salaata jamaa'arraa hafuun isaaniif hayyamamu baruu.

salaatul jum'ah

guyyaa jum'ah yeroo salaata zuhrii salata jum'ah Rabbiin dirqama ummata muslimaarratti godhe. isiin salaata guddoo sadarkaan isii olfuudhamaati. torbaanitti muslimtoonni isiif walittiqaban, isii keessatti gorsaafii qajeelfama imaama isaaniirraa dhaggeeyfatan, eegasii salaatanii addagalan.

sadarkaa guyyaa jum'ah.

guyyaa jum'ah irra caalaa guyyaa torbaaniiti, irra kabajamaa. guyyaalee kaanirra Rabbiin isa caalchise. yeroo biraarra waa hedduun caale sankeessaa:

1- rabbiin ummata muhammad jum'aa badhaase ummata hunda keessaa. nabiin s.a.w. akki jedhe "nama nudura dabre Rabbiin jum'arraa dogoggorsiise yahuudaaf guyyaa sabtiittu tahe, nasaaraaf guyyaa alhadaattu tahe, Rabbiin nufideeti jum'atti nuqajeelche" muslim 856

2 aadam guyyaa jum'aa uumame, qiyaamaanis isa keessa dhaabbatti, nabiin s.a.w. akki jedhe "caalaan guyyaa aduun irratti baatee guyyaa jum'aati, isaa keessa aadam uumame, isuma keessa jannata seensifame, isuma keessa isirraa baafame. qiyaamaan guyyaa jum'aa malee hinbuutu". muslim 854

salaanni jum'ah eenyurratti dirqama taati?

١
dhiira malee dubartirratti dirqamaa miti.
٢
nam dirqamaseene tahuu, maraataafii joollee xixiqqorratti dirqamaa miti.
٣
nama biyya taa'u, kan karaa deemurratti dirqamaa miti. nama baadiyyaa fagoo keessa addaan faca'ee jirurrattis dirqamaa miti.

seeraafii akkaataa salaata jum'ah.

salaata jum'aatiif qophaawuu.

salaata jum'aa dura qaama dhiqachuu barbaachisa, oso khuxbaan hinjalqabamne masgiidatti ganamuu, urgeefachuu, uffata bareedaa uffachuu.

khuxbaa jum'ah.

muslimtoonni masgiidatti walitti qabaman. imaamni duratti achi bahee minbararratti olbaha, ummatatti fuula asdeebiee khuxbaa lamaan isaan gorsa. lameen jiddutti teessuma xiqqoon adda baasa. isaan lameen keessatti sodaa Rabbii isaan yaadachiisa. gorsaafii naamusa qajeelfamaa isaaniif dabarsa.

salaattonni khuxbaa dhaggeefachuun dirqama, haasawaan sijaajaa haxaawuun, cirracha yookaa biyyee haxaawuun isirraa shaagaluun dhoowwaadha.

eegasii imaamtichi gadi buee salaanni iqaamaa godhamtee ummataan raka'aa lama salaata. sagalee olfuudhee qara'a.

nama salaanni jum'ah jalaa dabre.

salaanni jum'ah muslimtoonni masgiidatti walgayanii salaatan.namni jalaa dabarte yookaa rakkoof irraa hafe bakka isii zuhrii salaata. jum'aan isaarraa fayyaa hintaatu.

namni salaata jum'aaraa booda aane.

namni salaata juma'aarraa booda aanee imaamaan wajji raka'aa takkaa gad dhaqqabate salaata zuhriiti guuttata.

nama jum'aan itti dirqama huntahin kan akka musaafiraafii dubartii isaaniif nitaati, yoo jamaa'aa muslimaa wajji salaatan.salanni zuhrii sanumaan irraa guutamti

jum'aa dhaquun dirqama

namni irratti waajibaa salaata jum'ah dhufuu sharii'aan dirqama goote. isirraa waayee duniyaatiin shaagalamuu nidhoowwite. Rabbiin akkana jedhe " yaa warra Rabbitti amantan guyyaa jum'aa keessatti yoogguu salaataaf lallabame kara ibaadaa Rabbii deemaa, gurgurtaa dhiisaa santu isiniif caala yoo kanbeytan taatan". jum'ah 9.

nama salaata jum'aarraa hafe nabiin maaliin akeekkachiise?

Nabiin s.a.w. nama rakkoo qabatamaa shari'aan beeyte malee jum'arraa hafe qalbii isaarratti cufuudhaan akeekkachiise. nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni jum'ah sadi hafe laaffisee rakkoo takka malee, Rabbiin qalbii isaa cufa". abuu dawud 1052. ahmad 15498. qalbii isaa cufa jechuun nihagooga nigoggoysa akka qalbii munaafiqaafii warra dilaayeeti godha jechuudha.

Rakkoon jum'arraa hafuun namaaf hayyamamuuf maali?

nama jum'aan itti dirqamaa yoo rakkoon mul'attuun isatti ulfaattu yookaa fayyaafii jiruu isaarra miidhaa fidde hafuun nihayyamamaaf.

hojiin itti fufuun rakkoo ju'arraa nama hanbiftu nitahaa?

hojii itti fufuun akka rakkoo jum'arraa nama hanbiftuutti hinlaalamu. yoo karaa lamaan tahe malee.

1- hojii san keessa bu'aan guddaan kanjiruufii dirqama hafee hojjachuu kan qabu, kan biraa deemuu hintaane tahe, kan yoodhiise rakkoon guddoon uumamatuufii kan namni isarraa bakka bu'u hinjirre yoo tahe.

fakkeenya.

١
haakima balaafii dhukkuba jarjarsaa wal'aanu.
٢
wardiyyaa hidhataa lubbuu namaatiifii qabeenya eegu kan yoo biraa deeme gaaga'amtu.
٣
nama warshaa guddaa hojjachiisu kan bira fagaachuu hintaane.

2- hojiin suni galii isaa kan san qofa tahe tahuudha. isaafii maatiin isaa san malee waan nyaata, dhugaatii fii dirqamoota kana fakkaatan ittiin guuttattan qabaachuu dhabuu. kuni salaata jum'ah hafee hojii isaa ittifufuun isaaf nihayyamama. hanga hojii biraa argatutti. takkaa gargaarsa biroo kan maatii isaatiin sooru argatutti. kanumaan wajji hojii biroo tan salaataan wajji deemtu barbaaduun iyyaafachuun dirqama.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi