kutaan ammaa model
Barnoota mata duree salaata jum'ah (gamtaa).
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
guyyaa jum'ah yeroo salaata zuhrii salata jum'ah Rabbiin dirqama ummata muslimaarratti godhe. isiin salaata guddoo sadarkaan isii olfuudhamaati. torbaanitti muslimtoonni isiif walittiqaban, isii keessatti gorsaafii qajeelfama imaama isaaniirraa dhaggeeyfatan, eegasii salaatanii addagalan.
sadarkaa guyyaa jum'ah.
1- rabbiin ummata muhammad jum'aa badhaase ummata hunda keessaa. nabiin s.a.w. akki jedhe "nama nudura dabre Rabbiin jum'arraa dogoggorsiise yahuudaaf guyyaa sabtiittu tahe, nasaaraaf guyyaa alhadaattu tahe, Rabbiin nufideeti jum'atti nuqajeelche" muslim 856
2 aadam guyyaa jum'aa uumame, qiyaamaanis isa keessa dhaabbatti, nabiin s.a.w. akki jedhe "caalaan guyyaa aduun irratti baatee guyyaa jum'aati, isaa keessa aadam uumame, isuma keessa jannata seensifame, isuma keessa isirraa baafame. qiyaamaan guyyaa jum'aa malee hinbuutu". muslim 854
salaanni jum'ah eenyurratti dirqama taati?
salaata jum'aa dura qaama dhiqachuu barbaachisa, oso khuxbaan hinjalqabamne masgiidatti ganamuu, urgeefachuu, uffata bareedaa uffachuu.
muslimtoonni masgiidatti walitti qabaman. imaamni duratti achi bahee minbararratti olbaha, ummatatti fuula asdeebiee khuxbaa lamaan isaan gorsa. lameen jiddutti teessuma xiqqoon adda baasa. isaan lameen keessatti sodaa Rabbii isaan yaadachiisa. gorsaafii naamusa qajeelfamaa isaaniif dabarsa.
salaattonni khuxbaa dhaggeefachuun dirqama, haasawaan sijaajaa haxaawuun, cirracha yookaa biyyee haxaawuun isirraa shaagaluun dhoowwaadha.
nama salaanni jum'ah jalaa dabre.
namni salaata jum'aaraa booda aane.
nama jum'aan itti dirqama huntahin kan akka musaafiraafii dubartii isaaniif nitaati, yoo jamaa'aa muslimaa wajji salaatan.salanni zuhrii sanumaan irraa guutamti
jum'aa dhaquun dirqama
nama salaata jum'aarraa hafe nabiin maaliin akeekkachiise?
nama jum'aan itti dirqamaa yoo rakkoon mul'attuun isatti ulfaattu yookaa fayyaafii jiruu isaarra miidhaa fidde hafuun nihayyamamaaf.