barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Mata dureen salaataa nama dhukkubuufii karaa deemuu.

Ibsa islaamummaan amantii laaffistuufii rakkoo deemsiftuudha. san keessaa seera salaataa tokko tokko yeroo dhukkubaafii karaa deemsaa namarraa fooyyesite. barnoota kana keessatti seera salaata nama dhukkubuutiifii karaa deemuuti baratta.

Kaayyoo   seera salaata nama karaa deemuu baruu.                 seera salaata nama dhukkubsatuu baruu.

haala hunda keessatti waan sammuun fayyaa qabaattee ufbeekeen salaanni muslimarratti diqama. garuu islaamummaan haalaafii rakkoo namaa ilaalcha keessa galcha. san keessaa haala dhukkubsataatiifii kara deemaati.

kara deemaaf maaltu hayyamame?

kara deemaan yeroo deemsarra jiruufii yeroo boqonnaa xiqqoof guyyaa afuurii gadiitiif qubate salaata raka'aa afurii lamatti gabaabsuun hayyamameef. zuhrii asriifii ishaa'ii bakka raka'aa afurii lamalama salaata. amoo yoo imaama karaa hindeemnetti hidhate guuteetuma afur salaata.

kara deemaan sunnaalee fardii jalaa nidhiisa tan salaata fajrii malee. salaata halkanii witrii ammoo irratti tiiyfama (hindhiisu).

kara deemaan zuhriif asrii akkasuma magriibaaf ishaa'ii yeroo takkoo isaan lameeniitti walitti qabuu nidandaya. keeysaawuu yeroo deemsarra jiru yoo tahe. kuni laaffisiinsaafii rahmata Rabbirraa taheedha.

salaata dhukkubsataa.

dhukkubsataan yoo dhaabbatee salaatuu dadhabe yookaa itti ulfaate yookaa dhukkuba isarra tursiise taa'eeti salaata. yoo hindandayin cinaacharratti ciisee salaata. Nabiin s.a.w. akki jedhe "dhaabbadhuu salaati, yoo hindandayin taaii salaati, yoo hin dandayin cinaacharratti ciisii salaati" bukhaarii 1117.

seera salaata dhukkubsataa.

١
namni rukuu'aafii sujuuda dadhabe hanguma dandaye akeeka.
٢
namni lafa taauun itti ulfaatu kursiifii fakkaataa isaarra taa'a.
٣
namni salaata hundarratti dhukkubaaf jecha xahaaratuun itti ulfaatu salaata zuriif asrii akkasuma magriibaafii ishaa'ii walitti qabuu nidandaya.
٤
namni dhukkubaaf jecha salaataaf bishaaniin fayyadamuu dadhabe biyyeen taymuuma godhata.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi