barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota hiikaa muhammad ergamaa Rabbii tahuu.

hiikkaa muhammad ergamaa Rabbii tahuu hubachuun waasawa isaa dhuga'oomsuu, ajaja isaa raawwachuu, dhoowwaa isaarraa fagaachuu, akka ergamaan Rabbii karaa nuuf godhetti Rabbi gabbaruu,

hiikkaa muhammad ergamaa Rabbii tahuu ragaa bahuu.

hiikkaa ragaa muhammad ergamaa Rabbii tahuu.

kuni waan asiigadii kana ufkeessaa qaba.hiikkaan muhammad ergamaa Rabbii jedhu, haasawa isaa dhuga'oomsuu, ajaja isaa qeebaluu, waan dhoowwerraa fagachuu, akka nabiin s.a.w.heereefii barsiisetti Rabbi gabbaruu,

oduu nabiin s.a.w. odeesse hunda dhuga'oomsuu, san keessaa

١
amrii fagoofii guyyaa qiyaamaa jannataf qananii isii, ibiddaafii azaaba isii.
٢
mallatoo qiyaa fii wan guyyaa san keessatti argamufii waan zamana boodaa keessatti argamu.
٣
oduu warra duriitiifii warra boodaa waan anbiyootaafii ummata isaanii jiddutti argame.

ajaj isaa tole jedhanii dhoowwaa isaarraa dhoowwamuu sunis kanneen ufkeessaa qaba.

١
waan inni itti nu ajaje hojjachuu, inni ufirraa kaasee hin haasawu beeysisa Rabbiitiini jennee amanuu. Rabbiin akkana jedha "namni rasuulaaf ajajame Rabbiifis ajajame) nisaa'i 80
٢
waan haraam tan inni irraa nu dhoowwerraa dhoowwamuu, amala fokkataafii adeemsa badaa. wanni haraam tanarraa dhoowwamneef ogummaa Rabbiin fedheefi jennee amanuu, sababiin nurraa dhokachhuu mala, faaydaa keenyaafilleedha.
٣
nidhugaoomsina nabiif s.a.w. ajaja isaa hojjannee waan dhoowwerraa dhoowwamuuntoltuufii milkii adduniyaafii aakhiraa walitti nuuf qabdi. Rabbiin akkana jedhe "Rabbiifii ergamaa isaatiif ajajamaa akka milkooytaniif" aala imraan 132
٤
nidhugaoomsina namni ajaja nabiyyii dideazaaba laalessaa keessa seena, Rabbiin akkana jedhe"warreen ajaja isaa didan balaan isaan tuquu haasodaatanii, yookaa azaabni laaleysa tahe isaanitti bu;uu haasodaatanii" nuur 63

akka nabiin karaa nuuf godhetti malee Rabbi gabbaruu dhabuu.kuni waan mirkaneessu qabnu hedduu ufkeessa qaba.

isatti hidhachuu

sunnaan rasuulaa qajeelfamni isaahojiifii jechoonni isaa, mirkaneessuun isaa, hundi qajeelfama keenya kan hordofnu, jiruu teenya keessatti, gabrichi hanguma nabitti hidhachuu jabeeyse sadarkaan isaa Rabbi biratti olfuudhamti Rabbiin akkana jedhe "jedhiin yoo kan Rabbiin jaalattan taate najala deemaa. yoggus Rabbiin isin jaalataa, dilii teessanis isiniif araaramaa, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha".

seera shari'aa guutuu.

nabiin s.a.w. diiniifii seera Rabbii guutuu osoo hin ir'isin geessee jira.namni tokkoolleenuu ibaadaa nabiin karaa hingodhin karaa godhuuun hinhayyamamu.

seerri shari'aa Rabbii bakka hundaafii yerroo hundatti mijjaawaadha.

seerri shari'aa kan qur'aanaaf hadiisaan dhufe yeroo hundaafii iddoo hundatti mijjaawaadha, Rabbii isaan uummerra kan waan ilmaan namaatii tolu beeku hinjiru.

sunnaan waliifgaluu.

akkaataan ibaadaan itti qeebalamtu Rabbiif qulqulleessuu, akka ergamaan Rabbi s.a.w. itti karaa nuufgodherratti tahuudha. akkuma Rabbiin oltahe jedhu "namani milkii guyyaa rabbii isaatiin walitti dhufuu kan kajeelu tahe hojii gaarii haa hojjatuu, gabbartii Rabbii isaa keessatti tokkollee hinqindeessin".kahfi 110. hojii gaarii jechuun sirraawaa karaa ergamaa Rabbiirratti tahe jechuudha.

bid'aan haraami.

namni ibaadaa yookaa hojii karaa ergamaa Rabbiirratti hintahin baasee isiin Rabbi gabbaruu yaade dogoggore. fakkeenyaaf akka nama salaata akkaataa shari'aa keessa hinjirretti salaatuu, kun shari'aa falleesse, dilaaye, hojiin isaas bu'aa hinqabuuf. Rabbiin akkana jedhe "warreen ajaja isaa faallessan balaan isaan tuqu yookaa azaabni laalessaan isaan tuquu haasodaatanii". nuur 63. nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni diin keenya kana keessatti waan isarraa hintahiinhaarawa fideinni deefamaadha". bukhaarii 2250. muslim 1718.

nabiin s.a.w. jaalachuu.

waan ergamaa Rabbiitti amanuun walqabatu keessaa Rabbiifii ergamaa isaa waan hundarra jaalachuu. nabiin s.a.w. akkana jedhe "tokkoon keessan hin amanu hanga ani isa biratti irra jaalatamaa tahutti abbaa isaa ilmaan isaatiifii nama hundarra". bukhaarii 15. muslim 44.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi