kutaan ammaa model
Barnoota hiikaa muhammad ergamaa Rabbii tahuu.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
kuni waan asiigadii kana ufkeessaa qaba.hiikkaan muhammad ergamaa Rabbii jedhu, haasawa isaa dhuga'oomsuu, ajaja isaa qeebaluu, waan dhoowwerraa fagachuu, akka nabiin s.a.w.heereefii barsiisetti Rabbi gabbaruu,
oduu nabiin s.a.w. odeesse hunda dhuga'oomsuu, san keessaa
ajaj isaa tole jedhanii dhoowwaa isaarraa dhoowwamuu sunis kanneen ufkeessaa qaba.
akka nabiin karaa nuuf godhetti malee Rabbi gabbaruu dhabuu.kuni waan mirkaneessu qabnu hedduu ufkeessa qaba.
isatti hidhachuu
seera shari'aa guutuu.
seerri shari'aa Rabbii bakka hundaafii yerroo hundatti mijjaawaadha.
sunnaan waliifgaluu.
bid'aan haraami.
waan ergamaa Rabbiitti amanuun walqabatu keessaa Rabbiifii ergamaa isaa waan hundarra jaalachuu. nabiin s.a.w. akkana jedhe "tokkoon keessan hin amanu hanga ani isa biratti irra jaalatamaa tahutti abbaa isaa ilmaan isaatiifii nama hundarra". bukhaarii 15. muslim 44.