kutaan ammaa model
Barnoota Rabbummaa isaatti amanuu.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
hiikkaa Gooftummaa Rabbiitti amanuu.
Rabbiin kan waan umama keesa jiru kna hunda uume, isa malee ka uumu hinjiru, Rabbiin akki jedhe "Rabbiin kan waahunda uume".ammoo wanni ilmi namaa hojjatu umma Rabbi akka tokkorraa akka birootti jijjiiruudha, umaa dhugaatii miti walitti qabuudha, namni dhabamarraa hinargamsiisu, du'aa hinjiraachisu.
Rabbiin kan uumamtoota hundaaf rizqii kennu, isa malee ka razzaqu hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "lubbu qabeeyyiin lafarratti taate takkalleenuu hin taane rizqiin isii Rabbirratti tahu malee ". huud 6.
Rabbiin kan waahundi qabeenya isaa tahe, qabaataan dhugaa isa malee hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "mootummaan samiileefii dachiifii waan isaan lameen jiddutti tahee kan Rabbiiti ". maa'idaa 120
inni ka waa hunda taligu Rabbi malee kan taligu hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "amrii taliga samirraa dachitti". sajdah 5.
qindeessa Rabbiitiifii qindeessa namaa
mushriktoonni arabaa zamana nabii gooftummaa Rabbii nimirkaneessan.
Rabbiin kan waa hunda uumee,kan qindeessuu, kan ajjeessee kaasee jiraachisuu dhuga'oomsu, akkamitti ibaadaa qoodee Rabbi malee kan birooti godha? kuni irra fokkataa zulmiitiifii irra guddaa diliiti, kanaaf luqmaan ilma isaa yeroo gorsu akki jedheen "yaa ilma kiyya Rabbitti hinqindeessin, shirkiin badii guddoodhaa".luqmaan 13.
nabiin dilii tamtu Rabbi biratti irra hamtuu jedhanii gaafannaan "rabbii si uumetti shariika godhuu". jedhe. bukhaarii 4207 muslim 86
uumaan tokkoolleen murtii Rabbii jalaa bahuu hindandayuu yoo beeke gabrichi. waan Rabbiin mootii isaanii kan akka fedhetti ogummaa isaatiin isaan garagaggalchu waan taheef, inni kan isaan hunda uumee, kan amriin isaanii hundi harka isaa keessa jirtu, isa malee kan uumu hinjiru, isa malee kan rizqii kennu hinjiru, isa malee kan uumamtoota qindeessu hinjiru, firiin xiqqoon takka fedhii isaa malee hinsossootu, fedhii isaa malee hinteessu, kana hunda namni beeke qalbiin isaa Rabbitti rarraati, isuma kadhatti, isumatti haajamti, dhimma jiruu hunda keessatti rabbuma qofarratti irkatti.