barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

hiikkaa Gooftummaa Rabbiitti amanuu.

.inni amanuufii dhuga'oomsuudha, Rabbiin gooftaa hundaa tahuu isaa,mootii hunda uumee razaqu tahuu isaa,inni kan jiraachisee ajjeesu tahuu, kanfayyadu kan miidhu tahuu, kan amriifii murtiin hundi harka isaa keessatti taateedha.shariika hinqabu,kana jechuun Rabbiin hojii isaatiin isa tokkichoomsuu jechuudha.

Rabbiin kan waan umama keesa jiru kna hunda uume, isa malee ka uumu hinjiru, Rabbiin akki jedhe "Rabbiin kan waahunda uume".ammoo wanni ilmi namaa hojjatu umma Rabbi akka tokkorraa akka birootti jijjiiruudha, umaa dhugaatii miti walitti qabuudha, namni dhabamarraa hinargamsiisu, du'aa hinjiraachisu.

Rabbiin kan uumamtoota hundaaf rizqii kennu, isa malee ka razzaqu hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "lubbu qabeeyyiin lafarratti taate takkalleenuu hin taane rizqiin isii Rabbirratti tahu malee ". huud 6.

Rabbiin kan waahundi qabeenya isaa tahe, qabaataan dhugaa isa malee hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "mootummaan samiileefii dachiifii waan isaan lameen jiddutti tahee kan Rabbiiti ". maa'idaa 120

inni ka waa hunda taligu Rabbi malee kan taligu hinjiru, Rabbiin akkana jedhe "amrii taliga samirraa dachitti". sajdah 5.

qindeessa Rabbiitiifii qindeessa namaa

ilmi namaa dhimma jiruu isaa qindeessuun, karoorsuun waan harka isaa keessa jiru qofarratti gabaabbata, waan dandayu qofaan taha, qindeessuun isaa bu'aa buusuufii buusuudhabuutu mala. ammoo qindeessi Rabbii hunda ammata tokkolleen keessaa hinhafu, raawwatamaadha wanni takkalleenuu isa hingufachiisu. Rabbiin akkana jedhe "dhagayaa uumuufii ajajuunis isaaf taate Rabbiin barakeeffame gooftaa alamaa tahe". airaaf 54

mushriktoonni arabaa zamana nabii gooftummaa Rabbii nimirkaneessan.

mushriktoonni zamana nabii s.a.w. Rabbiin isumatu uumee, moheefii, qindeesse, isa tahuu dhuga'oomsanii jiran. kuni qoftiin islaamummaa isaan hinseensifne. Rabbii akkana jedha "eenyutu samiileefii dachii uume jettee yoo isaan gaafatte Rabbuma siin jedhan". luqmaan 25. Namni Rabbiingooftaa alamaati kan isaan uume, kan qananii isaatiin isaan guddise jechuu dhuga'oomse ibaadaan Rabbi tokkichoomsuun dirqama isatti taha, isuma qofaaf qulqulleessuunis dirqama taha.

Rabbiin kan waa hunda uumee,kan qindeessuu, kan ajjeessee kaasee jiraachisuu dhuga'oomsu, akkamitti ibaadaa qoodee Rabbi malee kan birooti godha? kuni irra fokkataa zulmiitiifii irra guddaa diliiti, kanaaf luqmaan ilma isaa yeroo gorsu akki jedheen "yaa ilma kiyya Rabbitti hinqindeessin, shirkiin badii guddoodhaa".luqmaan 13.

nabiin dilii tamtu Rabbi biratti irra hamtuu jedhanii gaafannaan "rabbii si uumetti shariika godhuu". jedhe. bukhaarii 4207 muslim 86

gooftummaa Rabbiitti amanuun qalbii nama tasgabbeessa.

uumaan tokkoolleen murtii Rabbii jalaa bahuu hindandayuu yoo beeke gabrichi. waan Rabbiin mootii isaanii kan akka fedhetti ogummaa isaatiin isaan garagaggalchu waan taheef, inni kan isaan hunda uumee, kan amriin isaanii hundi harka isaa keessa jirtu, isa malee kan uumu hinjiru, isa malee kan rizqii kennu hinjiru, isa malee kan uumamtoota qindeessu hinjiru, firiin xiqqoon takka fedhii isaa malee hinsossootu, fedhii isaa malee hinteessu, kana hunda namni beeke qalbiin isaa Rabbitti rarraati, isuma kadhatti, isumatti haajamti, dhimma jiruu hunda keessatti rabbuma qofarratti irkatti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi